Oduu: Itoophiyaan mimanni hoggantoota waraanaa fi siiviilii ABUT irratti baname ture addaan citee

Finfinnee, Bitootessa 30/2023 – Himanni hoggantoota waraanaa fi siiviilii ABUT yakkaan shakkamanirratti banamee ture adda cituu Ministeerri Haqaa beeksise.

Waliigaltee Nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti Piriitooriyaatti taasiifame hordofee sababa walitti bu’iinsaan yakki raawwatame karaa ce’umsa haqaan akka ilaallamu qabu waliigalamuu ibsameera.

Muuxannoo idil addunyaa tilmaama keessa galchuun yakkawwan walitti bu’iinsaan walqabatee raawwatamaniif itti gaafatamummaa ilaalchisee adeemsa ce’umsa haqaan akka ilaallamu waliigalamuu Ministeerri Haqaa beeksiseera.

Akka gabaasa FBC irratti baheetti, haaluma kanaan hoggantoonni waraanaa fi Siiviilii ABUT yakkaan shakkamuun himatamanii turan dhimmi isaanii yeroo itti aanu adeemsa ce’umsa haqaan akka ilaallamu barbaachisaa ta’ee argamuu himameera.

Akkaatuma kanaan himanni banamuun adeemsa falmiirra ture bu’uura labsii himannaa yakkaa lakkoofsa 943/2008 keewwata 6 muraa 3tiin himannichi ka’uu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.