Oduu: Yakkamaan daa’ima umrii waggaa lamaa haala suukkanneessaan ajjeese hidhaa cimaa waggaa 25 irratti murtaa’e

Finfinnee, Bitootessa 30/2023 – Godina Arsii Lixaatti namni daa’ima umrii waggaa lama gowwoomsee ukkaamsuun maatii irraa qarshii 100,000 gaafachuun qarshii gaafatame san argachuu dhabnaan gara bosona keessa fudhachuun haala suukkanneessa ta’een erga ajjeese booda qaama isaa cicciree awwaalee hidhaa cimaa waggaa 25 irratti murtaa’uu Kominikeeshinii Godina Arsii Lixaa beeksise. · 

Akka odeeffannoo waajjira Kominikeeshinii Godina Arsii Lixaa irraa argameen, himatamaa Izaddiin Kamaal jedhamu guyyaa Guraandhala 08, 2023 ganama keessa tilmaamaan sa’aa 1:00 yoo ta’u Godina Arsii Lixaa magaalaa Dodolaa ganda Madda Waabee bakka addaa mana jireenyaa abbaa du’aa Abdulkariim Huseen jedhamu dhaqee obboleettii abbaa du’aa Aashiyaa Huseen jedhamtu gowwoomsuun du’aa daa’ima umriin isaa waggaa 2 ta’e, “juusii bitaaf” jedhee erga fuudhee deeme booda dhoksuudhaan guyyuma kana abbaa daa’imaatti bilbiluun “daa’ima kee argachuu yoo barbaadde qarshii 100,000 lakk. herreega baankii kiyya irratti yoo hin galchine daa’ima kan kee argachuu hin dandeessu” jechuudhaan guyyaa lama booda haala sukkaneessaa ta’een daa’ima kana hiituu kopheetiin hudhee ajjeese.

Erga ajjeese booda Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa bosonaa keessatti qaama isaa cicciree keeshaatti naqee boolla Awwaaldigessaa keessatti awwaale. 

Galmeen yakkaa irratti qulqullaa’ee erga xumuramee booda Abbaan Alangaa Godina Arsii Lixaa seera yakkaa  bara 1996 bahe keewwata 586 fi 539(1) jalatti Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaatti himate. Manni Murtii himannaa kana irratti bitaa fi mirga falmisiisaa erga turee booda keewwata ittiin himatame jalatti murtii balleessaa itti kennuun dhaddacha Bitootessa 29, 2023 ooleen adabbii hidhaa cimaa waggaa 25tiin adabeera. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.