Oduu: WBOn gama mootummaa irraa yaalii marii nagaa hoggansa WBO waliin taasisuuf godhame akka hin jirre beeksise

Ajajaa Olaanaa WBO, Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroo jedhamuun beekama,: Suuraa: Screeshot/AS

Finfinnee, Bitootessa 29/2023 – Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) ibsa kaleessa Bitootessa 28 baaseen, hidhattoota WBO qunnamuuf yaaliiwwan kudhanii ol taasifamaa turaniiru jedhamee MM Abiy Ahimadiin ibsame dhugaa haala marii nagaa kan ibsu miti jedhe. Haata’u malee marii nagaa qaama sadaffaa sirrii ta’een hogganamu taasisuuf abdii mul’atan jiraachuu ibseera.

Haasaa Ministira Muummee Itoophiyaa, Abiy Ahmad (PhD), dhimma adeemsa marii nagayaa mootummaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (kan mootummaan Shanee jedhe waamu) gidduutti ni adeemfama jedhame abdatame ilaalchisee walga’ii idilee mana maree bakka bu’oota uummataa 11ffaa irratti dubbate irratti Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) deebii kenneera. 

MM Abiy haasaa kaleessa mana marichaaf taasiseen, mootummaan garee hidhatee naannoo Oromiyaa keessa socho’u waliin furmaata nagaa argachuuf kutannoo qabaachuu ibsuun, walga’ii koree giddu galeessaa paartii Badhaadhinaa irratti dhimma marii nageenyaa garee hidhattootaa waliin taasifamu ilaalchisee irratti mari’achuun erga murteesse booda koree pirezdaantii itti aanaa paartichaan durfamu dhimma kana akka hoogganu ijaaruu fi baatii darbe keessa yaaliin marii nageenyaa 10 ol taasifamuu dubbateera.

Garuu marii godhamuuf yaadamu rakkisaa kan taasise “humna tokko ta’e waan hin taaneef, humnoonni mariisifnu yaada fi ejjennoo garaa garaa qabatanii waan dhufaniifi” jedhe.

Ibsi WBOn irraa kenname kanaanis, ibsi MM Abiy Ahmad mana marichaaf kenne dhugaa haala marii nagaa kan ibsu miti jedhameera. “Haasaa Mummichi Ministiraa keessaa ‘WBO waliin qunnamuuf yaalii taasifamaa turan’ jedhame kan dhiyaate akkuma jedhame hoggansa WBO waliin qunnamuuf yaalii taasifame osoo hin taane, koree giddu galeessitoota bobbaasuun ajajootni WBO akka harka kennatan yaalii taasifamee fashalaa’eedha,” jedha ibsi WBOn baase kun.

Adeemsi kunis yaalii “WBO diiguu” bara 2019 namoota bebbeekamoo fayyadamuun taasifame waliin walfakkaata jedhe ibsichi. “Gochoonni akkasii akka yaalii marii nagaa dhugaatti ilaalamuu hin danda’an,” kan jedhe WBOn, inumaayyuu duula tasgabbii dhabsiisu abdii nagaa balaadhaaf saaxiluuti jedhe.

Kana malees, burjaajii odeeffannoo akka WBOn ajaja tokko jala hin jirre fi waliin marii taasisuuf ulfaataa akka ta’e taasifamee odeeffamu sirri mitis jedha ibsichi. “Mootummaan hoggansa/ajajaa olaanaa WBO sirritti ni beeka,” jedhe.

“Bakka qaama sadaffaan jirutti marii nagaa taasisuun kutannoo qabnu ammas cimsinee itti fufna,” kan jedhe WBOn, marii nagaa qaama sadaffaa sirrii ta’een hoogganamu taasisuuf abdii mul’atan jiraachuu ibseera.

Miseensonni paarlaamaa Itoophiyaa naannoo Oromiyaa irraa filataman xalayaa Bitootessa 20 Gamtaa Afriikaatif erganiin, waraana gara waggaa shaniif Oromiyaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Itoophiyaa gidduu adeemsifamaa jiru nagaan akka hiikamuuf gamtichi “giddu seenee qaamolee wal waraansarra jiran gidduu waliigalteen akka uumamu akka taasisu” gaafatanii turan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.