Oduu: Tajaajilli Paaspoortii ariifachiisaa yeroodhaaf addaan cite

Waajjira muummee Tajaajila Immigreeshinii fi Lammummaa, Suuraa: Addis Fortune

Finfinnee, Bitootessa 29/2023 – Tajaajila Paaspoortii “ariifachiisaa” waajjira muummee Tajaajila Immigreeshinii fi Lammummaa, akkasumas waajjiraalee damee naannoo 11tti laatamaa ture yeroodhaaf addaan cituu waajjira Tajaajila Immigreeshinii fi Lammummaa beeksise.

Lakkoofsa abbaa dhimmaa humnaa ol ta’e muudachuu irraan kan ka’e hanna sanadootaa bal’aa mul’achuun sababa tajaajilichi dhaabbateef ta’uu ibsameera. Kana malees, abbootii dhimmaa tajaajila argachuuf halkan yeroo dhufan qaamolee seeraan alaatin dararaa fi miidhaan irra gahuu sababa biraa ta’uus eerameera.

Kanaafuu hanqinaaleen humna tajaajiluu fi kan biroo irratti mul’atan hanga sirraa’anitti tajaajilli paaspoortii ariifachiisaa yeroodhaaf dhaabbateera.

Abbootiin dhimmaa imala ariifachiisaa qaban akkuma kanaan dura godhamaa tureen Bitootessa 29, 2023 irraa eegalee waajjira muummeetti ragaa isaanii dhiyeeffachuun tajaajila argachuu akka danda’an ibsameera. Kanneen tajaajila tajaajila paaspoortii idilee barbaadaniis akkuma kanaan duraa guyyaa beellama isaanii tajaajila argatuu jedhameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.