Oduu: Mootummaan koree marii nageenyaa WBO waliin taasifamu hoogganu ijaaruun hojjechaa jira: MM Abiy Ahmad

MM Abiy Ahmad, Suuraa: Ethiopia Insider

Finfinnee, Bitootessa 28/2023 – Yaa’ii idilee 11ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa har’a gaggeeffame irratti gabaasa raawwii mootummaa baatilee jaha dhiyeessuuf mana marichaatti kan argame MM Abiy Ahmad mootummaa federaalaa koree marii nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin godhamuuf yaadame hoogganu ijaaruu beeksiseera.

Miseensi mana marichaa Abdulsamad Huseen mootummaan waraana naannoo Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru furuuf karoora qabaachuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee gaaffii qabu muummichi ministeeraaf dhiyeesseera.

Gaaffii kana yeroo deebisu mootummaan garee hidhatee naannoo Oromiyaa keessa socho’u waliin furmaata nagaa argachuuf kutannoo qabaachuu kan ibse MM Abiy, walga’ii koree giddu galeessaa paartii Badhaadhinaa irratti dhimma marii nageenyaa garee hidhattootaa waliin taasifamu ilaalchisee irratti mari’achuun murteesse booda koree pirezdaantii itti aanaa paartichaan durfamu dhimma kana akka hoogganu ijaaruu fi baatii lamaan darban keessa yaaliin marii nageenyaa 10 ol akka taasifame dubbateera. 

“Dhimma waraana hidhatee Oromiyaa keessa socho’u [kan mootummaan Shanee jedhe waamu] ilaalchisee baatii tokko/lamaan darban keessa yaalii 10 ol taasifamaniiru,” jedhe.

Waamichi araaraa mootummaan naannoo Oromiyaa yaa’ii Caffee irratti dhiyeessees waamicha mootummaan naannoo Oromiyaa qofaa isaatiin dhiyeesse osoo hin taane adeemsa raawwii murtoo akka paartii biyya bulchaa jirutti darbeedha jedhe. 

Yaa’ii  Idilee 4ffaa, Waggaa 2ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Caffee Oromiyaa Guraandhala 17 gaggeeffamuu eegale irratti Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa  Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ykn kan mootummaan “Shanee” jedhe waamuuf waamicha araaraa dhiyeessuun isaa ni yaadatama.

“Kabajamaa Caffee kana fuulduratti qaamolee hidhatanii naannoo keessa socho’an, ‘ABO-Shaneen’ akka araaraan galu kabaja olaanaadhaan maqaa uummata keenyaan gaafachuun barbaada,” jedhe Shimallis.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) gama isaatiin waamicha araaraa pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa taasise ilaalchisee deebii kenneen waamicha kan fudhatu ta’uu ibsuun adeemsi marii nageenyaa kun akka milkaa’uuf haal-duree barbaachisaa ta’an ifa hin taasifnee jedhe ture.

“Waamichi kun ABO-WBO’f kan dhiyaate miti” kan jedhe ibsichi “Pireezidaantichi ammas garee hidhate hin beekamne ABO-Shanee jedhamu waame. Kuni garaagarummaa guddaa kan uumu ta’uu baatus rakkoo walxaxaa fi burjaajjii Oromiyaa keessa jiruu fi akkaataa nageenyi bu’uu fi mootummaan akkamitti akka itti deemuu barbaadu kan akeekudha,” ibsichi jedheera.

Mariin nageenyaa kun mootummaa feederaaalaatiin gaggeeffamu akka qabuu fi hojiirra oolman waliigaltee marichaa qaama idil-addunyaatiin to’atamuu akka qabus, ibsi WBO addeesseera.

Rakkoo nageenyaa fi waldhabdee hidhattoota Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa fi Qimaant walqabatee jiru irratti bu’aan fooyya’aa argamuu kan kaase MM Abiy, “Shaneen walqabatee” ammallee dhimmoonni furmaata argachuu qaban tokko tokko jiru jedhe. Marii godhamuuf yaadamu rakkisaa kan taasise “humna tokko ta’e waan hin taaneef, humnoonni mariisifnu yaada fi ejjennoo garaa garaa qabatanii waan dhufaniifi” jedhe.

MM Abiy Ahmad ibsa har’a mana mareef laateen, mootummaan dhimmichi nagayaan akka furamu hojii irraa eegamu hojjechaa, ajjeechaa fi buqqaatii dabalataa akka hin mudanneef ammoo humnoota isaa bal’inaan gara iddoowwan rakkoo nageenyaa jiranitti akka bobbaasuus ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.