Oduu: Balaa lolaa cimaa naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti mudate buqqaatota hongeen rakkachaa jiran buqqaase; Naannoo Somaaleetti lubbuu namoota torba darbeera 

Re’oota hongee dandamatanii lolaadhaan ajjeefaman, qubsumni buqqaatotaa bishaaniin liqimfaman (Suuraa – Jiraattota)

Madihaanee Iqqubaamikaa’eliin @Medihane

Finfinnee, Bitootessa 27/2023 – Naannoo Somaalee godina Dawaa, aanaalee hongeen mudate keessatti roobni yeroo dheeraaf eegamaa ture balaa lolaa hamaa geessiseen lubbuu namoota 7 galaafateera. Roobni cimaan Bitootessa 20 hanga 23 gidduutti aanaalee godinichaa afran keessatti roobe gara lolaa cimaatti jijjiiramee namoota 4500 ol miidhee walakkaan isaanii qubsuma isaanii irraa akka buqqa’an dirqisiiseera jedhe qondaalli naannichaa Addis Standarditti hime.

Qindeessaan Bulchiinsa Sodaa Balaa Aanaa Hudet (DRM) Haasan Mohaammad Addis Standarditti akka himetti, hanga ammaatti lakkoofsi namoota du’anii 7 kan ga’e yoo ta’u, kanneen kumaatamaan lakkaa’aman ammoo kaampii buqqaatota deebii hongee duraanii irraallee buqqa’uuf dirqamaniiru. Akka Haasan jedhutti namni afur aanaa Kadaadumaa ganda Boojii keessa fi tokko ammoo ganda Hilaal keessatti yoo du’an, tokko aanaa Mooyyalee ganda El Gof keessatti tokko ammoo aanaa Hudet ganda 03 keessatti du’aniiru.

Lolaan cimaan hawaasa duraanuu hongee yeroo dheeraatiin raafamaa ture irratti dhiibbaa hamaa geessise kun dabalataan beeylada 4215 ajjeesee, meeshaalee nyaataa adda addaa kuntaala 2000 ol barbadeesse, manneen 660, mana fincaanii, fi waajjira bulchiinsa gandaa fi godinaa aanaalee adda addaatti miidhaan irra gaheera. Aanaa Kadaadumaatti qofa bishaan kuufamaa 33 ol lola’aniiru.

Addis Standard taatee kana furuuf deebii hatattamaa akka hin jirree fi namoota dhibee kanaan miidhaman bira ga’uuf nyaata, bakka jireenyaa fi keemikaala bishaan qulqulleessu akka barbaachisu hubateera.

Roobni cimaan rooba birraa eegaluu hordofee dhufe naannoo walakkeessa baatii Bitootessa keessa roobuu eegaluun laggeen yeroo dheeraaf, keessattuu waggoota afran darbanitti guutummaatti goganii turan akka guutan taasiseera.

Aanaa Mooyyalee, ganda Leheey keessatti namootni lolaa irraa of baraaruuf muka yaaban, Suuraa: Haasan Mohaammad

Jiraataa ganda El Gofaa kan ta’e Adan, roobni kun gaaddisa pilaastikii buqqaatotaaf qophaa’e lolaasuun qubsiitota gara lafa olka’aa dhiyoo jirutti dhiibuun isaa Addis Standard’f mirkaneesseera.

Jiraataa magaalaa Mooyyalee hongee fi taateewwan lolaa yeroo ammaa kana dhiyeenyaan arge Alii Ibraahim bu’uuraalee misoomaa godinichaa badaa ta’uun keessumattuu gama ijaarsa daandii irratti rakkoon jiru namoota dhibee kanaan miidhaman bira ga’uuf akka ulfaatu taasisu himeera. 

Naannoo Oromiyaa godina Booranaa keessattis lolaa kanaan beeylada dhibbaan lakkaa’aman akka du’an taasiseera. Jiraataan godina kanaa aanaa Dhaas tajaajila BBC Afaan Oromootti akka himetti, torbee darbe lolaa mudateen re’oota 63 dhabe. Qondaaltonni naannichaa ammallee miidhaa waliigalaa lolaa godinicha keessatti mudate adda baasuu hin dandeenye.

Kun kanaan osoo jiru, torbee darbe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa, Itoophiyaa keessatti naannolee adda addaatti balaan hongee fi lolaa mudachaa jiru torbeewwan dhufan keessatti hammaachuu akka danda’u beeksisee ture.

Torban tokko dura, qondaaltota aanaa fi namoonni kaampii buqqaatota keessa qubatan dabalatee namoonni adda addaa gaaddisa pilaastikii isaanii keessa jiraachuuf baay’ee rakkisaa ta’uu [yeroo aduu fi roobaa], akkasumas roobni yoo dhufeellee jalaa bahuuf kan nama hin dandeessisiisne ta’uu sodaa qaban Addis Standarditti ibsanii turan.

Haala kanaan walqabatu kan biraatiin ammoo dhuma torban darbee magaalaa Mooyyalee, fi aanaalee dhiyoo daangaa Keeniyaa waliin qooddatan keessatti weerara koleeraa mudateen namoonni shan du’uu gabaafameera. Qondaalli biiroo fayyaa magaalichaa rooba amma roobaa jiruun weerarri vaayirasichaa hammaachuu akka danda’u yaaddoo qabu ibse ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.