Oduu: Weerarri Koleeraa haaraan magaalaa Mooyyalee keessatti lubbuu namoota shan galaafate

Giddugala wal’aansa koleeraa magaalaa Mooyyaleetti argamu (Suuraa: Boruu Hukaa)

Madihaanee Iqqubaamikaa’eliin @Medihane

Finfinnee, Bitootessa 25/2023 – Weerarri koleeraa haaraan torban lamaan darbanii kaasee hanga ammaatti daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa, magaalaa Mooyyalee keessatti lubbuu namoota shan galaafateera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa magaalaa Mooyyalee godina Booranaa, Boruu Hukaa hanga ammaatti namoota shan weerarichaan du’uu isaanii Addis Standarditti mirkaneesseera; isaan keessaa lama magaalaa Mooyyalee Giddugala Wal’aansa Koleeraa (CTC) keessatti kan du’an yoo ta’u, kanneen biroo sadan ammoo osoo giddugala kana hin ga’iin du’uu isaanii gabaafameera.

Akka Boruun jedhutti guyyaatti namoota 15 dhibee kanaan qabamuun lakkoofsi namoota qabaman dabalaa dhufeera. Amma lakkoofsi namoota koleeraan qabamuun mirkanaa’e 50 kan gahe yoo ta’u, dhukkubsattoonni kunneen CTCtti adda baafamanii wal’aansa argachaa jiru.

Akka Boruun jedhutti, weerarri koleeraa kun daddarbiinsa daangaa qaxxaamuraa biyya ollaa Keeniyaa irraa kan mudate. Magaalaan Mooyyalee sababa sochii hojjettoota daangaa ce’aniin weerara daddarbaa daangaa qaxxaamuraa akkanaatiif saaxilamti.

Boruun itti dabaluudhaan weerara kana to’achuuf bulchiinsa magaalichaatiin hojiin gahaan hojjetamaa akka tureefi dameewwan fayyaa naannoo ollaa Somaalee waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru dubbateera. Haa ta’u malee, weerarri dhiyeenya kana rooba amma roobaa jiruun hammachuu akka danda’u akeekeera.

Haata’u malee gama naannoo Somaaleetti Qindeessaa Hoggansa Sodaa Balaa godina Daawwaa kan ta’e Abdirashid Ibraahim Adan Addis Standarditti akka himetti, saamuda gara Hawaasaatti ergame irraa namoota dhibichaan qabaman mirkanaa’uu eegaa akka jiran, ammas gabaasni du’a namootaa akka jiru himeera. Godinni kun godina Booranaa waliin magaalaa Mooyyalee akka teessoo bulchiinsaa waliin qooddata.

Gama biraatiin DWn Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti Qindeessaa Balaa Fayyaa Hawaasaa Masfin Wosan wabeeffachuun hanga ammaatti sababa weerara koleeraa godinaalee Oromiyaa fi Somaalee adda addaa keessatti namoonni 44 du’uu isaanii gabaaseera.

“Roobni amma roobaa jiru kun kan waqtiiti, keessumaa naannoolee biyya keenyaa kanneen waqtii roobaa ijoo fi lammaffaa ta’an kanneen ji’a birraa ta’anitti. Cimee itti fufa. Hongeen naannoolee Itoophiyaa 4 keessatti mudachuun namootaa fi beeylada irratti rakkoo hamaa fiduu qofa osoo hin taane, dhukkuboota daddarboo hanqina nyaataa fi bishaanii geessisan fidu. Naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti lubbuun namoota 44 sababa koleeraan du’uun fakkeenya kanaati,” jedhe Masfin.

Gama biraatiin akka gabaasa dhiyeenya kana Waajjira Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA) baaseetti, weerarri Koleeraa godinaalee Oromiyaa fi Somaalee keessatti aanaalee ollaa (yeroo dhiyootti Goroo Dolaa, godina Gujii) keessatti babal’achuu itti fufeera. OCHAn gabaasa isaa keessatti, Dhaabbata Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa (EPHI) wabeeffachuun akka gabaaseetti, hanga Bitootessa 14tti tilmaamaan namoonni 1,896 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, kunis namoota baatii Guraandhala keessa gabaafame irraa gara dhibbeentaa 60n dabaleera. Aanaalee 14 (Oromiyaatti 11, Somaalee 3) miidhamaniiru.

Dhiheenya kana waldaan ogeeyyii fayyaa, Oromiyaa keessatti hammeenya weerara koleeraa ilaalchisee dhaamsa dhiheessaa tureen mootummaa fi qaamotni dhimmi ilaallatu hundi tarkaanfii hatattamaa yoo hin fudhanne haalli kun itti fufiinsaan hammaatee bu’aa hamaa akka fidu jala sararee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.