Oduu: Hongee godina Gujiitti mudateen namootni kuma 700 ol gargaarsa nyaataa barbaadu – OCHA

Loon bara 2017 naannawaa Yaaballootti sababa hongeetin dhuman, Suuraa: Getty Images

Finfinnee, Bitootessa 24/2023 – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) dhibbaa hongeen godina Gujii Lixaatti muudate geessisaa jiruun jiraattotni sadarkaa olaanaan hanqina nyaataa fi bishaaniif saaxilamaa jiraachuu beeksise.

Dhaabbatichi gabaasa haaraa Bitootessa 20, 2023 baaseen yeroo ammaan kana godina Gujii keessatti namootni 701,518 sababa hongee godinicha keessatti muudateen gargaarsa nyaataa barbaadu jedhe. Gargaarsa mootummaa fi michoota irraa marsaa shanaffaatiif kennameen namootni 458,959 gargaarsa nyaataa akka argatanis gabaafameera. 

Yeroon rooba jalqabuu isaatiin maatiin gara 57,678 ta’an sanyii fi xaa’oo dabalatee galtee qonnaa barbaadu kan jedhe OCHAn, godinicha keessatti yeroo dheeraaf bishaan hanqina guddaa ta’uu ibsuun namoota 827,750 fi horii miiliyoona 1.4 atattamaan bishaan kan isaan barbaachisu ta’uu ibseera. 

Gama biraatiin ammoo mootummaa fi michoonni konkolaattota bishaanii 11 bobbaafamaniin bishaan geejjibsiisaa turaniis, hanqina konkolaattota fe’umsaa 20 fi bakkeewwan kuusaa bishaanii 62 mudachuu gabaafameera. Fedhii beeyladaa madaalame guutuuf nyaata beeyladaa walitti qabame gara kuntaala 704,427 (toonii kuma 77 ol) fi qoricha beeyladaa adda addaa doosiin miiliyoona 2.6 kan barbaachisu yoo ta’u, hanga ammaatti mootummaa fi miseensota hawaasaatiin nyaata beeyladaa (bundles) 38,979 aanaalee godinichaa hongeen miidhaman keessatti raabsameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.