Oduu: Mootummaan naannoo Beenishaangul Gumuz waliigaltee nagaa hordofee hoggantoota, miseensota garee finciltoota lama hidhaarra hiike

Miseensota garee finciltootaa Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul. Suuraa: Mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz

Finfinnee, Bitootessa 23/2023 – Mootummaan naannoo Beenishaangul Gumuz waliigaltee nagaa hordofee hoggantoota fi miseensota garee hidhattoota lama, Sochii Dimokraatawaa Uummata Gumuz fi Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul hidhaarra hiike.   

Sochii Dimokraatawaa Uummata Gumuz hoggantoota fi miseensota isaa 370 ol duula garaagaraan hidhamanii turan gadi lakkifamu beeksiseera. Akkasumas, miseensota Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul 70 ta’an hiikamuus ibsameera.

Hoggantoota fi miseensota jaarmayoota siyaasaa mormitootaa araaraa godhameen akka hiikaman Komishinarri Poolisii Naannoo Beenishaangul Gumuz Harun Umar himeera.

Beenshaangul Gumuz waggoota afran darban keessatti haleellaa, buqqa’iinsa, fi rakkoo nageenyaa irra deddeebiin namoota nagaa irratti raawwatamuuf giddugala ta’ee ture. Gareen hidhattootaa naannicha keessatti socho’an irra deddeebiin namoota nagaa irratti haleellaa, namoota dhibbaan lakkaa’aman irratti ajjeechaa fi kanneen kumaatamaan lakkaa’aman ganda isaanii irraa buqqaasaniiru.

Sababa haleellaa yeroo adda addaatti hidhattootaan raawwatamuun waggoota lamaan darbaniif naannichi harki caalaan komaandi poostii naannoo Benishaangul fi humnoota nageenyaa mootummaa federaalaa jala ture.

Baatii jaha dura mootummaan naannichaa fi garee finciltootaa naannicha keessatti waraanaan socho’u “Sochii Dimokraatawaa Uummata Gumuz”, garaagarummaa isaanii “mariidhaan” furuuf waliigaltee nagaa mallatteessaniiru.

Waliigaltee nagaa sagantaa magaalaa guddoo naannichaa Asoosaatti gaggeeffame irratti Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Ashaadlii Haasan fi Dura Taa’aan Sochii Dimokraatawaa Uummata Gumuz Giraagn Gudattaa walii mallatteessaniiru. Ashadliin waliigaltee irra ga’ame marii heera mootummaa ilaalcha keessa galchuu fi kabajuu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.

Waliigalteen kun mallataa’uus, bara darbe ji’a Bitootessa keessa haleellaan hidhattoonni otoobisii ummataa Matakkal irraa gara Gubaatti imalaa ture irratti raawwataniin yoo xiqqaate lubbuu namoota nagaa 20 galaafate; hedduu madaa’aniiru. Qondaaltonni haleellaa kanaaf “humnoota farra nagaa” maqaan isaanii hin ibsamne karaa Sudaan keessa seenanii fi kanaan duras haleellaa walfakkaatu namoota nagaa irratti raawwatan himataniiru.

Haleellaa kana booda ji’oota darban keessa, hawaasa naannichaa keessattuu Matakkal keessatti araara fiduu fi jeequmsa bara 2020 irraa eegalee hammaataa dhufe kan buqqa’iinsa, ajjeechaa, fi qabeenya irratti miidhaa geessise hir’isuuf tattaaffiin godhamaa ture.

Naannoon Beenishaangul Gumuz buqqaatota biyya keessaa fi dhaabbilee sababa rakkoo nageenyaa naannichaatiin barbadaa’an deebisanii dhaabuuf baajata Doolaara Ameerikaa miiliyoona 2.5 Baankii Addunyaa irraa argate qopheessuu ibseera.

Haaluma walfakkaatuun, mootummaan naannoo Beenishaangul Gumuz Muddee 10 garee hidhatee naannoo daangaa mootummaa naannichaa keessatti socho’aa ture Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul waliin Sudaan, Kaartuum keessatti waliigaltee nagaa mallatteesseera. Gareen kunis garee finciltootaa ji’oota lamaan darban keessatti mootummaa naannichaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessan isa lammaffaadha.

Waliigaltee nagaa mootummaa naannichaa fi Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul gidduutti Kaartuum keessatti irra ga’ame miseensonni garee hidhate hidhannoo irraa hiikanii deebisanii dhaabuun hojii ijaarsa nagaa fi misooma naannichaa irratti akka hirmaatan ni taasisa jedhamee eegamaa ture.

Haa ta’u malee, mootummaan naannichaa gahee giddu-galeessitootaa, kan Sudaan bakka qophii kana dhiyeessuuf qabdu dabalatee bal’inaan hin ibsine. Garuu miseensonni Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul naannoo daangaa Sudaan Aanaa Shirkolee, ganda Gamad jiran jiraattota aanaa Shirkolee, Mange Homoshaa, Uraa, Asoosaa fi Bambaasiitin “haala ho’aan” akka simataman ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.