Oduu: Abbaan Gadaa Karrayyu kan Ajjechaa bara 2021 irraa hafaan, walitti bu’iinsa dhiyooti ta’en rasaasaan ajjeeffaman, jiraattonni jeequmsa fi hongee itti fufiinsaan qabun rakkataacha jiru

Hogganaa Gadaa Karrayyu Michile Abba Gadaa Hawaas Maatoo Booraa (Suuraa: Jiraattota)

Finfinnee, Bitootessa 23/2023 Naannoo Oromiyaa, zoonii Shoa Bahaa, aanaa Fantaallee, miseensi olaanaa hoggantoota Gadaa Karrayyu Michile kan ta’aan Abba Gadaa Hawaas Maatoo Booraa walitti bu’iinsa yeroo dhiyoo torban darbe mudateen rasaasaan ajjeefamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Abbaa Gadaa Hawaas ajjeechaa hooggantoota Gadaa kudha afur gafa Muddee 2021 miseensota poolisii naannoo Oromiyaatiin ajjeefaman irraa lubbuun hafan isa dhumaa turan.

Jiraataan sababa nageenyaaf jecha maqaan isaa akka hin dhahamne barbaadu, Addis Standard’tti akka himanitti  Abbaa Gadaan Hawaas Maatoo Boorraa, jalqaba umrii isaanii shantama keessa kan jiraanii dha jedha, Gafa Sadaasa 12 garee hidhattoota kan Amaaraa jedhee ibseen, rasaasaan rukutamaanii, guyyaa lama booda miidhaan irra gaheen lubbuun isaanii darbu danda’eerra jedhan.

Akka jiraataan kun jedhutti, Abbaa Gadaan Hawaas bakka kaarraa jedhamutti loon osoo tiksaa jiraanii, bakka kanaan duraa Abbaan Gadaa itti ajjeeffamniiti kan hidhaatoota naannoo Amaaraa irraa dhufaaniin haleellaa tasaa irratti banameen ajjeffaman jedha.

Itti dabaluunis, hawaasa Karrayyuu fi hidhattoota naannoo Amaaraa giddutti sababa weerara lafa karrayyuutti hidhatoota naannoo Amaaraan godhameen dha, akkasumas walitti bu’iinsi itti fufee akka jiru Addis Standard’tti himaniiru.

Jiraataan lammataa haala ajjeechaa Abbaa Gadaan Hawaas Maatoo Booraa akka ajjeeffamnii Addis Standard’tti himuun miirkanessaniiru, Itti dabalun Abbaan Gadaan Hawaas namoota gafa 23 muddee 2021 hooggantoota Gadaa Karrayyuu ajjeeffaman 14 waliin booji’amanii fi ji’oota hedduuf hidhaamanii warra gadhiifaman keessa Abbaan Gadaa Hawaas isaa tokko ture.

”Abbaan Gadaan Hawaas nama kabajamaa fi jaallatamaa turan, goota kabajamaa turan, nama hawaasni Karrayyuu itti amanuu fi bakka hoggantoonni Gadaa hin jirretti hawaasni isaanii dhagahuu turan,” jechuun jiraataan kun dabalee dubbateera.

Haleellaan, saamicha lafaa fi saamicha loon hidhattoota Amaaraatiin otto wal irraa hin ciitin itti fufee raawwatamaa jira, garuu bulchiinsa godina fi mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfii fudhaacha hin jiru, ittummaayyuu mootummaan maqaa “Shene” adamsuu jedhuun hawaasa karrayyuu irratti gocha hammeenyaa raawwachaa akka jiru ibsaanii. “Shanee” jechuun kan mootumman itoophiyaa waraana Bilisummaa oromoo ittin waamudha.

“Humnoonni nageenyaa mootummaa, hawaasa Karrayyuu “Shane” gaaddisa godhatan jechuun himachuun fedhii malee hidhaa, ajjeesaa fi hidhannoo hiikkachaasa kan jiran yoo ta’u, hawaasni humnoota mootummaa waliin walii galuu dhiisuuf bakka tokko irraa gara bakka biraatti baqachaa yeroo jirutti lafti isaan dhiisanii deeman hidhattoota Amaaraatiin qabamaa jira” jedhan.

Sababa babal’ina warshaa Sukkaaraa fi Dhaabbata shoonkoraa Meteharaan, lola’uu haroo Basaaqa fi waldhabdee daangaa hawaasa ollaa naannoo Affaar fi Amaaraa waliin uumamuun lafti hawaasni horsiisee bulaa Karrayyu irra jiraatu yeroodhaa gara yerootti xiqqachaa jira. Akasumaas naannoon kun bakka waraanii gandoota afur kan akka Dhebiti, Harootti Qarsaa, Ilaalaa fi Xuxxxuuti itti ta’aa jiru dha akka jiraataan kun jedhutti, walitti bu’iinsi amma deemaa jirus baayyinaan gandoota kanneen keessati jedha.

Dhalataa Karrayyu fi falmaa mirga dhalattootaa kan biyyaa Ameeriika jiratu Obbo Rooba Bulga Jilo Addis Standard waliin haasawa taasisaniin, hongee fi gogiinsa itti fufee jiruun, fi sababa nageenya dhabuu naannoo sanatti itti fufee jiruun, gargaarsi galuu dhabuun walqabatee, rakkoon itti fufee jiraachuu isaa ibsaaniiru  akkasumas yaaddoo isaanii ibsaniiru. Waraanii hawaasa Karrayyuu irratti banamee kun rakkoo hamaa fidaa akka jiru fi balaadhaaf isaan saaxilaa akka jiru himanirru.

Akka Roobaan jedhutti, namoonii Karrayyuu 60 ol ta’an teessoo bulchiinsaa aanaa Fantaallee Mataharaatti hidhamanii kan jiran yoo ta’u, kanneen biroo hedduun ammoo mooraa waraanaa Xollay keessatti hidhamanii jiru.”

Hidhaan kun yaadannoo waggaa tokkoffaa ajjeechaa Abbaa Gadaa bara darbe muddee keessatti raawwwatame dhaabsisuuf akka ta’e ibseerra. Itti dabalunis  “Ilmaan fi firoottan hoggantoota Gadaa ajjeeffaman harki caalaan isaanii mana hidhaa keessattii gidirfamaa jiru” jedha.

Gafa Fulbaana 2022, Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gabaasa ajjeechaa hoggantoota Gadaa Karrayu irratti baaseen, ajjeechaan miseensota Gadaa 14 “ajjeechaa murtii malee” humnoota nageenyaatiin” raawwatamerra jedha. Itti dabaluunis, komishiniin mirga namoomaa itoophiyaa miseensonni humna nageenyaa ajjeechaa kana raawwatanis seeratti akka dhiyaatan, miidhamtootaa fi maatiin miidhamtootaaf beenyaan akka kaffalamu dhaamaniiru.

Gafaa Muddee 2022, ajjeechaa gara jabinaa hoggantoota Gadaa irratti raawwatameen waggaa tokko booda, Addis Standard akka gabaasetti, maatii miidhamtootaa sirreessuuf carraaqqiin tokko tokko godhamus, hawaasni Karrayyuu erga hooggantoonni isaanii ajjeefamanii booda haqas ta’ee nagaa akka hin arganne gabaaseera.

Addis Standard‘n walitti bu’insa yeroo dhiyootti uumame kana irratti bulchaa aanaa Fentallee Obbo Boruu Jiloo fi qondaaltota naannoo biroo irraa yaada argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.