Xaafiin midhaan nyaataa biyya Itoophiyaa keessatti beekaman keessaa isa ijoodha. Suuraa: Getty Images
Finfinnee, Bitootessa 21/2023 – Tibbana magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota naannoo Oromiyaa garaagaraatti qaala’insa gatii midhaan nyaataa, keessattuu xaafii irratti mul’ate dubbii ijoo biyyattii ta’eera. Xaafiin torban lamaa dura kuntaalaan kuma birrii 5,000 hanga 5,500 gurguramaa ture haala ifatti hin beekamneen gara 8,000 – 10,000 ol guddachuu isaa odeeffamaa ture.
Kun kanaan osoo jiru, bulchiinsi magaalaa Finfinnee Roobii darbe irraa eegalee rakkoo qaala’insa gatii midhaan nyaataa kana furuuf naannoo Oromiyaa waliin ta’uun oomishaalee midhaanii garagaraa gara gabaatti galchaa jiraachuu beeksiseera. Oomishaalee midhaanii fi qonnaa adda addaa naannoo Oromiyaa waliin ta’uun karaa waldaalee hojii gamtaa fi iddoowwan gurgurtaa adda addaa 10 magaalaa Finfinnee keessatti gatii madaalawaadhaan jiraattotaaf dhiyaachaa jiraachuu kan eere bulchiinsi magaalichaa, haaluma kanaanis xaafiin kiiloon tokko birrii 50 hanga 56tti gurguramaa jiraachu ibseera.
Oomishaalee midhaanii gabaaf dhiyaatan keessaa xaafii, qamadii, boqqolloo fi barbaree baay’inaan gabaa kan seenan yoo ta’u, oomishaalee kuduraa fi muduraas hammatamaniiru.
Akka odeeffannoo bulchiinsa magaalichaa irraa argameen dhiyeessiin midhaanii karaa waldaalee daldaltoota Oromiyaatiin kan raawwatame yoo ta’u, hanga hanqinni fi gatii olka’aan furmaata argatutti walitti hidhamiinsa gabaa uumuun dhiyeessichi kan itti fufu ta’aas jedhameera.
Jalqaba torban darbe keessa dhimma ijoo dubbii ta’ee kana gara iddoowwan gabaa midhaan itti gurguramu dhaquun kan qulqulleesse Addis Standard, gatiin xaafii dabaluu isaa mirkaneesse ture. Magaalaa Finfinnee, kutaa magaalaa Eekkaa, naannoo gabaa Shoolaa jedhamuun beekamu keessatti daldalaa midhaanii kan ta’e Sisaay Baqqalaa (gaaffii dhiyeeffateen maqaan isaa kan jijjiirame) torban darbe kaasee xaafii kuntaalaan birrii 8,400 gurguraa akka ture hime.
Akka Sisaay jedhutti, daballii gatii xaafii kanaaf shira diinagdee faddaaltota gidduu seenanii hojjetaniin uumama. “Duraanuu qonnaan bultoota irraa kallattiin hin argannu, qaama garaa garaa bira darbeetu nu harka gahaa. Haala sana keessa ammoo daballiin gatii ni jiraata. Kan isa ammaa garuu midhaan haga kanaan dura argachaa turre baay’inaan argachuu waan hin dandeenyeef hanqina uumameen daballiin gatii haganaa uumame. Tarii hanqina gabaa irratti uumame oomishni dhabame osoo hin taane shira ta’uu mala jedheen shakka. Keellaa magaalaa Finfinnee irratti shira wayii akka jiru dhageenya,” jedhe.
“Kan nama dhibuu garuu…,” jedha Sisaay, “gatiin xaafii dabaleera jedhame yeroo odeeffamu eegalu ani waanan kuusaa koo keessa qabu gurguree gara xumuraarran ture. Garuu fedhiin uummatni baay’een gabaa irraa akka nu jalaa hin dhumne jechuun baay’inaan bitee kaa’uu akka ta’e gaaffii isaanirraa waanan hubadheef dabalataan galchuuf yeroo gaafadhu gatii duraa galchu irraa dabalee na eege. Kanaaf anis dabalee gurguruu eegale. Kan nama dhibuu garuu uummatni xaafii ala midhaan hin jiru kan jedhame fakkaata, gatii dabaleedhaanis inuma bitaa,” jechuun waan taajjabe dubbata.
Jiraataa magaalaa Finfinnee fi abbaa ijoollee sadi kan ta’e Getaahuun Dachaasaa garuu faallaa kanaan qaala’insa gatii midhaan nyaataa yeroo ammaa kana jiruun ijoollee isaa nyaachisee bulchuu dadhabaa akka jiru hima. Dhaabbata suphaa konkolaataa (garaajii) garagaraa keessatti qaxaramee hojjechuu erga eegale waggaa 16 ol kan lakkoofsise Geetaahuun, erga haati warraan isaa bara 2011 du’aan boqotte booda qofaa isaatiin mana kiraa keessa ijoollee sadi guddisaa jiraachu hima.
“Haala amma dabalaa jiruun yoo deeme garuu isan manaa qabu yeroo dhumu deebi’e xaafii kan bitu natti hin fakkaatu”
Geetaahuun Dachaasaa
Geetaahuun, qaala’isni gatii midhaan nyaataa amma mul’achaa jiru kun qaala’insa jireenyaa duraan ture waliin ta’uun jireenya isaa gaggeessuuf akka itti ulfaate hima. Finfinneen magaalaa guddoo ta’uu isheerraan kan ka’e jireenyaafillee baay’ee ni ulfaatti. Miindaa argadhu irraa qarshii boruuf jedhe keewwadhu baay’ee qabaachu baadhuus mana kiraa kaffalee, ijoollee koo barsiise guddisuu hin dadhabne ture. Garuu amma natti ulfaateera. Qaala’insi gatii midhaan nyaataa yeroo ammaa kana jiru sirumaa kan danda’amu miti, unuu warra jireenya harkaa gara afaanitti jiraachaa jirru miti warra duraan jireenya gaarii jiraachaa turanifillee ulfaachaa jira,” jedhe.
“Xaafiin akka durii iddoo hunda hin argamu, gabaa keessa akka badu taasifameera. Iddoo jiruttillee gatiin isaa daran dabaleera. Kaleessa xaafii kiiloo 25 qarshii 2,100n bitee ruuzii kiiloo 7 waliin daaksisee mana kaa’eera. Haala amma dabalaa jiruun yoo deeme garuu isan manaa qabu yeroo dhumu deebi’e xaafii kan bitu natti hin fakkaatu. Waan ta’aa jiru hanqina oomishaa natti hin fakkaatu. Qonnaan bulaa biyya keenyaa ammas akkuma durii qotaatuma jira. Dhimmichi shira wayii fakkaata waan ta’eef mootummaan to’annoo cimaa gochuu qaba,” jedhe Geetaahuun.
Daballiin gatii midhaan nyaataa irratti mul’atu kun Finfinnee irratti qofa kan daangeeffame miti. Magaalota Oromiyaa gurguddoo kan akka Bishooftuu fi Adaamaa keessattillee tibbana gatiin xaafii akka dabale Addis Standard jarqaba torbe kanaa mirkaneesseera.
“Xaafiin Ada’aa akka biyyaattuu beekamaadha. Kanaaf naannawaa oomisha xaafiin beekamu keessa teenye oomishni hanqateeti jechuun qoosaa natti fakkaata”
Ahmad Yusuuf
Magaalaa Bishooftuu keessatti mana baaburaa midhaanii tokko keessatti kan hojjetu Ahmad Yusuuf gatiin xaafii “akka Finfinneetti ta’uu baatuus” Bishooftuuttis daballii agarsiisu Addis Standarditti himeera. Haaluma kanaanis manneen daldalaa magaalittii garagaraatti xaafiin kuntaalli tokko 7,500 fi isaa ol gurguramaa akka ture hime.
“Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e sababii gatiin xaafii itti dabale hin beeku. Garuu torban lamaan asii fedhiin uummataas dabaleera, gatiinis akkanuma dabaleera. Nu biratti amma hanga har’aatti kuntaalli tokko 7,500 gurguramaa jira. Ani bakka kanatti qacarameen hojjedha waan ta’eef daballii uumamu irratti gahee tokkollee hin qabu. Garuu akka qaama hawaasa kanaatti anis waanuma uummatni nyaatu nyaadheen bula waan ta’eef na quuqa,” jedhe.
Daballiin gatii xaafii irratti mul’ate kanaaf hanqina oomishaa akka sababaatti kaasuun sirrii akka hin taane hime Ahmad. “Xaafiin Ada’aa akka biyyaattuu beekamaadha. Kanaaf naannawaa oomisha xaafiin beekamu keessa teenye oomishni hanqateeti jechuun qoosaa natti fakkaata,” jedhe.
Haaluma walfakkaatuun magaalaa Adaamaa keessatti abbaa qabeenyaa mana daldalaa oomishaalee midhaanii fi mana baaburaa kan ta’e Taaddasaa (maqaan kan jijjiirame), mana daldalaa isaa keessatti yeroo ammaa kana xaafii tokkollee akka hin qabne garuu torban tokko dura xaafii kuntaala tokko 7,200 gurguraa akka ture himeera.
Sababa daballii gatii kanaafis hanqina oomisha xaafii akka sababaatti kaasa. “Finfinneetti gatiin xaafii dabaleera erga jedhame booda xaafiin gabaarra akka badu taasifame. Uummatni ammoo bitee kaa’uu waan barbaaduuf fedhii sanarra hundaa’ee gatiin akka malee dabale. Kana ammoo tasgabbeessuu kan danda’u mootummaa qofa waan ta’eef gidduu seenee sirna diriirsuu qaba.”
“Qaala’insi jireenyaa yeroo ammaa mul’achaa jiru bu’uura gabaa hin qabu”
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Daballii gatii midhaan nyaataa, keessattuu xaafii, irratti tibbana mul’achaa jiru ilaalchisee Kominikeeshiniin mootummaa naannoo Oromiyaa ibsa Bitootessa 13 karaa fuula feesbuukii isaarratti baaseen, qaala’insi jireenyaa yeroo ammaa mul’achaa jiru bu’uura gabaa kan hin qabne fi bakka hanqinni oomishaa hin jirretti daballiin gatii uumuun uummanni akka rakkatu taasisuuf yaalameeti jedhe ture.
Daballiin gatii meeshaaleefi midhaan nyaataa irratti mul’achaa jiru “fedhii aangoo shira diinagdeen galmaan ga’achuuf fiigamudha” kan jedhe ibsa biirichi baase kun, itti dabaluudhaan, “dabni siyaasaa maqaa sabummaafi amantaan dadhabame shira dinagdeetiin hin milkaa’u,” jedhe.
Shirri dinagdee kun daballii jijjiirraa sharafa alaa sababa godhachuun daldaaltoota ofittoo ta’an fayyadamuun kan raawwatamu fi, gama biraan oomisha baay’inaan bituun gabaarraa akka dhabamu taasisuun daba siyaasaa hojjetamu ta’uu ibseera.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee dhimmuma kana ilaalchisee barreeffama fuula feesbuukii isheerratti maxxansiteen baatilee lamaan darbaniif xaafii fi midhaan kan biroo man kuusaa keessaa qabnu kuntaala kuma 79 ta’u hawaasaaf raabsaa turre jette. Amma ammoo hanqina namtolchee uumame ka’umsa godhachuun yuuniyeenoota qonnaan bultootaa Naannoo Oromiyaa fi naannawaa sana jiran waliin ta’uun midhaan bal’inaan galchaa jirras jette.
Kana malees, midhaan gara magaalaa akka hin galle taasisuun hanqina namtolchee uumuun jiraataa magaalaa keessattuu hojjataa mootumaa irratti dhiibbaa uumuun; kanumaanis bu’aa siyaasaa argachuuf qaamoliin ifaajjan jiraachuun kaasteetti.
Hogganaan Biiroo Daldalaa magaalaa Finfinnee Biniyaam Mikruu haala adeemsa dhiyeessii midhaan nyaataa naannoo Oromiyaa waliin ta’uun gaggeeffamaa jiru daawwataa turetti miidiyaaleef akka jedhetti, gatiin xaafii magaalichatti olka’aa ta’e “daldaltoota tokko tokkoon kan uumame” yoo ta’u, rakkoo kana hiikuuf bulchiinsi magaalichaa naannoo Oromiyaa waliin mari’atee oomisha kana dhiyeessee jira jedhe. Bulchiinsi magaalichaa namoota qaala’iinsa jireenyaa hammeessuuf jecha oomisha dhoksanii fi gatii haqaan ala ol kaasan irratti tarkaanfii cimaa kan fudhatu ta’uus ibseera.
Daballii gatii xaafii fi oomishaalee biroo ilaalchisee Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa, Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Naannoo Amaaraa, Biiroo Daldala Naannoo Oromiyaa fi Komishiniin Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa waliin ta’uun Kamisa Bitootessa 17 ibsa laataniiru. Ibsa kanaanis hanqinni oomishaa akka hin jirre ibsameera.
“Daballiin gatii oomishaalee kun sababa hanqina oomishaatiin kan uumame osoo hin taane, qaamoleen seeraan alaa oomishaaleen gabaa keessa akka hin seenne taasisu isaaniiti” jedhameera.
“Akka biyyaatti hanqina oomishaa tokkollee hin jiru,” kan jedhe Ministeerichi, “qaala’insi gatii kun sababa qaamoleen eeyyama daldalaa hin qabne oomishicha baay’inaan bitanii dhoksuu isaanii fi karaa seeraan ala ta’een gabaa keessa akka hin seenne taasisu isaaniitin uumame” jedhe.
Rakkoo kana hiikuuf naannoleen Ministeera Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa waliin ta’uun hojiiwwan seeraan alaa to’achuuf hojjetaa akka jiran, oomishni karaa daldaltootaa fi waldaalee hojii gamtaa karaa seera qabeessa ta’een gara gabaatti akka seenu hojjetamaa jiraachuu jedheera.
Yeroo ammaa kana waldaaleen hojii gamtaa xaafii fi qamadii dabalatee oomishaalee bu’uuraa biroo gatii madaalawaadhaan gara Finfinneetti galchaa waan jiraniif hawaasni tasgabbiidhaan akka bitatu waamichi dhiyaateera.
Naannolee Oromiyaa fi Amaaraatti buufata sakatta’iinsa nageenyaa irraa kan hafe bakki sochii oomishaa daangessu waan hin jirreef, daldalaan seera qabeessa hayyama daldalaa qabu kamiyyuu saffisaan oomisha gabaaf dhiyeessuu ni danda’akan jedhe Ministeerichi, sochii karaa seeraan ala godhamu hordofee irratti tarkaanfii akka fudhatu beeksiseera. AS