Oduu: Miseensonni Paarlaamaa Oromiyaa irraa filaman Gamtaan Afrikaa waraana Oromiyaa keessa adeemaa jiru gidduu seenee akka nagaa buusu gaaftan, qaamolee waraanarra jiraniifis irra deebiin waamicha dhiyeessan

Waajjira muummee Gamtaa Afrikaa magaalaa Finfinneetti argamu, Suuraa: Gamtaa Afrikaa

Finfinnee, Bitootessa 21/2023 – Miseensonni paarlaamaa biyyoolessaa Itoophiyaa naannoo Oromiyaa irraa filataman xalayaa Gamtaa Afriikaatif erganiin, waraana gara waggaa shaniif Oromiyaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Itoophiyaa gidduu adeemsifamaa jiru nagaan akka hiikamuuf gamtichi “giddu seenee qaamolee wal waraansarra jiran gidduu waliigalteen akka uumamu akka taasisu” gaafatan. 

Xalayaa Gamtaa Afriikaatif ergamee Addis Standard ilaale kanaan, miseensonni paarlaamaa kunneen qaamolee wal waraanaa jiran gidduu nagaan akka bu’u akka barbaadan ibsaniiru.

Xalayichi waamicha araaraa Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa walgahii idilee 6ffaa Caffee Oromiyaa baatii Guraandhala gaggeeffame irratti Waraana Bilisummaa Oromoof dhiyeesse eereera. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) gama isaatiin deebii kenneen, waamichi waraanni Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru “karaa marii qaroomaatiin” akka furamuuf taasifamuu kamuu akka simatu ibsuun, garuu waamichi kun “adeemsa nagaa Oromiyaa irratti abdii qabaachuuf iftoomina barbaachisu akka hin qabne” hubachiiseera.

Gamtaan Afrikaa, waraana mootummaa federaalaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay gidduutti adeemsifamaa ture karaa nagaan akka furamuuf carraaqqii guddaa godheen akka itti gammadan ibsuun, gamtichi rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa waggoota afurii oliif gaaga’ama lubbuu fi qabeenya guddaa geessiseef xiyyeeffannoo isaaf malu kennuu dhiisuu isaa akka isaan gaddisiise ibsaniiru.

Waamicha wal fakkaataa waajjira Ministira Muummee Abiy Ahimad, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa (HoPR) fi Paartii Badhaadhinaatiif taasisaniin, miseensonni paarlaamaa walitti bu’iinsi kun nagaan akka xumuramu waamicha taaisaniiru. Mootummaan “siyaasa shiraa fi ajandaa humna waraanaa Oromiyaa keessa socho’u balleessuu” keessaa bahee waldhabdee kana karaa nagaa fi mariidhaan furuuf akka hojjetu hubachiisan.

Kana malees, miseensonni paarlaamaa kunneen tasgabbii dhabuun, fi jeequmsi Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru lubbuu namaa balaadhaaf saaxiluu, diinagdee fi rakkoo hawaasummaa naannichaaf sababa ta’uu eeruun, waraanni Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru gaaga’ama hedduu fidaa waan jiruuf, mootummaan “waliigaltee nagaa dhugaa fi haqaan bocameef akka of qopheessu” gaafataniiru. 

“Haalli wal waraansa Oromiyaa kun yoo hin hiikamne, lakkoofsi humnoota hidhatanii Oromiyaa keessatti socho’an daran dabaluu fi rakkoon waggoota afran darban nu mudate itti fufuu akka danda’u yaaddoo qabna”, jechuun miseensonni paarlaamaa akeekkachiisan. Itti dabaluun, ”rakkoon kun yeroon furmaata yoo hin arganne, bu’aan isaa ni dabala, furuunis rakkisaa ta’a,” jedhan

Kana malees, waamicha Waraanni bilisummaa Oromoof taasisaniin, gariichi “mootummaa Itoophiyaa waliin mari’achuun rakkoo jiru mariidhaan akka furu” gaafataniiru. Itti dabaluunis “marii siyaasaa keessatti wanti hundi argamuu hin danda’u, wanti hundis hin badu” jedhan.

”Haalli siyaasaa yeroo jijjiiramu, gaaffiin keessan yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi dheeraa keessatti deebii ni argata. Gaaffiin keessan tokko tokko halkan tokkotti deebii hin argatu; adeemsa keessa deebii ni argatu” jechuun kadhatan.

Gamtaan Afrikaa waraana kaaba Itoophiyaa xumuruu fi araara buusuu keessatti gahee qabu kan dinqisiifatan miseensonni paarlaamaa Oromiyaa irraa filataman kunneen, gamtichi “waraana waggoota afur oliif Oromiyaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafate xiqqeessee ilaale” jechuun yaaddoo qaban kaasaniiru.

“Gamtaan Afriikaa gidduu seenee qaamota wal waraanaa jiran waliigaltee irra akka gahan akka taasisu” gaafachuun waraanni naannoo Oromiyaa keessa jiru karaa nagaa furuun barbaachisaa ta’uu cimsanii gaafataniiru.

Waamichi miseensonni paarlaamaa waraanni Oromiyaa karaa nagaan akka hiikamuuf waamicha dhiheessan kun Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkan erga MM Abiy Ahmad waliin wal argee booda “haala Oromiyaa keessa jiru irratti yaaddoo qabu fi mariin furmaata laachuu akka barbaachisu qabu” ibsuu isaa hordofeeti bahe. 

Mudde 05, 2022, miseensonni paarlaamaa kunneen, haala nageenyaa naannoo Oromiyaa irratti erga mari’atanii booda, mootummaan akkuma humnoota Tigraay waliin godhe Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin waliigaltee nagaarra akka ga’u xalayaa barreessuun MM Abiy Ahimad fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf erguun walitti bu’iinsi naannichaa akka dhaabbatu gaafatanii turan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.