Oduu: Ameerikaan humnoonni Itoophiyaa, Eertiraa fi Amaaraa Tigraay keessatti yakka namoomaa raawwachuu ibsite; qaamoleen hundu yakka waraanaa raawwachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 21/2023 – Ameerikaan gabaasa mirgoota namoomaa kan bara 2022 yeroo beeksiftu miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, humnoota Eertiraa fi humnoota Amaaraa naannoo Tigraay keessatti “yakka namoomaa” raawwachuu ibsite. Kana malees, waraanni Itoophiyaa waggaa lamaa Tigraay irraa eegalee naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal’ate keessatti qaamolee gama hundaan jiran “yakka waraanaa” raawwachuu isaanii mirkaneessuu ibsiteetti.

Ministirri Dhimma Alaa Antoonii Bilinkan gabaasa kana yeroo beeksisu, “Yakkoota kunneen keessaa hedduun isaanii akka tasaa, ykn bu’aa waraanaa qofa miti, shallagamee fi itti yaadame kan raawwataman turan,” jedhe.

Bilinkan, “biirichi seeraa fi dhugaa jiru of eeggannoodhaan erga qorate booda, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa Eertiraa, humnoota Adda Bilisummaa Ummata Tigraay, fi humnoota Amaaraa yeroo waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa tureetti yakka waraanaa raawwachuu isaanii murteesseen jira,” jechuun qaamolee gama hundaan jiran yakkoota waraanaa raawwachuu ibseera.

Kana malees, “miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa Eertiraa fi humnoonni Amaaraa ajjeechaa, gudeeddii fi yakka saal-qunnamtii gosa biroo dabalatee yakka namoomaa dhala namaa irratti raawwataniiru,” kan jedhe Bilinkan, “miseensonni humnoota Amaaraa dhalattoota Tigraay lixa Tigraayitti argaman irratti ari’uu ykn humnaan dabarsuu fi qulqulleessa sabaa raawwataniiru,” jedhe.

Ibsa guutuu daawwadhaa

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.