Kalaqa: Yuunivarsiitii Dambi Dollootti Diroonii haaraan kalaqame

Diroonii haaraa Yuunivarsiitii Dambi Dolloo keessatti kalaqame, Suuraa: fuula feesbuukii yuunivarsiitii Dambi Dolloo

Finfinnee, Bitootessa 20/2023 – Yuunivarsitii Dambii Dolloo, giddugala STEM keessatti diroonota haaraa gosoota garaagaraa barsiisaa Amaanu’eel Baalchaa fi garee isaa waliin ta’uun hojjetame balali’a milkaa’aa ta’e mooraa Yunivarsiitichaa keessatti taasifamuu Yuunivarsiitichi beeksise

Gosootni Diroonii kunneen ammayya’aa fi addunyaan yeroo ammaa kana itti fayyadamaa jirtu keessaa tokkodha kan jedhe Yunivarsiitichi, Dirooniiwwan kunneen “Google Hybrid Map – Mission Planner Software” jedhamu irratti bakka barbaannee fi fageenya hanga km 2.5 irratti ergaa hojjechuufiidhaan balaliisisuun kan danda’amuudha jedhe.

Yaalii balalii Diroonii mooraa yuunivarsiitichaa keessatti yeroo taasifamu

Dabalataan hojii garaa garaa kanneen akka keemikaala facaasuu, sagalee guddisee kan baasu beeksisa garaa garaa ittiin himuuf kan fayyadu (Public announce PA drone), waraqaa beeksisaa kan cidhaa akkasumas waamicha fi kan biroo samii irratti facaasuuf kan fayyadu, alaabaafi beeksisoota itti fannisuudhaan samii irratti kan agarsiisu, abidda dhaamsuuf kan fayyadu, Paaraashuutii fayyadamuun ergaa xixiqqoo hanga 250gm suuta samiirraan kan buusu, fi hojii dabalataan illee hojjechuuf kan fayyaduu ta’uus ibsameera.

Yuunivarsiitii Dambi Dolloo keessatti yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti diroonota 15 ol kalaqamanii yaalii balalii milkaa’aa taasisuu ibsameera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.