Oduu: Hongeen Booranaatti mudate beela fi hanqina nyaataa daa’immanii akka dabalu taasisaa jira: UNICEF

Suuraa: UNICEF Ethiopia/Raphael Pouget/2023

Finfinnee, Bitootessa 18/2023 – Sababa hongee naannoo Oromiyaa, godina Booranaa keessatti mudateen daa’imman hedduu beela fi hanqina nyaataaf saaxilamaa jiraachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Fandii Atattamaa Daa’immanii (UNICEF) beeksiseera. Daa’imman hanqina nyaataa hamaaf saaxilaman gara hospitaala fayyaatti geeffamaa jiraachu ibse.  

Waggoota sadan darbaniif godina Booranaatti hongee hin dhaabanne daa’immanii fi maatii isaanii irratti miidhaa hamaa geessiseera. Hanqinni nyaataa fi bishaanii namoota kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii akka dhiisan dirqisiiseera.

Akka gabaasa madaallii ariifachiisaa ejensii goodinichaatti hanqinni nyaata horii fi bishaanii Booranaatti beeylada miiliyoona 3.3 ol du’aaf sababa ta’eera. Gabaasni kun akka agarsiisutti, ummata miliyoona 1.7 keessaa walakkaa ol gargaarsa nyaataa barbaadu.

Hawaasni horsiisee bulaa yeroo kaan of danda’uu fi namoota biroo sooruu danda’u, yeroo ammaa gargaarsa irratti hirkataa jira. Maatiin nyaata dhabaa jira, hanqinni nyaataa dabalaa jira, warri tokko tokko daa’imman isaanii du’uu irraa baraaruuf gara buufata fayyaatti ariifachaa jiru.

Hospitaalli Yaa’aballoo yeroo ammaa daa’imman kunuunsa barbaadaniin guutamee jira. Hanqina nyaataa cimaan erga laafaa ta’anii booda, amma baay’een isaanii dhiibbaa dhukkuboota daa’immanii beekamoo ta’an kanneen akka dhibee garaachaa, busaa, sombaa fi busaatiif daran saaxilamoo ta’aniiru.

UNICEF, maallaqa arjummaa USAID BHA, FCDO fi Gamtaa Awurooppaa irraa argateen, akkasumas qindoomina aanga’oota Naannoo, Mootummaa Itoophiyaa fi michoota biroo waliin ta’uun, dhiyeessii akka nyaata wal’aansaa itti fayyadamuuf qophaa’e, aannan wal’aansaa fi qoricha geessuun deebii kennuudhaaf carraaqqii isaa guddifachaa jiraachuu ibse. Akkasumas hojjettoota fayyaa guutuu naannichaa keessatti hanqina nyaataa cimaa ittisuu, adda baasuu fi yaaluuf leenjisaa jiraachuus beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.