Oduu: Koreen hojii raawwachiiftuun paartiii biyya bulchuu Itoophiyaan “sadarkaa murteessaa” keessa jirti; “walabummaan daangaa malee” dhorkamuu qaba jedhe

MM Abiy Ahmad walga’ii koree hoji-raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa irratti, Suuraa: PP

Finfinnee, Bitootessa 18/2023 – Walgahii guyyaa lama taa’een booda koreen hoji-raawwachiiftuu paartii biyya bulchuu MM Abiy Ahmadiin hogganamu Itoophiyaan “sadarkaa murteessaa” keessa jiraachuu amanuun rakkoolee biyyattii, ummataa fi bulchiinsa paartichaa qunnamaa jiran shan tarreesseera.

Akka ibsa koreen giddugaleessaa baaseetti, rakkooleen koreen kun adda baase kunneen Itoophiyaan yaaliii gara badhaadhinaatti cee’uuf taasisaa jirtu rakkoo keessa galchan sababoota ijoo shan adda baafneerra jechuun tooftaa ittiin isaan lolus mijeesseera jedhe.  

Akkasumas, rakkoon jalqabaa adda baafame “ba’aa seenaa”ti. Itooophiyaanonni seenaa boonsaa hedduu qaban madda galii godhanii badhaadhina Toophiyaaf oolchuu qabu. Haata’u malee, Itoophiyaanoonni ba’aa seenaa hin furamin kan rakkoolee biroo hin furmain dhale qabu. Ba’aan seenaa kunis lolaa fi qoqqoodamaaf sababa ta’uu hij qabu. “Rakkoolee kanneen ni dhaalle malee, nuti hin uumne,” jedheera.  

Koreen giddu galeessaa kun miseensota paartii [badhaadhinaa], deeggartootaa fi ummata bal’aa “humnoota seenaa darbe akka meeshaatti fayydamuun hokkora kaasaniin loluun’ milkaa’ina marii biyaalessaatiif  wanta barbaachisu hunda akka godhan waamicha taasiseera.

Rakkoo lamaffaa -“walabummaa too’achuu dadhabuun” – kan nama gaddisiisuu ta’uu koreen kuni himeera. “Walabummaa bilisa miti. Gatii malees itti hin fufu,” jechuun “argachuuf aarsaa kafaluu barbaachisas” jedheera. “Bulchiinsa naannoo, gurmeessuu, yaada ibsachuu, amantaa giddugalummaa mootummaa bilisaan shaakaluu,” walabummaa “ummanni keenya qabsoodhaan goonfateedha.”

Haata’u malee, “walabummaan itti gaafatamummaa hin qabne cunqursaa fida, bulchiinsi walabaawaan dirqama malee abbaan irree akka uumamu kan taasisu ta’uu korichi akeekkachiiseera. 

Hamma ammaatti, koreen giddugaleessaa rakkoolee “walabummaa too’achuu’ jiran bulchiinsa naannoolee, miidiyaa, dhaabbilee amantaa, paartilee siyaasaa fi rogeeyyii wajiin gulaaluun yeroo gabaabduu keessatti too’atamuu qaba jedheera.

“Walabummaan jiraachuu jechuun olaantummaa seeraa kabajuun, namoota biroo otuu hin miidhin, biyyaa otuu hin diigin fi hokkora otuu hijn kaasin dandeettii mirga ofii shaakaluu jechuudha.seera cabsuu, mirga nama biroo dhiibuu, hokkora fi jiibba kakaasuu, fi nageenya biyyattii booressuun yakkaa waan ta’eef bilisummaa hin ta’u. yakki seeraan gaafatamuu qaba,” jechuun korichi akeekkachiise.

“Mallattooleen rakkoo bilisummaa too’achuu dhabuu biyya keenya keessa ni jiru,” dabalee jedheera. “Sababa maqaa bilisummaatiin yakki raawwatamaa jiruuf bilisummaa qabsoodhaa argame dhabaa jirra,” jechunn dhaabbilee mootummaa, paartilee siyaasaaa, moodiyaa, dhaabbilee seera raawwachiiftuu, dhaabbilee amantaa, qorattootaa fi hoggantoota hawaasaa “bilisummaa fi itti gaafatamummaan akka wal madaaluu” wantoota isaanirraa eegamu akka hojjatan waamicha taasisaniiru.

Rakkoo sadaffaan rakkoo “tokkummaa sabdaneessumaa keenya” qunnameedha. Itoophiyaan amma jirtu keessa eenyuyyuu olaantummaadhaan yookiin gad-aantummaadhaan jiraachuu hin qabu. “Waliin malee jiraachuu hin dandeenyu” jechuun “qoqqoodamuu, hokkoraa fi jibbaan” badhaadhinni hin dhufu,” ta’uu dabalee eereera.

Ammas, koreen kuni mootummaa fi aanga’oota paartii “dubbii fi gocha tokkummaa sab-daneessumaa Itoophiyaa xiqqeessuun jibbaa fi hokkora hammeessan irraa akka of eegan” akeekkachiiseera. “Paartti fi aanga’oonni mootummaaa rakkooleen karaa seeraa fi mariidhaan qofa kan furaman ta’uu amanuu qabu. Walittti dhufeenyi ummatoota giduu jiru jabaachuu fi hundeeffamuu qaba. Nageenyaaf loluu, misooma cimsuu, seera fi adeemsa kabajuun gahee bulchiinsaa ijoo dha,” jedheera.

Hooggantoota amantaa, miidiyaa, rogeeyyii fi hayyoonni gochaa fi dubbii “madaa durii tuttuqan, jibba kakaasan, shakkii nama keessatii uumanii fi nagaa fi tasgabbii biyyattii balleessan” irraa akka of eegan akeekachisuun qaamolee hojii raawwachiiftuu fi seera raawwachiiftuu haasa’a akkanaatiif obsa akka hin qabaanne,” akeekkachiisaniiru.

Qaala’iinsi jireenyaa dabalaa jiru rakkoo afraffaa marii guyyaa lamaatiin korichaan adda baafameedha. Rakkoo wixinee dinagdee gurgudaa (macroeconomic distortions) kan “rakkoollee biyya keessaa fi alaa irraa maddanitti” sababeeffachuun, gatiin jireenyaa ol ka’aaa dhufe hojiidhabdummaan akka babal’atu taasiseera. Rakkinoota jiran yeroodhaafiis ta’ee fi itti fufiinsaan furuuf tarkaanfileen fudhatamaa kan jiru jedheera. Murtoowwan kunneen maal faa akka ta’an otuu hin eerin rakkoo kana jala milka’inaan darbuuf murtoon ciccimoo mootummaa murteessuu qabukan jiru ta’uus ibseera.

Hamma rakkoon kuni itti fufiinsaan furamutti garuu mootummaan qaala’iinsa jireenyaa furuuf tarkaanfii yeroo gabaabaaf ta’u kan fudhatu ta’uu eereera. Omisha hamma barbaadameen gabaatti dhiyeessuu dhiisuu fi dhorkaa seeraan alaa fi saamichi iddoo sakatta’iinsaatti godhamuu bulchiinsaa fi qaama seera raawwachiiftuutiin itti cichanii hojjachuun furamuu qaba.  “Faddaalaa fi daldaaltonni ofittummaa qaban” hidhata gabaa oomishtootaa fi bitattoota gidduu jiru dheeressanii fi aanga’ootaa fi hojjattoota mootummaa daldaalaa fi misooma butan irratti tarkaanfiin barbaachisaan kan fudhatamu ta’uus akeekkachiiseera.

“Hanni” rakkolee biyyattiif sababii ta’an keessaa shanaffaadha ta’uu ibsuun humnoota afuriin kan babal’atu ta’eera jedheera. “Hattoota mootummaa keessa jiran, hattoota abbootii qabeenyaa keessa jiran, hattoota sablammoota keessa jiranii fi hattoota miidiyaa keessa jiran,” kan afur ta’anii kaayyoo tokkoof hojjachaa jiran biyya diigaa jiru jedheera. 

“Hattoonnimootummaa keessa jiran aangoo fi caasaa fayyadamu; kan abbootii qabeenyaa keessa jiran caalaa qarshii hatu; kanneen sablammoota keessa jiran eenyummaasaanii akka sababaatti fayyadamu; warri miidiyaarra jiranimmoo gaarummaa hattoota kanneenii dhaadheessu.hattoonni kunneen hundi haqa jallisu… hokkora fi jeequmsa kakaasu” hanna isaanii dhokfatu jedhe.

Mootummaan “hattoota hunda dhabamsiisuuf” duula isaa cimsa kan jedhee koree hoji raawwachiiftuu paartiichaa, dabaluun miseensonni fi deeggartoonni dhaabichaa mataa isaanii “harka isaanii qulqulleessuun qabsoo akka hoogganan” waamicha dhiyeessee jira. Akkasumas “duulli hattoota irratti gaggeeffamu kaayyoo isaa akka galmaan gahuu odeeffannoo kennuudhaan, akkasumas hiriyyaa hattoota ta’uu dhiisuu fi dhaloota hanna irraa bilisa ta’e ijaaruudhaan”, ummannii akka Itoophiyaa baraaruuf waamicha dhiyeessee jira.

Biyyattiin “dhiibbaa waraana waggaa lamaa jalaa ba’aa jirti,” akkasumas hojiin nuti hanga ammaatti hojjenne “hidhattoota seeraan alaa biyyatti keessaa sosocha’aan hundaa gara sirnatti fiduu” firii argachaa kan jiru yoo ta’u, gama birattin immoo oomishtumman qonnaa biyyattii keessati ol dabalerra,carraa hojii baanu hedduu hojjatameerra akkasumaas hojii dippilomaasii irratti fooyya’iinsa guddatu argamee. Itti dabaluun gargaarsii fi liiqiin biyyattiin argaachaa jirtuu baayyee dabaleerra jedhan. Ibsaa isaanii irratti, akka “Dinagdeen Itoophiyaa, dinagdee gurguddoo sadan biyyota Afrikaa sahaaraa gadii keessaa tokko ta’eera jechuun ibsaniiru. 

Pirojektoonni biyyatti keessatti jalqabamaan xumurraa argaacha akka jiraanis ibsaniiru. 

Ibsii paartii badhadhiinan bahe kun bu’aa argame cimsuun barbaachisa akka ta’e ni  hubaachisa. Itti dabaluunis, misooma, nagaa fi tasgabbii keenya qofa irratti xiyyeeffachuun” barbaachisaa dha jedhaa dhaabichi ibsa isaa irratti. Ibsaa isaa garaa xumurra irratti paartiichii dhamsaa gochuun goolabaa, dhamsaa kana irrattis deggartoota fi miseensoonii isaa akka “beekumsaan, humnaan fi qarshiin fi aarsaa gochuun qabsoo itti aanu irra aanuun tokkummaa biyya fi sabaaf sablammumma eeguun Itoophiyaa badhaate ijaaruu ni dandeenya.” jedha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.