Oduu: Koreen giddu galeessaa ABUT Geetaachoo Raddaa bulchiinsa mootummaa yeroo naannoo Tigraay akka hoogganu filate

Geetaachoo Raddaa

Finfinnee, Bitootessa 18/2023 – Koreen giddu galeessaa Adda Bilisaa baasa Uummata Tigraay, miseensa koree hojii raawwachiiftuu paartichaa kan ta’e Geetaachoo Raddaatin hoogganaa bulchiinsa yeroo mootummaa naannoo Tigraay akka ta’u filachuu isaa maddeen dhimmichatti dhihoo ta’an sadii Addis Standardtti himaniiru.

Geetaachoon miseensota koree giddu galeessaa 41 keessaa, sagalee 18 argachuun isaa maddeen keenya himaniiru.

Bulchiinsi mootummaa ce’umsaa kun mootummaa naannoo Tigraay kan Sadaasa 02 bara 2020 filatame bakka bu’uun hojii isaa idilee akka itti fufuu beekameera. Adeemsi mootummaa ce’umsa hundeessun kun waligaltee Sadaasa 2, 2022 mootummaa federaalaa fi Adda Bilisa Baasa Uummataa Tigraay gidduutti biyyaa Afrikaa Kibbaa waliigalamee irra kan hunda’eedha. Waligalteen Priitoriyaa kun keewwata kudhanaffa irratti mootummaa hunda galeessa godhate akka hundeeffamu tumameera.

Miseensi Adda Bilisa Baasa Tigraay fi hogganaa naannoo Tigraay kan ta’e Dabratsiyoon Gabramikaa’el (PhD), filannoo mana maree naannichaa irraa deeggarsa ol’aanaa argachuun Pirezdaantii mootummaa naannichaa godhame filamuus, mootummaan federaalaa seeraan ala jechuun kufaa godhe ture.

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad filannoo Dabratsiyoon Gabramikaa’el hogganaa mootummaa naannoo Tigraay gochuun filannoo gaggeessan fudhachuu dideera. Adeemsa kana keessa koreen giddu galeessaa Adda Bilisa Baasa Tigraay Geetaachoo Raddaa hogganaa mootummaa ce’umsaa naannoo Tigraay akka ta’u filatameera.

Garuu muudamani Geetaachoo Raddaa mootummaa federaalaa irra fudhatama argata moo hin hin argatu isa jedhuuf waan yeroon deebisuudha.

Barsiisaa seeraa Yuunivarsiitii Maqalee kan ture Geetaachoon, miseensa gammeessa  ADWUI minsteera komunikeeshinii federaalaa ta’uun tajaajileedha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.