Oduu: Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa deeggarsa Ameerikaan “kaka’umsa haqa ce’umsaa biyyooleessaaf” goote galateeffate

Finfinnee, Bitootessa 17/2023- Komishinara Olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani’eel Baqqalaa akka jedhetti, beekamtii fi deeggersi uummata fi mootummaa Ameerikaa irraa “kaka’umsa haqa ce’umsaa kan biyyoolessaatif” agarsiisan adeemsa jalqabame kan ariifachiisuudha jedhe.

Marii Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken waliin gaafa Bitootessa 15 taasisaniin booda ibsa laateen, kominshinarichi beekamtii Ministeera Hajaa Alaa Ameerikaa irra deeggarsa argatan akka isaan jajjabeesse dubbateera. Akkasumas tiwiitara isaa irratti, komishinarichi “yaada ijoo KMNI fi UNHCHR’n keessaa tokko ta’e haqaa ce’umsaa Itoophiyaaf, deeggarsa michoota idil-addunyaa irra argachuun baay’ee gaariidha” jechuun barreessaniiru. 

Biliinkan Kibxata galgala gara Itoophiyaa kan seene yoo ta’u, dhimma waraana waggoota lamaaf adeemsifamaa turee dhiyeenya kana waliigaltee qaamota lamaan, mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti Afrikaa Kibbaa Piritooriyaa keessatti mallatteessan akka safiisu fi adeemsa “nagaa fi haqa ce’umsaa” irratti marii’achuuf qondaaltoota Itoophiyaa waliin wal arguuf Itoophiyaa dhufe.

Daawwannaa isaanii kanaan Antoonii Biliinkan Komishinara Olaanaa Daani’eel waliin wal arganii adeemsa hojimaata waliigaltee nagaa Piriitooriyaa hojiirra oolchuun danda’amu irratti mari’ataniiru, keessumaa dhimma haqa ce’umsaa xiyyeeffanoo laachuun irratti marii godhaniiru.

Kanaan dura hoggantoonni paartilee siyaasaa mormitootaa hedduun marii akka biyyaatti filannoowwan imaammata haqaa ce’umsaa irratti gaggeeffamaa jiru irratti akka hirmaatan affeeramaniis walgahii Jimaata Guraandhala 10 gaggeeffame ture keessaa bahuun akka mootummaan nagaa fi marii siyaasaa biyyaaleessaaf dursa akka kennu dhaamaniiru.

Waltajjiiwwan marii kun Ministeerri haqaa sanada imaammataa adeemsaa haqaa ce’umsaa Itoophiyaa itti seenuuf hawwitu kan qajeelchu hirmaattoota qaama ilaalatu hirmachiisuun kan qophaa’e ture.

“Beekkamtiin mootummaa US irraa argamee kun sagalee Komishinichi, michota isaa, fi gareen isaaniif dhagettii isaanii ol guddisa” jechuun, keessuma haala rakkoo falmitoonni mirga namoomaa fi dhaabbileen hawaasa siivikii Itoophiyaa keessatti socho’an isaan mudatu keessatti murteessaadha jechuun Komishinar Daani’eel hubachiiseera.

Walgahiin kun dhimmoota waa’ee marii hawaasaa, namoota hongee fi walitti bu’iinsaan miidhamaniif gargaarsa namoomaa argachuu fi miidhamtoota miidhaa saalaa fi koorniyaa irratti hundaa’e dabalatee miidhamtoota rakkoo walitti bu’iinsaa irra ka’een haqaa fi itti gaafatamummaa dhabaniif akka isaanii ta’uu kaaseera. Dabaltaan dhimoota walitti bu’iinsa fi haleellaan lammiilee nagaa kutaalee biyyattii adda addaa biroo keessatti raawwatame, buqqa’iinsa, fi rakkoo mirga namoomaa kanneen akka humna garmalee fayyadamuu fi hidha falmitoota mirga namoomaa, miseensota dhaaba siyaasaa, fi hojjettoota miidiyaa irratte raawwatamu irrattis mari’atameera.

Ministeeraa dhimmaa alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken, walgahii kana irratti, deeggarsa Ameerikaan dhaabbilee mirga namoomaa biyyoolessaa, dhaabbilee hawaasa siivikii, fi namoota dhuunfaa isaaniin dhimma mirga namoomaa biyya keessaa irratti hojjataniif akka beekamtii kennu irra deebiin ibseera.

”Kutannoo hoggantoonni mirga namoomaa biyyatti keessa hojjataan nan galateefadha. Marii hunda haammatee fi adeemsa haqaa ce’umsaa miidhamtoota giddu galeessa godhatee wal-dhabdee fi wal-qoqqoodinsa biyyattii furuuf, lammiilee Itoophiyaa hundaaf nagaa fi tasgabbii argamsiisuuf tattaaffii isaan taasisan kanaa nan simadha,” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.