Oduu:Bliinkan waa’ee gochaa gara jabinaa yeroo waraana Itoophiyaa raawwatame jechoota filachuun dubbate; nageenyaaf abdii qabuu fi sarbiinsi mirga namoomaa hir’achuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 16/2023 – Muummicha ministeera Itoophiyaa dabalatee aanga’oota olaanoo Itoophiyaa wajjiin walgahii ariifachiisaa taasiseen booda ministeerri dhimma haajaa alaa Ameerikaa Antoonii Bliinkan ibsa miidiyaaleef guyyaa Roobii Finfinneetti laateerratti gaaffiilee gaaffilee ulfaatoo gochaa garajabeessa lammilee nagaarratti yeroo waraana kaaba Itoophiyaa kan Sadaasa 2022 naannoo Tigraayitti eegale raawwatamaniin walqabatee ka’aniif jechootasaa filachaa ofeeggannoodhaan deebiseera.

Waliigalteen waraana dhaabuu Piriitooriyaa gochaa garajabeessa lammiileerratti raawwatamu hir’isuurratti gahee taphachaa jiraachuurratti xiyyeeffachuun qaamoleen lamaan “gochaa garajabiinaa raawatamuu fi kuni rakkoo hammaataa uumuusaa amananiiru,” jedheera.

Bitootessa 2021 yaa’ii caffee fulduratti dhugaa bahuun, Biliinkan qondaala olaanaa Ameerikaa taateeTigraay Lixaa kan hanga yoonaatti too’annoo bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa jala jiru keessatti raawwatame gochaa “duguuggaa sanyii” jechuun beekkamtii kennee fi haalee isa jalqabaati.

Dubbiin inni yaa’ii fuldurratti taasise gabaasota garaagaraa miidiyaalee idil-addunyaa fi dhaabbilee mirgoota namooma ragaa bahuu isaatiin duraa fi booda bahaa turan kan raggaasisu ture. Ministeerri dhimma haajaa alaa Ameerikaa waggaa tokko booda Ebla 2022 keessa gabaasa waloo dhaabbati mirga namaaf falmu human rights watch fi Amineestii Intarnaashinaal baasaniif beekamtii kennee ture.

Kanatti aansuun, qondaalota Ameerikaa “dhimmicha beekan” sadi eeruun geejjiba Bliinkan gara Itoophiyaa godhu yeroo xiqqoo dura barruun Foreign Policy jedhamu “ministeera dhimma haajaa alaa wixinee labsii bara 2021 baaseen gochaa garajabinaa mootummaan Itoophiyaa Tigraay keessatti raawwate duguggaa sanyii ni ta’a… haa ta’u malee labsii kana gonkumaa ifa hin taasifne,” jechuun gabaasa maxxanseera.

Ibsa miidiyaaleef guyyaa Roobii laaterratti gabaasni kuni maaliif akka tursiifamee fi uummataaf yoom ifa ta’uuf akka karoorfame Addis Standard Bliinkaniin gaafatee ture.

Ameerikaan “sarbama mirga namoomaa lammilee nagaarratti raawwatame irra deddeebiin dubbachuun itti gaafatamummaan akka jiraatuufis waamicha taasiseera,” Bliinkan jedhe. Gaaffiicha qajeelaan otuu hin deebisin, “waggaa tokko dura yeroon dubbadhu qaamonni lolatti hirmaatan hundinuu yakkoota garajabinaa raawwataniiru jedheen ture,” jedheera.

“Hamma har’aatti gabaasni namoota dhimma kanarratti ogeeyyii ta’an irraa sassaabaa jirru akka mul’isutti sarbiinsa mirgoota namoomaa Tigraay ture baay’ee gadi bu’aa dhufuu kan agarsiisuudha,” jechuun abdii qabu ibseera. “Inni kuni barbaachisaa ta’us eessumattuu akka ta’uu qabutti jalqabarraa kaasee qaamoleen hundinuu badii kamiyyuu raawwachuurraa of qusachuu cimsanii itti fufuu qabu.”

“ce’umsa haqa-qabeessa araaraa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf jiru,” irratti abdii qabu eeruun “wanti ani har’a namoota dubbise hundarraa dhagahe adeemsa kanaaf kutannoo qabaniidha. Kanaafuu, akkamitti of duratti akka adeemu ni ilaalla. Kuni dhimma nuyiif yookiin biyyoota birootiif barbaachisaa ta’ee otuu hin taane haqa ce’umsaa akkanaa, itti gaafatamummaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’ee otuu jiruu araara buusuu, karaa ittiin nageenyi Tigraayitti bu’e itti fufsiisuun jalqabarratti Itoophiyaanota fayyada jennee amanna. Komii uummanni qabu ilaaluu, haqummaa raggaasisuu, uummata walitti fiduun karaa ittiin nageenya itti fufaa ittiin buufnuu fi jireenyi namootaa akka itti fufu taasisuun biyyattii gara fulduraatti akka deemtu karaan ittiin taasifnuudha.”

Yeroo daawwanaa isaa kanatti Bliinkan namoota waliigaltee Piriitooriyaa mallatteessan Reedwaan Huseen, gorsaa dhimmaa nageenyaa muummicha ministeeraa, fi sabqunnamtii Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) fi gorsaa pireezidaantii mootummaan naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’el kan ta’e Geetaachoo Raddaa wajjiin wal qunnamaniiru.

Akka ibsa kennameetti, “waraana dhaabuu, raabsaa gargaarsa namoomaa, tajaajilota itti fufsiisuu, meeshaa waraanaa gurguddaa hiiksiisuu fi loltoota Eritraa baasuun walqabatee,’ jijjiiramni kan jiru ta’uus, “ waliigaltee waraana dhaabuu guutumatti hojiira oolchuu fi nageenya itti fufiinsa qabu raggaasisuuf wantoota hojjatamuu qaban hedduu hafan kan jiran ta’uu qaamolee waliigaltee mallatteessan beekamtii kennaniiru.”

Carraa kanatti fayyadamuun “waliigalttee kanarra gahuusaanii fi waadaa galan guutuuf kutannoo mul’isaniif” muummicha ministeeraa Abiy Ahmad, mootummaa feederaalaa fi hoggantoota mootummaaa naannoo Tigraay galateeffateera. “Tattaaffiin kunneen hawaasa naannoolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessa jiran kan hubamaa turan deebisanii ijaaruuf bu’uura ta’eera. Hawaasni kunneen gargaarsa ni barbaadu,” jedheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.