Oduu:Bliinkan rakkoo Oromiyaa keessa jiru akka isaan yaaddeessu ibsanii

Finfinnee, Bitootessa 16/2023 – Ministirri Dhimma Alaa Ameeriika kan ta’aan Antoonii Bliinkan, daawwannaa jalqabaa isaanii itiyoophiyaatti godhaniin, “haala Oromiyaa keessa jiruu akka isaan yaadessefi karaa mariin akka furmaata argchuu akka qabu” ibsaniiru, itti aansee muummicha ministeeraa Itiyoophiya Abiy Ahimad waliin wal arguu danda’aanirru. 

Torban kana keessatti Sekreetaar Bliikan jeequmsa fi waraanaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru akka dhaabtuuf waamicha kan taasisan kun yeroo lammataati. Dhuma baatii Guraandhalaa bara kanaa Bliinkeen bilbilaan hasaawaa muummicha ministeeraa Abiy Ahimad waliin godhaniin “tasgabbii dhabuu naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru xumura itti gochuun barbaachisaa akka ta’ee fi mari’achuu isaanii” dubbataniiru.

Waraanii Oromiyaa keessatti waggoota shaniif humnoota federaalaa fi humnoota naannoolee hirmaachise  Waraana Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan federaalaa “Shene” jechuun kan waamuu waliin gochaa jiran akka dhaabbatu fi karaa nagana akka hiikamuu qaamoonii bayyee gafaacha jiru.

Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa mataan isaanii walgahii idilee 6ffaa Caffee Oromiyaa, mana maree naannichaa, gafa fulbaana 17 gaggeeffame irratti haasawa taasisanii, waraana bilisuma Oromo waliin araarri akka ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Akkas jechuun ”Wanti karaa nagaa furuu hin dandeenye hin jiru; gatii kamiyyuu kaffaluun akka hin barbaachifne” jedhanirru. Pirezidaantichi waldhabdee karaa nagaa xumuruun barbaachisaa ta’uu isaa irratti yaada isaanii yeroo lammataaf kennaniiru. Jalqaba baatii fulbaanaa keessa, ibsa kanaan duraa irraa sagalee fi dhaamsa jabaa fakkaatuun waraana oromiyaa keessa jiru akka xumuru barbaadan, ibsanirru.

Ibsa Mana Maree naannichaaf deebii kenneen, waraanni bilisummaa Oromoo,waraanaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru karaa nagaan furuu jedhu akka fudhatuu ibseera. Haa ta’u malee gareen waamicha godhee kun “waantoota ifaa fi haqaqabessa ta’aan kan hin qabane waan ta’eef ijaa shaakkin akka ilaaluu fi adeemsaa isaa irratti garmalee abdii akka hin qabne” ibsanirru.

Addis Standard akka baretti, qooda fudhattoonii arara murnaa laman jidduu fiduuf hojjachaa akka jiraanii dha. Garuu madden keenyi yaada bala’aa if dabalataa kennuudhaaf yeroon isaa ammaa akka hin tanee hubachiisanirru.

Akka waajjirri muummee ministira itoophiyaa ibsetti, walga’ii muummicha minsteeraa Abiy Ahimad fi ministeeraa alaa Ameerikaa Bliinkeen gidduutti taasifamaa ture ilaalchisee ibsa gadhiisee ture. Garuu waajjirri muummee ibsaa isaanii irratti dhiimaa Oromiyaa hin kasinne. 

Kana malees marii Bliinkeen fi muummicha minsteeraa Abiy Ahimad jiddutti ta’en “barbaachisummaa qaamota ajjechaa fi yakkaa rawwataan akka itti gaafatamuu qabanii fi ce’umsaa haqaa qabessa, kan hunda galeessa ta’e gochuun barbaachisa akka ta’ee” irratti mari’ataniiru,waajjirri muummee ministeeraa ibsaa baasen dhiimaa kanaa irratti ottoo yaada hin keenin bira darberra.

Ministeerri alaa Bliinkeen akka ibsetti mootummaan Ameerikaa  bara 2023f gargaarsi namoomaa mootummaa Ityoophiyaaf Doolaara miiliyoona 331 ol karaa Ministeera Dhimma Alaa fi Ejensii Misooma Idil-addunyaa Ameerikaan akka godhan ibsanirru.

“Maallaqni kun namoota Ityoophiyaa keessatti walitti bu’iinsa, hongee fi wabii nyaataa dhabuun buqqa’anii fi miidhamaniif deeggarsa lubbuu baraaruu ni ta’aa ” jedhee Bliinkeen.

Akka ministeeraa dhimmi alaa ameerikaa beeksisetti, dhimmi alaa ameerikaa miiliyoona 12 akka kennu fi karaa Ejensii Misooma idil-addunyaa Ameerikaattin immoo doolaara miiliyoona 319 ol akka keenanidha kan ibsaan. Deegersaa Ameerikaan bara 2023tti kennite doolaara miiliyoona 780 ol taasiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.