Oduu: Lammiin Itoophiyaa biraa maraatoonii Room 2023 miila duwwaan fiiguun Abbabaa Biqilaa yaadachuufi

Abbabaa Biqilaan Olompikii bara 1960 Roomitti gaggeeffame irratti miila duwwaa yeroo fiiguu, Suuraa: Getty Images

Finfinnee, Bitootessa 16/2023 – Maraatooniin Room bara 2023 seenaa lammiin Itoophiyaa kan biraa miila duwwaan fiigicha maraatoonii guutuu fiiguu irra deebiin addunyaatti mul’isa jedhame eegamaa jira. Daarektara Fiigicha Guddaa Itoophiyaa (Ethiopian Great Run) duraanii kan ta’e Ermiyaas Ayyalaa, Dilbata Bitootessa 19 dorgommii Maraatoonii di Room marsaa 38ffaa miilla duwwaan fiiguuf jira.

Ermiyaas dorgommii maraatoonii kana ilaalchisee af-gaaffii Waldaa Pireesii Ispoortii Idil-addunyaa (AIPS) waliin taasiseen, kaayyoon isaa gocha gootummaa atileet beekamaa Abbabaa Biqilaa dorgommii maraatoonii Olompikii ganna bara 1960 daandii magaalaa guddoo Xaaliyaanii Roomitti gaggeeffame irratti raawwate kabajuu fi yaadachuu akka ta’e hima. 

“Abbabaa Biqilaan nama gurraacha jalqabaa tapha Olompikii irratti meedaaliyaa warqee argate waan ta’eef milkaa’ina atileetota Itoophiyaa qofa osoo hin taane, walumaa galatti Afrikaanotaaf nama bu’uura kaa’edha. Haa ta’u malee, yeroo hundumaa beekamtii isaaf malu akka hin arganne natti dhaga’ama ture. Kana malees, seenaan isaa yeroo hunda na kakaasa ture, kanaafis bakka inni seenaa hojjetee fi bifa wal fakkaatuun, miila duwwaan maraatoonii guutuu fiigee hojii inni atileetiksii fi Itoophiyaaf hojjete hundaaf kabaja kennuuf karoorfadheera,” jedhe.

Ermiyaas kanaan dura dorgommii fiigicha daandii Itoophiyaa 10KM magaalaa Finfinneetti taasifaman lama fi walakkaa maraatoonii Hawaasaa miila duwwaan fiigee xumureera, Amma ammoo maraatoonii guutuu Roomitti fiiguu karoorfateef humna ijaaraa jira. ”Miila qullaa fiiguun waan salphaa miti. Miilli kee ni dhiiga, garmalee nama dhukkubsa garuu obsa si barsiisa,” jechuun waa’ee muuxannoo miila duwwaa fiigu dubbata.

Lammiin Itoophiyaa ganna 45 kun fiigicha cimaa fi miira namaa kakaasu Roomitti akka isa mudatu eega. ”Dorgommii jalqabaa koo hiika guddaa kan qabuu fi seena qabeessa gochuuf qophii gaarii taasiseera. Fiigicha kana sa’aatii 03:30 – 04:00 gidduutti xumuruudha jedheen eega. Taatee kana irraa muuxannoo sirrii kan ji’oota 18 dhufan keessatti fiigicha maaraatoonii Ateens, Tookiyoo fi Paaris keessatti miila duwwaan fiiguuf karoorfadhe irratti akka gaariitti akkan fiigu na gargaaru argachuuf abdiin qaba. Iddoowwan miila duwwaan fiiguuf yaade kunneen hundi isaanii karaa tokkoon ykn karaa biraatiin Abbabaa Biqilaa waliin walitti dhufeenya qabu,” jechuun AIPStti himeera.

Abbabaa Biqilaan gurraacha Afrikaa jalqabaa tapha Olompikii irratti meedaaliyaa warqee kan argate yoo ta’u, maaraatoonii Olompikii walitti aanan (1960 &1964) injifateera. Atileetiin kun atileetotni Afrikaa fiigicha fageenya dheeraa addunyaa akka injifataniif karaa saaquu isaatiin seenaa atleetiksii addunyaa keessatti iddoo ol’aanaa qabaachuun yaadatama.

Gocha isaa seena qabeessa ta’an keessaa, injifannoo maaraatoonii Olompikii jalqabaa bara 1960 tapha Olompikii Room irratti galmeesse sadarkaa olaanaa qaba. Olompikii kana irratti gurraacha jalqabaa waan injifate qofa osoo hin taane fiigicha gurraacha injifachuun waan hin yaadamne ta’e kana meetira 42,195 miila duwwaan fiiguun sa’aatii 02:15:16n rikoordii addunyaa yeroo sanaa cabsuun isaa seenaa keessatti akka yaadatamu isa taasiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.