Oduu: Finfinneetin giddugala jeequmsaa taasisuuf yaaliin godhaman fashalaa’aniiru: Kantiibaa Adaanach Abeebee

Adaanach Abeebee, Kantiibaa magaalaa Finfinnee. Suuraa: Fuula fesbuukii waajjira kantiibaa magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Bitootessa 15/2023 – Magaalaa Finfinneetin giddugala jeequmsaa taasisuuf yaaliin adda addaa yeroo adda addaatti godhamaa ture fashalaa’uu kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee beeksiste.

Akka gabaasa kantiibaan magaalittii walga’ii idilee Mana Maree Magaalaa Finfinnee adeemsifamaa jiru irratti dhiyeessiteetti, hojiiwwan bulchiinsi magaalichaa ji’oota jahan darban keessatti galmaan ga’e keessaa inni guddaan hojiiwwan magaalattiin bakka jeequmsaa akka hin taanee baraaruuf hojjatameedha jette.

Erga yeroo dhiyoo as mootummaa uummataan filatame humnaan kuffisuun aangoo to’achuuf jecha magaalaa Finfinnee fi jiraattota ishee jeequuf yaaliin godhaman nu mudataniiru kan jette kantiibaan magaalittii Adaanach Abeebee, keessattuu namootni baay’een naannolee tokko tokko irraa gara Finfinnee dhufuun qaama sochii finxaaleeyyummaa, jibbiinsa, fi yaalii uummata walitti buusuuf godhamudha jette.

Addee Adaanach, “godaansa ol’aanaa naannolee tokko tokko irraa gara Finfinnee godhamu” jette biraa dabartuus, Komishinarri Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee, Geetuu Argaawuu ibsa mana marichaaf kenneen lakkoofsaan deeggaruun dhibbeentaan dhiheesseera. Isaan keessaa dhibbeentaan 64 naannoo Amaaraa irraa, dhibbeentaan 21 kibba irraa, dhibbeentaan 14 ammoo Oromiyaa irraa kan dhufan akka ta’an ibseera.

Kantiibaa Adaanach Abeebeen gabaasa ishee keessatti uummanni waliin jiraachaa ture akka wal shakku, akka gargar ba’uu fi akka walitti bu’iinsa keessa seenuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran hubachiisteetti. Jiraattonni magaalichaa qaamolee akkanaa irraa adda of baasanii mootummaa waliin akka dhaabbatan waamicha dhiyeessiteetti.

Jeequmsa tibbana Ayyaana Adwaan walqabatee Finfinneetti mudate ilaalchisee koreen hojii walta’iinsa nageenyaa magaalichaa ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kenneen shakkamtoota 878 guyyaa sana humnoota nageenyaatiin qabaman keessaa 575 naannolee biroo irraa kan dhufan ta’uu ibse ture.

Kanaan wal qabatee dhimma humnoonni nageenyaa naannoo Oromiyaa imaltoonni naannoo Amaaraa iddoo adda addaa irraa gara Finfinnee akka hin seenne dhorkuu ilaalchisee miidiyaan naannichaa AMC gabaasuun isaa ni yaadatama.

Torban tokko dura Preezdaantiin naannoo Amaaraa Doktar Yilqaal Kaffaalee “jiraattonni naannoo Amaaraa gara Finfinnee seenuun rakkisaa ta’eera” jedhame gaaffii miseensonni mana maree naannichaa irraa dhiyaateef deebii kenneen lammiileen biyya isaanii keessatti bilisaan socho’uun mirga heerri mootummaa isaan goonfachiisedha, kana hojiirra oolchuu qabna jedhanii akka dubbate ni yaadatama.

Pireezidaantichi itti dabaluudhaan osoo danqaa tokko malee Sudaan seennu, biyyoota tokko tokko keessatti viizaa malee osoo seennu biyya isaanii keessatti dhorkamuu hin qaban jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.