Oduu: Qaala’insi jireenyaa yeroo ammaa mul’achaa jiru bu’uura gabaa hin qabu: Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Xaafii, Suuraa: Getty Images

Finfinnee, Bitootessa 14/2023 – Daballii gatii midhaan nyaataa, keessattuu xaafii, irratti tibbana mul’achaa jiru ilaalchisee Kominikeeshiniin mootummaa naannoo Oromiyaa ibsa kaleessa Bitootessa 13 karaa fuula feesbuukii isaarratti baaseen, qaala’insi jireenyaa yeroo ammaa mul’achaa jiru bu’uura gabaa kan hin qabneefi bakka hanqinni oomishaa hin jirretti daballiin gatii uumuun uummanni akka rakkatu taasisuuf yaalameeti jedhe.

Daballiin gatii meeshaaleefi midhaan nyaataa irratti mul’achaa jiru “fedhii aangoo shira diinagdeen galmaan ga’achuuf fiigamudha” kan jedhe ibsa biirichi baase kun, itti dabaluudhaan, “dabni siyaasaa maqaa sabummaafi amantaan dadhabame shira dinagdeetiin hin milkaa’u,” jedhe.

“Biyya keenyatti fedhii aangoo galmaan ga’achuuf yeroo garaagaraatti maqaa sabummaafi amantaan akkasumas walitti bu’insa garaa garaa uumuun yaaliin hedduun taasifamaa tureera,” kan jedhe kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa, qaamonni kunneen kaayyoo isaanii galmaan ga’achuuf ijibbaata falmachaa waan jiraniif yeroo shira dinagdee uumuun qaala’insa dinagdee uumanii uummata galma dhokataa isaaniif kakaasan mul’atu jedhe.

Shirri dinagdee kun daballii jijjiirraa sharafa alaa sababa godhachuun daldaaltoota ofittoo ta’an fayyadamuun kan raawwatamu fi, gama biraan oomisha baay’inaan bituun gabaarraa akka dhabamu taasisuun daba siyaasaa hojjetamu ta’uu ibseera.

Biirichi ibsa kan biraa har’a ganama baaseen ammoo “qaamoleen siyaasaa shiraa geggeessan qaala’insa gabaa akka carraatti fayyadamuun maqaa ummataan gabaa siyaasa isaanii hoo’ifachuun daba garaa garaa bocanii boo’anii boochisanii jiraachuu filatu” jedhe irratti  tarkaanfii barbaachisu mootummaan akka fudhatuuf manneen kuusaa dhiyeessii addatti beekuu irratti hawaasni qaamolee nageenyaaf eeruu akka laatu waamicha dhiyeesseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.