Oduu: Hawaasni Booranaa hongeen miidhaman hanna gargaarsaa dabalaa jiruun rakkachuu himan, aanga’oonni himaticha haalaniiru

Miidhamaa rakkoo hongee tokko godina Booranaa, magaalaa Yaa’aballoo, kaampii buqqaatotaa Elwayaa keessatti daakuu gargaarsaa baatee deemu

Biruuk Alamuu  fi Madihaanee Iqqubaamikaa’eliin

Yaa’aballoo, Booranaa – Gargaarsi namoomaa godina Booranaatiif ergame malaammaltummaa namoonni gargaarsa tamsaasan raawwataniin faayidaa dhuunfaatiif oolaa waan jiraniif hawaasni magaala Yaa’aballoo dararamaa jira.

Jiraattonni magaalattii daakuun barreeffama Busaa Gonofaa Oromiyaa jedhu ofirraa qabu gargaarsaaf qofa ooluu qabu gabaarratti gurguramaa jiraachuu argan Addis Standarditti himan.

Kiisha boqqolloo waajjira Busaa Gonofaa, suuraan mana daaku/gabaa irratti kaafame (Suuraa: Jiraattota)

Gargaarsi namoota beekamoo fi aartiistootaan sassaabame giddu seentummaa faddaalaa fi saamiinsa tokko malee buqqaatota hongeen miidhaman mooraa baqattootaa Elwoyee Ambootti (Amboo xiqqittii) argaman bira gahuusaa gaazexeessitoonni Addis Standard daawwataniiru. 

“Aanga’oonni magaalattii [Yaa’aballoo] fi namoonni aaangoo qabna ofiin jedhan gargaarsi dhufu mana kuusaatti akka kuufamu akka barbaadan hubanneerra”

Shimallis Abbaabbuu

Yaada isaa Addis Standarditti kan late aartistii Oromoo beekamaa fi garee aartistoota gargaarsa fidan keessaa tokko kan ta’e Shimallis Abbaabbuu, “Namoonni gargaarsicha fidanii dhufan  ofuma isaaniitii rakkattoota biraa gahuu qabu malee mana kuusaa magaalattiitti argamanitti kuusuu hin qaban,” jechuun hime. Shimallis, gargaarsi qaamota garaagaraa irraa sassaabamu namoota hongeen hubaman bira gahaa akka hin jirree hubachuusaas himeera.

“Aanga’oonni magaalattii [Yaa’aballoo] fi namoonni aaangoo qabna ofiin jedhan gargaarsi dhufu mana kuusaatti akka kuufamu barbaadu. Gargaarsa nuti fidne kanas mana kuusaa isaaniitti akka harcaafnu nutti himanii ture,” jechuun dabalee hime Shimallis.

“Nuti garuu gargaarsicha iddoo biraatti buusuurra ummata keenya biraan gahuu wayya jennee fidne dhufne,” jechuun mana kuusaatti akka harcaasan aanga’oonni dhiibbaa irratti gochaa kan turan ta’uu himeera.

“Akkasumas, namoonni hongeen hubaman mooraa buqqaatootaatiin ala jiran sirnaan gargaarsa argachaa kan hin jirre ta’uu nutti himamee ture,” erga jedhee booda gargaarsi dhufu mana kuusaatti harca’a yoo ta’e gargaasri guutummaatti hubamtoota bira hin gahu. Kanaafuu, uummanni yeroo dheeraaf rakkinaaf kan saaxilaman ta’uu eereera.

Kana malees, namoonni gargaarsa fidan gargaarsicha namoota biraan gahuu akka qaban hubachiiseera.

Gareen artistootaa fi namoota bebbeekamoo kaampii buqqaatota Elwayaatti gargaarsa yeroo raabsan

Namoota gargaarsicha fiduuf Yaa’aballoo dhufan keessaa tokko kan ta’e fi dhalataa Oromoo jiraataa biyya alaa ta’e kan biraa Addis Standard’tti akka himetti gargaarsicha aanaatti akka harcaasan dhiibbaan turuusaa ibsuun isaan garuu darbanii dhufuun uummataaf raabsuu barbaadusaanii eereera.

Jiraattoota magaala Yaa’aballoo kan eenyummmaan isaanii ifa akka hin taasifamne  gaafachuun Addis Standarditti yaada laatan gargaarsi namoota hongeen hubamanii buqqa’aniif godhamaa jiru hamma barbaadamuu gadi ta’uu ibsaniiru.

Jiraataa magaalattii tokko, “Daakuun gargaarsaaf dhufu kun namoota dhuunfaa fi gareen ta’aniin daldaaltootatti gurguramaa jira,” jechuun gargarsi dhufu kan mana kuusaa Yaa’aballootti walitti qabamu kun harka aanga’oota  kufuu danda’a jedheera.

Magaala Yaa’abalootti raabsaa kan ta’e maqaansaa ifa akka hin taasifamne barbaade tokko garuu daladaaltonni magaala Yaa’aballootti argaman gargaarsa rakkattootaaf dhufe akka hin binnee waliigalanii jiru  jedheera.

Himata aanga’oota bulchiinsa godinichaa irratti dhiyaatu ilaalchisee deebii argachuuf jecha Addis Standard hogganaa busaa gonofaa godina Booranaa Roobaa Daangee dubbiseera. Akka Roobaan jedhutti, hojimaata gargaarsi hatattamaa dhufu ittiin to’atamuu fi raabsamutu jira jedheera. Namoonni gargaarsa erga magaaluma Yaa’aballootti harcaasanii deebi’uu barbaadu jedheera.

Komiin namootaa isaan qaqqabe tokkoyyuu kan hin jirre ta’uu eeruun hojimaata geejjibaa fi raabsaa gargaarsicha ittiin to’atamu kan qaban ta’uu dubbateera. Suuraan korojoo busaa gonofaa Oromiyaa ofirraa qabu kan miidiyaa hawaasaarra naanna’u kun iddoo gargaarsaatii kan fudhatame ta’uu hima. 

Haaluma walfakkaatuun kantiibaan magaala Yaa’aballoo Guyyoo Qaallichaa, komii kana haaluun gargaarsa walitti qabame kan kuusin ta’uu addeessaniiru. Akkasumas, bulchiinsichi namoota buqqaatota magaalatti keessa qubatanii jiraniif gargaarsa kennaa kan jiru ta’uu dubbata. Haata’u malee, akkaataa raabsaa gargaarsaa aanaaleetti godhamaa jirurratti odeeffannoo kan hin qabne ta’uu hima. 

Karaa biraatiin, biiroon busaa gonofaa Oromiyaa ibsa Sanbata darbe baaseen gargaarsi sassaabbii qarshii fi meeshaa godina Booranaatiif godhamu kamiyyuu eeyyama mootummaa naannoo Oromiyaatiin ala akka hin taasifamne dhorkeera.

Kanaan dura mootummaan naannichaa akkaataa sassaabbii fi raabsaa gargaarsaa namoota dhuunfaa, garee fi dhaabbataatiin godhamu kamiyyuu karaa busaa gonofaa Oromiyaatiin qofa akka taasifamu qajeelfama baasee ture. Gabaasonni shakkii uuman akkanaa otuu jiranii mootummaan naannichaa garuu godina Booranaatti gargaarsa karaa seera qabeessaan tamsaasaan jira jedheera. AS 

.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.