Oduu: Hongee naannoo Oromiyaatti muudateen barattoonni kuma shanii ol barnoota addaan kutan; manneen 18 cufamaniiru: Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Finfinnee, Bitootessa 14/2023 – Sababa hongee naannoo Oromiyaa godinaalee Baalee, Arsii fi Harargee Lixaatti mudateen manneen barnootaa 18 cufamuu fi barattoonni kuma 5 fi 294 barnoota isaanii addaan kutuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.

Sadarkaa Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Biirootti Gorsaan Biirichaa Eefreem Tasammaa akka EBCtti himeen, biirichi iddoowwan sababa hongee kanaatiin miidhaman keessatti adeemsa barnootaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jira.

Akka Eefreem jedhetti, yeroo ammaa kana godina Baaleetti manneen barnootaa 11, godina Arsiitti manneen barnootaa 6, godina Harargee Lixaatti ammoo manni barnootaa 1, walumaa galatti manneen barnootaa 18 sababa hongee kanaatiin cufamanii jiru; sababa kanaanis barattoonni kuma 5 fi 294 barnoota isaanii addaan kutuu beeksise. 

Biirichi manneen barnootaa hongeen miidhaman deeggaruu fi barattoota barnoota addaan kutan gara mana barumsaatti deebisuuf birrii miiliyoona 11 ol kennuu isaa himeera, Eefreem. Kana malees, manneen barnootaa miidhaan irra gahe deeggaruuf birri miiliyoona 5 kennuu yaadachiisuun, bittaa taankarii bishaaniitiifis birriin miiliyoonni 2 kennameera jedhe. 

Miidhaa hir’isuun lubbuu hawaasaa baraaruuf nyaata namootaa fi looniitiif birrii miiliyoona 4 laatamuus hime jira. Deeggarsa biiroon taasiseen alattis hojjattoonni biirichaa miindaa isaanii irraa birrii miiliyoona 1.4 gumaachuu isaaniis eerameera.

Tibbana hongee hamaa godina Booranaatti muudate ilaalchisee Addis Standard waliin af-gaaffii kan taasise Waajjira Busaa Gonofaa Oromiyaatti Daayirektera Lojistikii Deebii fi Deebisanii Dhaabuu, Dabalaa Ittaanaa, godina Booranaa ala naannoo Oromiyaa godinaalee gammoojjii hongeen keessatti muudate biroo [Gujii, Gujii Lixaa, Arsii, Arsii Lixaa, Baalee, Baalee Bahaa, Harargee Bahaa, Harargee Lixaa fi Shawaa Bahaa] keessatti daa’imman dabalatee namoota miiliyoona 3.6 hongeedhaaf kan saaxilaman ta’uu himuun isaa ni yaadatama.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (OCHA) akka jedhetti ji’oota Waxabajjii fi Muddee 2022 gidduutti naannoolee Somaalii, Oromiyaa, fi saba sablammii fi uummatoota Kibbaa dabalatee, namoonni gaafa Afrikaa keessa jiraatan miliyoona 12 ta’an hongeedhaaf kan saaxilaman ta’uu ibse ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.