Oduu: Hokkorri tibbana Naannoo Sidaamaa fi Godina Arsii Lixaa jidduutti lubbuu namaa galaafate, wal-dhibdee daangaa ykn walitti bu’iinsa sabaa miti – Naannoo Sidaamaa

Hokkora torbee darbe mudateen yoo xiqqaate namoonni 10 ol du’aniiru (Suuraa: Jiraattota)

Finfinnee – Dhiyeenya daangaa naannoo Sidaamaa fi Godina Arsii Liixaatti hokkorri tibbana lubbuu namoota kudhanii olii galaafate, akka miidiyaaleen gabaafamaa ture, wal-dhibdee daangaa ykn ammoo walitti bu’iinsa saboota Oromoo fi Sidaamaa jidduutti uumame miti jechuun naannoon Sidaamaa ibse.

Obbo Alamaayyoo Xiimoxiiwoos, itti gaafatamaan Biiroo Haqaa fi Nageenyaa Naannoo Sidaamaa Addis Standarditti yoo himan, rakkoo fi wal dhabdeen kan uumame namoota dhuunfaa gidduutti lola dhalateen malee dhimmaa daangaas fi walitti bu’iinsa sabaas miti jedhan. 

Obbo Alamaayyoon akka jedhanitti walitti bu’iinsa kanaan gama laachuu irraa namoonni ajjeefamuu, akkasumas qabeenyi hedduun barbadaa’uu isaa ibsanii jiru. 

Walitti bu’iinsi kunis kan uumame namnii sabaan Sidaamaa ta’ee godina Gujii Bahaa gandaa Guboo jedhamutti nama dhuunfaa faana wal lolee erga ajjeesee booda maatiin nama du’ee haaloo bahuuf jecha tarkaanfii fudhataniin namoota hedduu ajjeesuu fi qabeenya balleessuu himaniiru.

Waldhabdeen kun qindoomina qaamolee nageenya naannoo Sidaamaa fi Oromiyaatiin to’aannoo jalaa oluu danda’eera kan jedhan aanga’aan kun, humnoonnii nageenyaa naannoo Sidaamaa fi Oromiyaa harka keessaa qabu jedhamuun kan gabaafame soba jedhan. Humni addaa Sidaamaas ta’e kan Oromiyaa kan nama ajjeese hin jiru jedhan.

Bulchaan godina Arsii Lixaa, Obboo Ahimad Hajiis yaada Obbo Alamaayyoo mirkaneessanii, gabaasaaleen miidiyaa namoonni ajjeefaman walgahii waamamanii haleellaan irratti raawwatame jedhuu soba jechuun ibsaanii jiru. 

Obbo Ahmed akka jedhanitti ”lubbuun namootaa gama lachuutiin badeera, kaan immoo mana jireenya isaanii irraa buqqa’aniiru, gariin qabeenyi isaanii saamamee jira”. Haata’u malee badii lubbuu namaa fi qabeenyarra gahe qorannoon godhamaa akka jiru ibsuun himuurraa of qusatanii jiru.

Humni raayyaa ittisa biyyaa gara sanatti bobba’uu isaa qondaaltoonni lamaan mirkaneessanirru. Itti dabaaluun, hooggantoonni fi manguddoonni gama lameenii waliin mari’achuun dhimmicha furuuf waliigaluu isaanii akkasummas adeemsa araaraaf guyyaa muranii akka jiran himan.

Daangaa naannoolee lamaanii jidduutti bishaanii fi margaa irratti wal loluun amma durallee akka jirufi, walitti bu’iinsawwan akkasii jaarsummaa aadaatiin furmaata argaacha akka turan qondaaltonni laman ibsanirru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.