Oduu: Faawondeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa piroojektiiwwan bishaan dhugaatii qulqulluu lama godina Booranaatti ijaarsise eebbisiise

Pirojektoota lamaan eebbifaman keessaa tokko, wayita namootni bishaan waraabbatan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2023 –  Faawondeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa piroojektiiwwan bishaan dhugaatii qulqulluu lama aanaalee Miyoo fi Dubluq godina Booranaatti ijaarsise Jimaata har’aa eebbisiise.

Walitti qabduun boordii Faawondeeshinichaa fi haati warraa artiist Hacaaluu Hundeessaa Faantuu Damissoo, sagantaa eebba pirojektichaa jidduun Boorana irraa Addis Standard’tti akka himanitti pirojektiiwwan lamaan yeroo ji’a sadii hin guutne keessatti ijaaramanii xumuraman.

Pirojektiiwwan lamaan bajata birrii miliyoona 28 oliin kan ijaaraman yoo ta’u rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu jiraattota aanaalee lamaanii walumaagalatti 52,000 ol ta’an ni fura jedhan.

Hawaasni Godina Booranaa Aadde Fantuuf akka Aadaa Booranaatti maqaa Qabballee jedhu moggaaseefii jira

“Pirojektoota kana ana osoo hin taane kan ijaare Haceedha. Osoo inni [lubbuun] jiraatee uummata keenya hongeen miidhame kana bira ni dhaabbata ture waan ta’eef, Faawondeeshiniin isaas uummata kana bira dhaabbachuu waan qabuuf kana ijaarre,” jedhan.

Itti dabaluunis “Haceen yeroo lubbuun jiru waa’ee quuqama uummata isaa waan hedduu dubbatee darbe. Haceen keenya darbus kaayyoon isaa hin darbu waan ta’eef, kaayyoo isaa sana galmaan gahuuf quuqama isaa inni dubbatee darbe nutimmoo hojiin agarsiisna jennetu kana hojjechaa jirra, hojii kanammoo itti fufsiifna,” jedhan.

Faawondeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 17 bara 2021 kan hundaa’e yoo ta’u yaadannoo artiist Haacaaluu Hundeessaa kan Waxabajjii bara 2020 magaalaa Finfinnee keessatti ajjeefameef hundaa’e. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.