Oduu:Rakkoo nageenyaa itti fufeen hogganni Gadaa Karrayyuu biraa reebicha hamaa humnoota mootummaatiin irra gaheen ajjeefame – jiraattota

Gobbuu Hawwilee bakka Kaarra jedhamtu abbootiin Gadaa 2021 ajjeefaman itti awwaalamanitti awwaalame (Suuraa: Roobaa Bulgaa Jiloo)

Finfinnee – Jiraattonni akka jedhanitti bakka bu’aa abbaa bokkuu Karrayyuu bara 2021 ajjeefamee kan ta’e Gobbuu Hawwiilee reebicha hamaa humnoonni nageenyaa mootummaa irratti Sanbata darbe irratti raawwatan irraa hafuu waan hin dandeenyeef lubbuun isaa darbe.

Jiraataan nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin eeramne gaafate tokko humnoonni nageenyaa mootummaa Gobbuu Hawwilee fi namoota biroo Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee ganda Xuxxuutii bakka Kaarra jedhamu amma dura abbootiin Gadaa Karrayyuu itti ajjeefamanitti reebicha hamaa irratti raawwatan jedhe.

Akka jiraataan kun jedhutti sababa reebicha kanaa Gobbuu Hawwilee Wiixata darbe yoo du’u, ilmi hoggana olaanaa Gadaa Michillee kan ajjeechaa abbootii Gadaa Michillee bara 2021 irraa lubbuun hafee torban lama dura hidhattoonni Amaaraa ajjeesan, kanneen reebicha kanaan miidhaman keessa tokko yoo ta’u wayita ammaa du’aa fi jireenya jidduu jira.

Manguddoon biro Boruu Jiillee jedhamanis reebicha kanaan akka malee miidhamanii hospitaala Walancitii keessatti wal’aansarra akka jiran VOAn gabaaseera.

Gaafa Bitootessa 21, 2023 Addis Standard Hawaas Matoo Boorraa, hogganni olaanaa Gadaa Michillee kan ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu bara 2021 irraa lubbuun hafee tokkichi gaafa Bitootessa 12 hidhattoota Amaaraan haadhamee guyyoota lama booda du’uu gabaasee ture.

Dhalataa Karrayyu fi falmaa mirga uummata jeebanaa kan ta’ee fi biyyaa Ameeriika kan jiratu Rooba Bulgaa Jiloo yeroos Addis Standard waliin haasawa taasiseen, hongee fi gogiinsa itti fufee jiruun, fi hanqina gargaarsa namoomaatti dabalataan waraanni hawaasa Karrayyuu irratti banamee kun rakkoo hamaa fidaa akka jiru fi hegeree Karrayyuu balaadhaaf saaxilaa jedhee ture.

Addis Standard rakkoo nageenyaa Aanaa Fantaallee keessatti itti fufee fi lubbuu namootaa gaaga’aa jiru kana ilaalchisee bulchaa aanichaa Obbo Boruu Jiloo fi qondaaltota aanichaa biro akkasumas kan naannoo Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin irra deddeebiin godhe hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.