Oduu: Ministeerri Fayyaa weerara Koleeraa naannolee Oromiyaa, Somaaleetti mudate to’achuuf Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa talaallii miiliyoona 1.2 gaafate

Finfinnee, Ebla 03/2023 – Weerarri Koleeraa naannoo Oromiyaa godina Baalee aanaa Harannaa Bulluq aanaa Haarannaa Bulluq keessatti Hagayya 27, 2022 keessatti mul’atee ture baba’achuun gara godinoota naannoolee Oromiyaa fi Somaalee ta’an keessa jiran dimshaashaan 22 keessatti babal’achaa dhufuusaa Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

Ibsi ministeerichi Bitooteessa 31, 2023 baaseen weerrarri Kooleeraa godinaalee naannoo Oromiyaa keessatti argaman 18 fi kan naannoo Somaaleetti argaman 4 keessatti argamuusaa addeesseera. Oromiyaa keessatti goodinaalee Baalee, Gujii, Arsii lixaa fi Baalee Bahaatti yoo argamu aanaalee naannoo Somaalee lama keessattis argama jedhe.

Aanaalee weerarichi itti mudate keessatti giddugala buufata fayyaaa hundeessuun ittisuu fi to’achuuf hojiin talaallii fi wal’aansaa hojjachaa kan jiru ta’u ministerrichi ibseera. Meeshaalee qulqullina ittiin eeggatan hawaasaaf raabsuu, meeshaalee talaallii raabsuu, barumsa fayyaa hawaasaaf kennuu, ogeeyyii leenjisuu fi duula qindaawaa raawwachuun babal’ina weerarichaa to’achuuf hojjachaa jira.

Akkasumas, talaallii Kooleeraa miliyoona 1.2 ta’u namoota aanaalee kanneen keessatti argaman talaaluuf oolu gargaarsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa gaaafachuun deebii eeggachaa kan jiru ta’us ministeerichi ibseera.

Weerarri Kooleeraa godina Booranaa magaalaa Moyyaaleetti mul’ate lubbuu namoota shanii galaafachuu Addis Standard gabaasee ture. Weerarri kun namoota daangaa Keeniyaa qaxxaamuranii gara magaalattii galaniin kan dhufe ta’u hogganaan biiroo fayyaa magaala Mooyyaalee ibse ture. Roobni dhiyeeenya kana akka haaraatti roobaa jirus weeraricha hammeessuu danda’a jedheera.

Babal’achaa deemuun weerara Kooleeraa yaaddeessaa ta’uu eeruun hojiin ittisaa fi too’annoo  barbaachisaa ta’e yoo hin godhamin badii hamaa qaqqabsiisuu kan danda’u ta’uu waldaan ogeeyyiin fayyaa Oromiyaa akeekkachiisee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.