Oduu: Qondaala olaanaa Komishinii Poolisii Gaambeellaa duraanii “lammiileen nagaa akka ajjeefaman miseensota poolisiif ajaja kennuun” shakkamee mana murtiitti dhiyaate

Humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo Gaambeellaa nama nagaa harki isaa dugda duubaatti hidhamee jiru irratti irra deddeebiin dhukaasanii yeroo ajjeesan

Finfinnee, Ebla 04/2023 – Itti aanaan Komishinaraa Koomishinii Poolisii Naannoo Gaambeellaa duraanii Tuut Koor ajjeechaa lammiilee nagaa “loltoota Shanee fi meeshaa waraanaa mana isaanii keessatti dhoksan” jedhamanii shakkaman irratti naannicha keessatti raawwatameen walqabatee shakkamuun mana murtiitti dhiyaate.

Haleellaa gareen hidhaattootaa Waxabajjii 14, 2022 magaalaa Gaambeellaa naannawaa Koomishinii Poolisiitti raawwatan hordofee garee hidhattootaaf odeeffannoo kennuun shakkamuu poolisiin dhaddachaaf ibseera. Dabalataan lammiileen nagaan akka ajjeefaman miseensota poolisii walitti qabuun ajaja kennanuun shakkamuun eerameera. 

Yeroositti qaamoleen nageenyaa lammiilee nagaarratti haleellaa wayita raawwatan akka hoggansaatti dhaabsisuu utuu qabanii, utuu hindhaabsisiin callisaan darbaniiru jechuun Poolisii qorataan dhaaddachaaf ibseera.

Shakkamaan mirgi wabii akka eegamuuf gaafatus, Dhaddachi eellama Yeroo gaaffii shakkamaa yeroof kufaa taasisuun, ragaa dabalataan walitti qabuun barbaachisaa ta’uu tilmaama keessa galchuun yeroo qorannoo guyyoota 14 poolisii qorataaf eeyyameera.

Waxabajjii 16, 2022 suur-sagalee humnoonni nageenyaa mootummaa nama nagaa harki isaa dugda duubaatti hidhamee jiru irratti irra deddeebiin yeroo dhukaasan kan mul’isu toora  miidiyaa hawaasaa hedduu irratti naanna’aa ture. Kunis Gaambeellaa keessatti humni waloo Adda Bilisummaa/Waraana Gaambeellaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) magaalattii keessatti tarkaanfii waloo gaggeessaa akka jiran erga beeksisanii guyyaa lama booda bahe.

Jiraattonni magaalaa Gaambeellaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan yeroos Addis Standarditti akka himanitti, humnoonni nageenyaa mootummaa miseensota “Shanee” jedhan barbaacha mana jireenyaa sakatta’aa turan. Akka jiraattonni jedhanitti humnoonni nageenyaa nama isaan irraa baqate, dhiirota rifeensi isaanii dhahatanii fi kanneen afaan Amaaraa ykn Gambeellaa dubbachuu hin dandeenye, keessattuu warra Afaan Oromoo dubbatan irratti tarkaanfii fudhachaa turan.

Jiraataan magaalichaa kan miidhamaa rasaasaan rukutamee mul’atutti dhihoo ta’e  “ Namoonni kudha tokko kan nuti beeknu walitti qabamaniiru. Tokko qofatu lubbuun hafe. Kan Viidiyoo irratti argitan qe’ee isaa irraa fuudhamee rasaasaan ajjeefame. Obboleettii isaatiin magaalaa Gaambeellaatti guddate. Umurii isaa guutuu as jiraate. Nageenya koo balaadhaaf osoo hin saaxilin odeeffannoo dabalataa ibsuu hin danda’u. Addunyaan akka nuuf beeku barbaanna.” jechuun haala ture Addis Standarditti hime.

Mootummaan naannoo Gaambeellaa Waxabajjii 14 ganama, humnoota mootummaa fi humnoota waloo Adda Bilisummaa Gaambeellaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) (kan mootummaan  “Shane” jedhee waamu)  gidduutti dhukaasni akka gaggeeffame ibsee ture. 

Waaree booda waajjirri pireesii sekretariyaatii mootummaa naannoo Gaambeellaa, ibsa baaseen humnoonni nageenyaa mootummaa sa’aatii dheeraaf garee hidhatee waloo Waraana Bilisummaa Oromoo fi Waraana/Adda Bilisummaa Gaambeellaa waliin lola taasisaniin booda magaalaa Gaambeellaa tasgabbeessuu akka danda’an beeksiseera.

Boodarra baatii Fulbaana bara sana keessa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa baaseen, waldhabdee humnoota tikaa naannichaa fi tumsa gareewwan hidhatan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Adda Bilisummaa Gaambeellaa (GLF) gidduutti uumameen lammiileen nagaa seeraan ala ajjeefamuu ibseera. Irra caalaa ajjeechaawwan kunneen humnoota nageenyaa mootummaatiin raawwatamuus ibse.

Waxabajjii 14 fi 16 gidduutti yoo xiqqaate namoonni nagaa kanneen “loltoota Shanee fi meeshaa waraanaa mana isaanii keessatti dhoksan” jedhamanii shakkaman 50, “adda dureedhaan humnoota mootummaatiin” ajjeefamaniiru jedha gabaasni kun. Namoota miidhaman keessaa dubartoonni fi dhukkubsattoota sammuu turan. Dabalataanis yoo xiqqaate namoonni 25 irratti miidhaa salphaa fi ulfaataa gaheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.