Gaambeellatti humnoonni nageenyaa mootummaa namoota nagaa ajjeesaa jiraachuun himame

Siyaannee Mokonnoniin 

Finfinnee, Waxabajjii 26/2022- Humnoonni nageenyaa mootummaa nama nagaa harki isaa dugda duubaatti hidhamee jiru irratti irra deddeebiin yeroo dhukaasaan kan mul’isu Viidiyoon toora  miidiyaa hawaasaa hedduu irratti naanna’aa jira. Waraabbiin kun magaalaa guddoo naannoo Gaambeellaa keessatti humni waloo Adda Bilisummaa/Waraana Gaambeellaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) guyyaa lama dura magaalattii keessatti tarkaanfii waloo gaggeessaa akka jiran erga beeksisanii guyyaa lama booda. 

Jiraataan magaalichaa kan miidhamaa rasaasaan rukutamee mul’atutti dhihoo ta’e  “ Namoonni kudha tokko kan nuti beeknu walitti qabamaniiru. Tokko qofatu lubbuun hafe. Kan Viidiyoo irratti argitan qe’ee isaa irraa fuudhamee rasaasaan ajjeefame. Obboleettii isaatiin magaalaa Gaambeellaatti guddate. Umurii isaa guutuu as jiraate. Nageenya koo balaadhaaf osoo hin saaxilin odeeffannoo dabalataa ibsuu hin danda’u. Addunyaan akka nuuf beeku  barbaanna.” jechuun haala jiru Addis Standarditti hime. 

Mootummaan naannoo Gaambeellaa Kibxata ganama, humnoota mootummaa fi humnoota waloo Adda Bilisummaa Gaambeellaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) (kan mootummaan  “Shane” jedhee waamu)  gidduutti dhukaasni akka gaggeeffame ibsee ture. Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) “ jaarmiyaa shororkeessaa” jechuun paarlaamaa Itoophiyaatiin ramadameera. 

Kibxata waaree booda waajjirri pireesii sekretariyaatii mootummaa naannoo Gaambeellaa, ibsa baasen humnoonni nageenyaa mootummaa sa’aatii dheeraaf garee hidhatee waloo  Waraana Bilisummaa Oromoo(Kan mootummaan “Shane” jedhee waamu) fi Waraana Bilisummaa Gaambeellaa/ Adda Bilisummaa Gaambeellaa irratti lola sa’aatii dheeraaf taasisaniin booda magaalaa Gaambeellaa tasgabbeessuu akka danda’an beeksiseera. Ibsichi itti dabaluudhaan miseensota garee finciltootaa hafan “qulqulleessuu” fi “guutumaan guutuutti dhabamsiisuuf” tarkaanfiiwwan ciman fudhatamaa jiraachuu eerera.

Jiraataan magaalaa Gaambeellaa biroo kan Addis Standard dubbise humnoonni nageenyaa mootummaa miseensota “Shanee” barbaaduuf manneen jireenyaa sakatta’aa akka jiran ibseera. Jiraataan kun waa’ee viidiyoo miidiyaa hawaasaa irra naanna’aa jiruu quba  akka hin qabne eeree, garuu naannoo “Zero Amist” jedhamutti taatee walfakkaatu akka arge ibseera. Innis, “ Nama tokko mana qorichaa fuulduratti rasaasaan rukutame arge. Miila isaarra rasaasaan rukutamee gara hospitaalaatti geeffame. Miseensa garee hidhattootaa ta’uu fi dhiisuu isaa hin beeku” jedhe.

Itti fufuunis, “Miidhaamtoonni miseensa garee hidhattootaa ta’uuf dhiisuu adda baasuun rakkisaadha, garuu humnoonni nageenyaa nama isaan jalaa baqatu, dhiirota rifeensi isaanii dheerate fi kanneen Afaan Amaaraa ykn Afaan Gaambeellaa dubbachuu hin dandeenye, keessattuu warra Afaan Oromo dubbatan, rasaasaan rukutu.” jedhe. Humnoonni mootummaa kasaaraa guddaa waan irra gaheef yaaduma namoota nagaa rasaasaan rukutaa turan.

Haala yeroo ammaa magaalattii keessa jiru, “Hanga ammaatti baay’ee dhiphina keessa jirra. Ammallee manaa  bahuu hin dandeenyu. Sagaleen qawwee hir’ateer”  kan jedhe jiraataan kun  “Shakkamtoota ajjeesuu dhiisanii gara waajjira poolisiitti osoo geessaniin hawwii kooti” jedhe. 

Mootummaan naannichaas jiraattonni magaalaa Gaambeellaa  miseensota gareewwan hidhatanii ‘naannoo isaanii keessa dhokatan’ humnoota nageenyaatiif eeruu akka kennanii fi galgala sa’aatii 2:00 booda mana akka hin baane gaafateera.

Yaaliin Addis Standard Waajjira Kominikeeshinii naannoo Gaambeellaa qunnamuuf taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.