Kalaqa: Teeknoloojiin Boba’aa salphaatti oomishuu dandeessisu barattootaan hojjatame

Naatinaa’eel Fiixeetiin

Finfinnee, Waxabajjii 17/2022 – Yunivarsiitii Jimmaatti barattoonni bara 2014 Makaanikaal Injinariingii eebbifaman maashinii boba’aa oomishu hojjachu isaani Inistitiyutiin Teeknoloojii Jimmaa beeksise. Oomishni boba’aa kunis janereetarii, konkolaataa salphaa fi tajaajilawwan mana keessaaf yaalamee bu’aa qabeessummaan isaa akka mirkanaa’e Inistitiyutichi beeksiseera. 

Galteewwan oomishni boba’aa ittiin oomishamu pilaastikoota tajaajilan sassaabuun adeemsa Paayrolisiis jedhamuun oomishuu akka danda’ame Inistitiyutichi beeksiseera. 

Teeknoloojiin kun gama hanqina boba’aa biyyattii muudachaa jiru furuun gahee guddaa kan taphatu yoo ta’u, maashiniin ho’a gargaaramuun boba’aa oomishu kun bakka kamittuu salphaatti tajaajila kennaas jedhameera. 

Yaalii hanga ammaatti godhameen sa’aatii tokko keessatti pilaastikii kiiloogiraama sadi fayyadamuun boba’aa liitira lama oomishu kan danda’ame yoo ta’u, gara fuulduratti bal’inaan yoo irratti hojjatame kanaan olitti oomishu akka danda’amu barattootni kun ibsaniiru. 

Gosoota pilaastikii naannoo faaluu danda’an fayyadamuun tajaajila irra oolchuun eegumsa naannootif faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru. 
Barattootni kunis oomishtoota fi fayyadamtoota waliin qindoomuun maashinicha teeknoloojiidhaan gahoomsuun faayidaarra akka ooluuf ni hojjanna jedhaniiru. Yuunivarsiiticha keessatti barsiisaa Makaanikaal Injinariingii fi gorsaa garee pirojektichaa kan ta’e Abrahaa Kaahsaay gama isaatiin gama yuunivarsiitii irraa deeggarsa barbaachisu godhamaafi akka jiru fi bu’aa barbaadamu akka argamsiisuuf deeggarsi godhamaa jru akka itti fufu dubbateera.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.