Oduu: Godina Addaa Saba Oromoo keessatti namootni 175,000 ta’an deeggarsa atattamaa barbaadu: UNOCHA

Namootni bara 2021 keessa saba walitti bu’iinsaan Godina Addaa Oromoo irraa buqqa’an, Suuraa: Kominikeeshinii Aanaa Jillee Dhummuugaa

Finfinnee, Ebla 05/2023 – Naannoo Amaaraa, Godina Addaa Saba Oromootti aanaalee afur keessatti namootni 175,000 ta’an (buqqaatota fi buqqaatota deebi’an) yeroo ammaa kana deeggarsa atattamaa akka barbaadan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksise. 

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) gabaasa haaraa Ebla 03, 2023 baaseen, weerara awwaannisaa, hongee, fi walitti bu’iinsa dabalatee wantootni hedduun waggoota dhiyoo asitti uumaman, bu’uura jireenyaa naannoo uummata godinichaa akka manca’uuf gumaachuun, haala argamaa fi dhaqqabummaa wabii nyaataa irratti kallattiin dhiibbaa geessisaniiru jedhe.

Waldhabdee Amajjii bara 2023 mudate hordofuun kanneen buqqa’an oomisha (nyaata) malee kan hafan yoo ta’u, warri gara naannoo isaaniitti deebi’an sadarkaa wabii nyaataa isaanii gadi aanaa ta’uu irraa kan ka’e gargaarsa nyaataa barbaadu.

Akka OCHAn jedhutti, namoota waldhabdeen dhiheenya kana jalqabame irratti miidhamaniif gargaarsi nyaataa kennameera. Haata’u malee aanaa Caaffaa Roobit dabalatee naannoleen tokko tokko tasuma hin dhaqqabamne. Namoonni dahoo hawaasa irraa kennameen kan jiraachaa turan yoo ta’u, buqqaatonni hanga nyaata ofii isaaniif oomishuu danda’anitti kaampii keessatti nyaachisuuf walumaa galatti nyaata MT 1,067.29/kan guyyoota 45f ta’u barbaachisa. 

Kana malees bishaan, dahoo fi meeshaalee nyaataan ala ta’an atattamaan akka barbaachisan ibseera. Tajaajilli Sagantaa Nyaata Dabalataa (TSFP) fi tajaajilli fayyaa fi soorataa barbaachisaa ta’e dhabamuu isaa, saaxilamummaa hanqina nyaataa daa’immanii fi dubartoota ulfaa fi harma hoosisan sadarkaa olaanaatti dabalaa jira jedhe.

Naannoo Amaaraa, godina Shawaa Kaabaa keessattis buqqaatonni kuma 350 ol ta’an deeggarsa walfakkaataa akka barbaadan tilmaamameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.