Oduu: Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa lammaffaa Wax 29 gaggeeffamuuf ta’uu ibsame

Finfinnee Caamsaa 16, 2023 – Badhaasni Haacaaluu Hundeessa marsaa lammaffaa bakka kaadhimamtoonni fi keessummoonni argamanitti Waxabajjii 29, 2023 magaala Finfinnee hoteela Skaaylaaytiitti kan gaggeefamu ta’uu koreen badhaasichaa beeksise.

Kaayyoon Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa artistootaa fi namoota ogummaa aartii keessa jiran dorgomsisee badhaasuun artistoota lafaa dhufan jajjabeessuu fi beekamtii kennuu ta’uu korichi ibseera.

Badhaasni kuni bara darbe qabiyyeewwan gosa 10 artistoota dorgomsiisee badhaasee kan ture yoo ta’u bara kana immoo weellistoota, barressitootaa, shubbistootaa fi ogeeyyii warraabbii fi gulaallii suur-sagalee dabalatee qabiyyeewwan 12 moo’attoota badhaasuuf qophaa’ee kan jiru ta’u korichi dabalee addeesseera.

Dorgommii kanarratti kan hirmaatan weellistootaa ol dhufaa jiranii fi namoota ogummaa kana duuba jiraniidha. Ulaagaalee kaa’aman keessaa albamni dorgommichaaf dhiyaatu kamiyyuu weelluuwwan shanii fi sanaa ol walumaagalatti dheerina daqiiqaa 30 qabu ta’uu qaba jedhame.

Moo’attoonni dorgomichaa kan gulaalaman sagalee ummatarraa sassaabamu harka kudhan kan qabu yoo ta’u inni hafe abbootii murtiitiin kan murteeffamu ta’as jedhame.  Yeroo ammaa kanarraa eegalee hawwasni karaa marsarii hawaasaa dhaabbatichaatiin artistii akka moo’atu barbaadu eeruu kan danda’u ta’uun ifoomeera.

Dhaabbanni Faawundeeshinii Haacaaluu gargaarsa namoomaa  dabalatee piroojiektiiwwan garaagaraa gaggeessaa jiraachuu Haati manaa Haacaaluu Hundeessaa fi hoggantuun  Hundeessaa adde Kiyyaa Damissee yaadachiisaniiru.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.