Oduu: Ministirri Muummee Abiy Ahimad Koree Biyyoolessaa Duula Farra Malaammaltummaa hoogganu hundeesse

Finfinnee, Sadaasa 17/2022 – Ministirri Muummee Abiy koree farra malaammaltummaa biyyoolessaa duula mootummaan malaammaltummaa irratti gaggeessaa jiru qindeessuuf, kanneen qorannoon adda baafaman dabalataan namoota harka keessa qaban adda baasuuf, fi seeratti dhiyeessuuf gargaaru hundeessuu beeksiseera.

Hogganaan nageenyaa Tamasgan Xurunaa, Abbaan Alangaa Waliigalaa Geediyoon Ximotiwoos (PhD), Komishinarri Gumurukaa Dabalee Qaabataa, Itti-gaafatamaa Ejensii Nageenya Neetworkii Odeeffannoo Solomoon Sokaa, Saamu’eel Urqaatoo (PhD), Abduhamid Mohaammad fi Taklawold Atnaa miseensota koree biyyaalessaa hundeeffameeti.

Koreen kunis Mummichi Ministeeraa paarlaamaa keessatti Abbootii Murtii dabalatee qondaaltonni mootummaa malaammaltummaa bal’aa keessatti qooda fudhattoota ijoo ta’uu isaanii qeequu hordofee hundaa’e.Muummeen Ministiraa Abiy ibsa hundeeffama koree kanaa labse keessatti, “malaammaltummaan raammoo biyya tokko keessa nyaatuu fi halkanii guyyaa nyaachuun qabeenya ishee dhabamsiisudha.

Qondaaltotni malaammaltummaa raawwatan, faddaaltota fi invastaroonni gurguddaa walitti dhufuun lammiilee baay’ee duubaan isaanii yeroo hiriirsan, malaammaltummaan biyya tokko keessa nama baay’ee miidha,” jedhe.

Qorannoon qondaaltota mootummaa, hojjatoota mootummaa, malaammaltootaa fi fudhattoota qoratu gaggeeffamaa akka jiru ibsichi ibseera.

Haa ta’u malee malaammaltummaan yeroo tokko tokko teeknooloojiiwwan fayyadamuunii fi seera qabeessummaa dahoo godhachuun haala ulfaataa ta’een kan raawwatamu ta’uu isaa eeruun tarkaanfiin dabalataa akka barbaachisu ibsichi ni mul’isa.

Haala kanaan, “malaammaltummaa hundee isaa irraa buqqisuuf, haaromsa seeraa fi hojiitiin alatti, tarkaanfiin kanneen keessatti hirmaatan malaammaltummaa akka jibbu taasisu barbaachisa,” jedha ibsichi.Mootummaan waraana kutaa kaabaa biyyattii fi weerara Koroonaa irratti xiyyeeffatee hojjechuun, namoota mootummaa keessa jiran dabalatee malaammaltoota, toora isaanii bakka hundatti babal’isuuf akka itti fayyadaman ibsichi eereera.

Tarkaanfiiwwan koree biyyoolessaa fi tarkaanfiiwwan bu’uura kanaan fudhataman yeroo yeroon ummataaf kan ibsaman ta’uu himameera. Mootummoonni naannolees kana hordofuun yeroo dhiyootti koreewwan naannolee akka hundeessan ibsameera.

Muummee Ministiraa Abiy Ahimad, ummanni aarii fi haaloo bahuu malee malaammaltoota koree biyyaalessaaf saaxiluudhaan duula malaammaltummaa irratti gaggeeffamu keessatti qooda cimaa akka fudhatu waamicha dhiyeesseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.