Oduu: Yuukireen Qamadiin Toonii 27,000 Gara Itoophiyaa Ergite

Finfinnee, Sadaasa 17, 2022 – Dooniin NORD VIND jedhamtu qamadii Yuukireenii baattee gara Itoophiyaa imalaa jiraachuu ministeerri bu’uraalee misoomaa Yuukireen fuula Feesbookasaarrati maxxansuu UKinform gabaaseera. 

“… Dooniin NORD VIND qamadii toonii 27,000 Yuukreenii daandii geejjiba midhaaniitiin imaluun gara Itoophiyaa geessaa jirti,” jechuun UKinfo maxxansaa fuula Feebookichaa waraabeera.

Kaabineen Ministeerota Yuukireen qamadii miliyoona $11.4 baasu Itoophiyaa fi Somaaliyaadhaaf akka laatu ji’a Fulbaanaa keessa dubbatee ture. Pireezdaantiin Yuukireen Vooloodmiir Zeeleeniskiinis marii Mootummoota Gamtoomanii marsaa 77ffaa irratti biyyi isaanii waraana keessa kan jirtu ta’uus  Itoophiyaa kan gagaartu ta’uu mirkaneessee ture.

Itti aansuun, gargaarsa mootummaa Jarmanii fi Sagantaa Nyaata Addunyaatiin (WFP) dooniin Yuukireen qamadii guddaa baatee buufata doonii Odeessaatii gara Itoophiyaa imalee ture. Baasii geejjiba qamadii kanaa Jarmanii fi Faransaay kaffaluun Yuukireen qamadii toonii 50,00 ta’u biyyoota gaanfa Afrikaa lamaan hongeen hubaman – Itoophiyaa fi Somaaliyaaf – kennaniiru.

Biyyoonni lamaan kunneen gargaarsa qarshii Doolaara Ameerikaa miliyoona 14 ta’uu  gochuuf karaa Sagantaa Nyaataa Addunyaatiin (WFP) waada galanii turan. “Jarman baasii geejjibaa kan Itoohiyaa yoo kafaltu, Faransaayimmoo kan Somaaliyaa ni kaffalti,” jedhe ibsi WFP.  

Gabaasni dhiyeenya bahe akka jedhutti, gargaaarsi kuni gargaarsa midhaan nyaataa toonii 269,000 Yuukireen biyyoota Afrikaa, Eshiyaa fi Awurooppaadhaaf  gootu keessaa isa tokkoodha.

Dooniin guddaan BZBURUNM qamadii toonii 40,000 gara Itoophiyaa fidaa jira.  Sagantaan ‘midhaan Yuukreenirraa’ jedhamu gargaarsa midhaan nyaataa Yuukireen WFP wajjiin ta’uun gootuudha.  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.