Oduu: Waajjirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Adaabbii Ajjeechaa Namoota Torbaa Kuweetitti Raawwatame Balaaleffate

Finfinnee, Sadaasa 18/2022- Waajjirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibsa kaleessa baaseen  adaabbii ajjeejjaa namoota torbaa roobii darbe  Kuweetitti raawwatame balaaleffate. 

Duubbi himtuun dhaabbatichaa Liiz Tirassel  tarkaanfii kana “waan nama rifachiisu ” jechuun ibsite. Kanneen  du’aan adabaman lammiilee Kuweet afur (dhiira sadii fi Dhalaa tokko), dubartii lammii Itoophiyaa fi dhiirota lama lammiilee  Paakistaani fi  Siiriyaa ta’uu ibsichi eerera.

Ajjeechaan kun tarkaanfii baay’ee nama gaddisiisu fi Biyyoonni Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessa jiran harki caalaan isaanii addunyaa guutuutti adabbiin du’aa akka dhaabbatu erga gaafatanii guyyoota muraasa booda ta’uu ibseera.Kuweet bara 1960 irraa eegalee namoota gara 80 ta’an irra caalaan isaanii ajjeechaa ykn dhimma qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatee ajjeesuun ishee gabaafameera.

Ibsi Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kun Kuweet biyyoota gara 38 ta’an kanneen ajjeechaa itti fufan keessaa tokko ta’uu ibsee , tarkaanfiiwwan akkasii akka dhaabatan dhaame. “Kuweet ajjeechaa hunda dhaabuu qabdi, hatattamaan itti fayyadama adabbii du’aa irratti hojmaata  gochuun murtii du’aa namoota murtiin du’aa irratti murtaa’e irratti fudhachuu qabdi” jechuun ibsa laatera.
Aanga’oonni Kuweet seeraa fi hojmaata biyyattii sadarkaa idil-addunyaa waliin akka walsimsiisan komishinichi dhaameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.