Oduu: Walitti bu’iinsa lixa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru lammiilee nagaa kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqisuu itti fufeera: UNOCHA

Haleellaan booda lammiilee nagaa jumlaan qe’ee isaanii irraa buqqa’an
Suuraa: Miidiyaa Hawaasaa

Finfinnee, Sadaasa 18/2022 – Walitti bu’iinsa lixa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru lammiilee nagaa kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqisuu fi hojiiwwan gargaarsa namoomaa irratti dhiibbaa geessisuu itti fufuu, akkasumas weerarri Koleeraa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti mul’ate hanga ammaatti to’annoo jala akka hin oolle gabaasni haaraan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (UNOCHA) baasee mul’ise. 

Haalli nageenyaa kaaba Itoophiyaa haalaan fooyya’aa dhufeen sochii gargaarsa namoomaa suuta suutaan yeroo banamaa jirutti, waraanni lixa Oromiyaa keessatti deemaa jiru lammiilee nagaa kuma dhibbaan lakkaa’aman buqqisuu fi hojiiwwan gargaarsa namoomaa irratti dhiibbaa geessisuu itti fufee jira. Sababa carraan walitti bu’insi itti fufuu olaanaa ta’uu isaa, qophiin deebii kennuu fi dandeettiin lafarra jiru baay’ee gadi aanaa ta’uun isaatiini fi rakkoo maallaqaatin lakkoofsi buqqaatota akka dabalu ni eegama jedhe UNOCHA.  

Haaluma walfakkaatuun kibba Oromiyaa keessattis akka madaalliin fedhii ariifachiisaa godina Gujii aanaalee Liban fi Gorodoolaatti Onkoloolessa 29 gaggeeffameen, haalli gaaddisa buqqaatotaa iddoowwan buqqaatotaaf qophaa’anii fi hawaasa keessummeessituu sadarkaa gadi aanaa biratti argamu baay’ina namootaa fi dhiphina guddaa qaba. Bakkeewwan buqqaatotaa tokko tokko keessatti tilmaamaan maatiin 4 hanga 5 (namoonni 30 hanga 40) kutaa tokko keessa haala rakkisaa keessa jiraachaa jiru, kunis rakkoo fayyaa fi eegumsaa dabalaa jira. 

Walumaagalatti, gargaarsi nyaataa buqqaatota dhiheenya kana buqqa’an Wallaggaa (700,000 ol) fi buqqaatota 60,000 ol godina Gujii keessatti argamaniif fedhii jalqabaa ta’ee itti fufee jira. Waraanni Lixa Oromiyaa keessatti hammaate sochii namoomaa bahaa Benishaangul Gumuz keessattis dhiibbaa uumeera. Onkoloolessa 31 irraa eegalee daandii guddicha Asoosaa – Finfinnee waan cufameef, dhiyeessii gargaarsa namoomaa fi daldalaa irratti danqaa uumuun buqqaatota naannichatti tilmaamaan kuma 200 fi baqattoota 76,000 irratti dhiibbaa uumeera.

Bahaa fi kibba Itoophiyaa hongeen miidhame keessatti hanqinni nyaataa fi bishaanii yeroo dheeraaf mudate sadarkaa hanqina nyaataa ol kaasaa jira. Fakkeenyaaf naannoo Oromiyaa keessatti hongeen godinaalee 10 miidhuu fi namoota miliyoona 5 ol ta’an gargaarsa nyaataa cimaa barbaadan ta’uu duula hanqina nyaataa “Find and Treat” jedhu irratti gaggeeffameen hanqina nyaataa haalaan ol’aanaa ta’uu gabaaseera. Haalli hamaan kun jiraatus, hanqinni maallaqaa hanqina nyaataa muudateef shoora guddaa akka qabu ibsameera. Pirojektoonni soorataa hedduun dhuma waggaatti marsaa marsaan dhaabamaa jiru ykn marsaa marsaan dhaabuuf jiru.

Naannoo Somaaleetti dhiibbaan hongee daran kan itti fufe yoo ta’u, godinaalee Afder, Dawaa fi Libanitti roobni tokkollee akka hin roobne gabaafameera. Godinaaleen kaaba Keeniyaa, godinaalee Somaalee kanneen daangessan illee rooba waan hin arganneef, filannoo hawaasni dheedumsa horii isaanii fi itti fayyadama bishaaniif socho’uu danqeera. Konkolaataan bishaan fe’umsaa fi deeggarsa hatattamaa biroo kutaalee godinaalee sadan miidhaman keessatti itti fufee jira. Bakkeewwan biroo Naannoo Somaalee, gandoota 580 ol ta’an irratti roobni gaariin kan roobe yoo ta’u, kunis argama bishaanii fi dheedichaa xiqqoo fooyyessee jira garuu dandamannaaf kan taane ta’uu ibsameera. 

Kana malees, weerarri koleeraa naannoo Somaalee fi Oromiyaa keessatti mudate ammas to’annaa jala hin oolle. Naannoo Oromiyaatti Hagayya 27 bara 2022 irraa eegalee aanaalee godina Baalee afur (Barbaree, Dalloo Mannaa, Harannaa Bulluq fi Gurraa Dhaamolee) keessatti weerarri koleeraa mudateera. Hanga Sadaasa 13tti namoonni 274 dhibee kanaan qabamuu fi isaan keessaa namootni torba du’uu gabaafameera. Tattaaffiin deebii kennuu godhamaa jiruus, loojistikii dabalatee WASH NFI fi baasii hojii irratti hanqinni murteessaan ni jira. Furmaata itti fufiinsa qabu fiduuf qaqqabummaa fi uwwisni bishaan dhugaatii qulqulluu dursa kennamuufi qaba. Deebii weerara koleeraa deeggaruuf ramaddiin CERF (Central Emergency Response Fund) Doolaara Ameerikaa miiliyoona 4 qophaa’aa jira.

Dhibeen Koleeraa Godina Baalee gandoota 25 aanaalee sadi keessatti fi gandoota sagal aanaa lama naannoo Somaalee keessatti muudateen namoonni sagal du’uu fi hanga Onkoloolessa 1/2022tti namootni 330 dhukkubichaan qabamuu gabaasni UNOCHA Sadaasa 02 baase mul’iseera. Kana malees godina Baalee Bahaa keessattis namoonni Koleeraan shakkaman qoratamaa jiraachuu eerameera. Aanaalee 114 keessatti ammoo weerarri koleeraa muudachuu akka danda’us ibsame. 

Hagayya 27/2022 dhibeen Koleeraa inni jalqabaa aanaa godina Baalee aanaa Harannaa Bulluqitti kan gabaafame yoo ta’u, Fulbaana 18/2022 aanaan Barbaree dhibee Koleeraa gabaasudhaan aanaa lammaffaa ta’eera. Sana booda aanaan Dalloo Mannaatti buufata buqqaatotaa Burqaa keessatti  dhibeen koleeraa mul’achuu gabaase. Yeroo amma kana aanaa Gindhiiri fi Gurraa dhaamolee keessatti dhibeen Koleeraa muudachuun shakkamee qoratamaa jiraachuu eera gabaasni UNOCHA kun.

Weerara kana to’achuuf Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa (EPHI) fi Biiroo Fayyaa Oromiyaa  deeggarsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) fi UNICEF, garee deebii ariifataa (RRT) aanaalee dhibeen muudatetti  akka bobbaase beeksisuu isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.