Daldala: Walta’iinsi Baankii Oromiyaa, EthSwitch Itoophiyaa keessatti Maastarkaardiin maallaqa baasuu eegalchiisuufi

Toom Biliichiin, thefintechtimes

Finfinnee, Sadaasa 18/2022 – Jijjiirraan kaffaltii biyyoolessaa Itoophiyaa ‘EthSwitch’ jedhamu fi Baankiin Oromiyaa Mastercard waliin hojjechuuf waliigalan. Tarkaanfiin kun tajaajila Maastarkaardii lammiilee Itoophiyaaf dhiyeessa.

Daawwattoonnis ta’ee lammiileen biyya keessaa kaardii kaffaltii Maastarkaardii qabatanii deeman ATM Baankii Oromiyaa keessaa maallaqa biyya keessaa baasuu danda’u. ‘Neetworkiin EthSwitch’ baasii maallaqa kana adeemsisa.

Marsaan itti aanu walta’iinsa kanaa namoonni kaardii kaffaltii Maastarkaardiin meeshaalee fi tajaajilootaaf akka kaffalan dandeessisuuf kan akeekedha. Baankii Oromiyaa, EthSwitch fi Maastarkaardiin, namootni kaardii kana bakka gurgurtaatti akka fayyadaman mirkaneessuu irratti waltumsaa jiru.

Qooda fudhattoota Indaastirii faayinaansii Itoophiyaa gurguddoo

Itoophiyaa keessatti jalqaba bara 2001 hojiirra oolee irraa kaasee itti fayyadamni ATM saffisaan dabaleera. Dhuma bara baajataa 2020/2021tti Itoophiyaan waliigalatti sochii maallaqaa miiliyoona 225 ol karaa ATM adeemsiftee turte. Kana keessaa sochiin maallaqaa baankota gidduutti karaa EthSwitch adeemsifame naannoo dhibbeentaa jaha (38,302,370) ta’a.

Baankiin Oromiyaa Itoophiyaa keessattis dameelee 400 ol qabaachuun akka biyyaatti beekama. Kana malees, baankichi tajaajila baankii dhala irraa bilisa ta’e dabalatee tajaajila baankii haaraa gara biyyattii keessa galcheera.

Lammilee Itoophiyaaf bilisummaa maallaqaa fooyyessuu

Maastarkaarditti hogganaan Afrikaa Bahaa Shahryaar Alii, kaayyoo jijjiirama dijitaalaa Itoophiyaa deeggaruuf kutannoo dhaabbatichi qabu ibseera. “Lammiileen Itoophiyaa muuxannoo dijitaalaa nageenya qabu, wal-xaxaa kan hin taanee fi kan wal irraa hin cinne barbaadan lakkoofsi isaanii dabalaa dhufeera. Saffisaa fi nageenya neetworkii addunyaa Maastarkaardiin deeggaramee, fi EthSwitch fi Baankii Oromiyaa waliin ta’uun mul’ata Digital Ethiopia 2025 sirna kaffaltii ammayyeessuuf qabame deeggaraa ce’umsa gara dijitaalaatti taasifamu hoogganuu  keenyaaf gammachuu guddaatu nutti dhagahama,” jedhan Shahryaar.

“Hunda caala, bilisummaa maallaqaa lammiilee Itoophiyaa, akkasumas nama hojiif ykn boqonnaaf biyyattii daawwatu kamiyyuu gumaachaa jirra. Waliin taanee kalaqa gara fuula duraatiif bu’uura kaa’uudhaan namoota hedduu diinagdee dijitaalaa addunyaa waliin walqabsiisuu dandeenya.”

Pireezidaantiin Baankii Oromiyaa Tafarii Mokonnin, Itoophiyaatti fooyya’insa kaffaltii haala yeroo dhiyootti mudate ibseera. “Itoophiyaan waggoota muraasa darban keessatti guddina kaffaltii elektirooniksii irratti jijjiirama guddaa kan argite yoo ta’u, baankichi barmaatilee baankii haaraa dursuuf gahee olaanaa taphateera,” kan jedhe Tafariin, itti dabaluun Baankichi “namoonni biyyattii keessatti maallaqa argachuuf karaa mijataa, nageenya qabuu fi amanamaa ta’e akka argatan karaa kaffaltii mijaawaa ta’e qopheessuuf kutannoo qabaachuu isaa itti fufa. Walta’iinsi EthSwitch fi Mastercard waliin taasifame kun akkaataa imala kana irratti tumsa itti fufnu fakkeenya isa haaraadha,” jedhe.

Hojii gaggeessaan olaanaa EthSwitch Yillabas Addis, kaayyoo jijjiirraa kaffaltii biyyoolessaa kaffaltiiwwan Itoophiyaa irratti qabu ilaalchisee yaada kenneera. “Baankiin Oromiyaa baankii jalqabaa kaardii kaffaltii Maastarkaard EthSwitch akka adeemsifama kaffaltiitti fayyadamuun fudhatedha – kunis milkaa’ina garmalee itti boonnudha,” jedhe.

Yillabas itti dabaluudhaan aangoon EthSwitch sirna kaffaltii biyyaalessaa ammayyeessuuf gumaachuu fi hammatamummaa faayinaansii biyyattii guddisuu akka ta’e ibseera. “Karaa walta’iinsa kanaan, walitti hidhamiinsa maashinoota ATM dandeessisuun namoonni salphaatti maallaqa akka sochoosan gochuudhaan gara galma kanaatti tarkaanfachaa jirra,” jedhe.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.