Oduu: Itoophiyaatti jijjiirama qilleensatiin walqabatee horsiisee bultootni fi qonnaan bultoonni miliyoona 17 ta’an gaaga’amaaf saaxilaman

 Oyiruu qonnaa  Abdulnaasir Abdullaahii, Magaalaa Lakkoo

Finfinnee, Sadaasa 19/2022- Gabaasni haaraa Mootummoota Gamtoomanii baase rakkoon jijjiirama qilleensaa jiruu fi jireenya qonnaan bultootaa fi horsiise bultoota kaaba bahaa, kibbaa fi kibba baha Itoophiyaa naannoolee Somaalii, Oromiyaa, Affaarii fi Saba fi sablammoota fi ummatoota Itoophiyaa  miliyoona 17tti dhiyaatan rakkoo hamtuu keessa galchuusaa ibseera.

Hir’inni midhaan nyaataa, bishaanii fi lafa margaa godaansa, beelaa fi dhukkubaaf sababa ta’eera. 

Naannoolee Soomaalii fi Oromiyaa keessatti Koleeraa gandoota 23 goodina Baalee keessatti argamanii fi 29 Somaalee keessatti mul’achaa jira.

Hamma ammaatti, Koleeraan namooti 273 kan qabaman yoo ta’u 9 du’aniiru, kana malees aanaaleen 114 immoo tamsa’ina dhukkubichaatiif saaxilamaniiru. Rakkoolee nageenyaa fi hokkoorri nannoolee biyyattii garaagaraa keessatti uumame dandeettii rakkoo dandamachuu hawaasichaa hir’isee jira.

Sababoota walitti bu’iinsaa fi buqqa’uu fi jijjiirrama qilllensaa gogiinsaa fi dhukkuboota akka Koronaatiin gaaga’ama namoommaa Itoophiyaa qunnamaa jiru. 

“Namoonni miliyoona 20tti dhiyatan gargaarsa namoomaa barbaadu. Dhaabbata idil-Addunyaa Baqqattootaa (IOM) baase akka gabaassetti namoonni miliyoona 2.7 caalanimmoo buqqa’aniiru. Lolli kaaba Itoophiyaaa namoota miliyoona sagal ol naannoo Affaar, Amaaraa fi Tigraay keessa jiraatan eeggattoota gargaarsa namoomaa kan godhe yoo ta’u hongeenimmoo namoota miliyoonaan lakkaawaaman kibbaa biyyaattii keessa jiraatan hubeera.

Dubbisa dabalataa 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.