Oduu: Naannoon Beenishaangul Gumuz dhaabbileen naannichatti warqii baasuu irratti bobba’an baankii biyyaalessaa qofatti akka gurguran beeksise

Finfinnee,Sadaasa 21/2022- Naannoon Benishaangul Gumuz dhaabbileen fi intarpiraayizii xixiqqaan naannichatti warqii baasuu irratti bobba’an baankii biyyaalessaa qofatti akka gurguran qajeelfama baase.

Pirezidaantiin naannichaa Ashadli Hasan dhaabbati ykn intarpiraayiziin naannichaa keessatti socho’u kamiyyuu oomisha warqee isaa hunda baankii biyyaalessaatti gurguruu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Akka waajjirri kominikeeshinii mootummaa naannichaa ibsutti, pirezidaantichi torbee darbe iddoowwan albuuda warqee dhaabbilee xixiqqaa godina Asoosaa, aanaa  Daabbuus keessaa jiru daawwataniiru.

Qajeelfamni haaraan kun daldala warqee seeraan alaa to’achuuf kan gargaaru yoo ta’u, diinagdee biyyattii tasgabbeessuu keessatti gumaacha akka taasisu himama.

Qaamoleen seeraan ala warqee daddabarsaan warqeen gara baankii biyyaalessaa akka hin seenne ittisuu qofa osoo hin taane, biyyattii keessatti dinagdeen akka hin tasgabboofne barbaadu jedhan pirezidaantichi.

Tarkaanfiin oomishtoota warqee dhoksanii fi kanneen oomisha kana seeraan ala daldalan irratti fudhatamaa jiru akka itti fufu himeera.

Warqeen naannoo Beenishaangul Gumuzitti dhaabbilee adda addaa fi intarpiraayizoota xixiqqaatiin oomishaman akka isaan jedhanitti guutumatti gara baankii biyyaalessaa  hin seenne.

Mootummaan naannichaa dhaabbilee fi intarpiraayizoota xixiqqaa addaa warqee oomishan hunda baankii biyyaalessaaf dhiyeessaniif deeggarsa barbaachisu ni taasisa.

Kunis kan ta’e, kaffaltiin dhiyeessitoota warqee baankii biyyaalessaa kaffalamu %29 irraa gara %35tti erga ol kaafamee ji’oota muraasa booda, kunis oomishtoota, oomishtoota karaa aadaa hojjetaniifi bu’aa fiduun  al-ergii warqee seeraan alaa dhabamsiisuuf  yaadame. Tarkaanfiin kun kan fudhatame “kallattii” Ministira Muummee, Abiyin dhiyaate hordofeeti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.