Oduu: Ministeerri fayyaa dhaabbilee fayyaa barbadaa’an deebisanii ijaaruuf doolara biliyoona 1.4 barbaachisa jedhe

Saamamee kan manca’ee, kilinika Dabra Abbay

Finfinnee, Sadaasa 22/2022 – Sababa waraana kaaba Itoophiyaatti naannoolee Tigraay, Affaariii fi Amaaraa keessatti deemaa tureen dhaabbileen fayyaa barbaada’an suphuuf yookiin bakka buusuuf miliyoona USD1.4 barbaachisa. Akkasumas, naannoo Tigraayirraa ragaan sirrii sassaabuun rakkisaa ta’uus dhaabbileen fayyaa gutumaaguututti hojjachaa jiran harak 9 qofa ta’uu ministeerri fayyaa Itoophiyaa ibse. 

Dr Liyaa Taaddasaa Sadaasa 21 miidiyaa mootummaatti akka himteetti, dhaabbileen fayyaa naannolee Tigraay, Affaarii fi Amaaraa keessatti argaman badiidhaaf kan saaxilaman haata’u malee dhaabbileen fayyaa naannoolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz keessattis barbadaa’aniiru. 

“Waa’ee badii naannoo naannoo Tigraay ragaa hin qabnu. Ibsa dabalataa kan nu barbaachisu ta’us”, akka odeeffannoo dhaabbatootaa gargaarsa namoomaarraa dhagahamuun “ dhaabbilee fayyaa barbadaa’an deebisuuf yoo xiqqaate doolara biliyoona 1.4 tu barbaachisa.”  

Ragaan ministrichaa akka mul’isutti, dhaabbileen fayyaa 3,666 ta’an naannolee Oromiyaa, Affaar, Amaaraa fi Beenishaangul Gumuz keessa turan barbadaa’aniiru. 

Yoo xinnaate hospitaalonni 40, bufataaleen fayyaa 452 fi  keellaan fayyaa 1,728  ta’an naannoo Amaaraattii; hospitaalonni lama, buufataaleen fayyaa 24 fi keellaan fayyaa 52 naannoo Affaarii; hospitaalonni 6, buufataaleen fayyaa 21 fi keellaa fayyaa 978 Oromiyaatti;  fi buufati fayyaa 15 fi keellaan fayyaa 348 naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti argaman miidhamaniiru.

Gabaasni Dhaabbata mootummoota gamtoomanii caamsaa keessa baase akka mul’isutti lixa Oromiyaatti qofatti dhaabbileen tajaajila fayyaa 426 ta’an sababoota saamichaa fi miidhaatiin hojiin ala ta’aniiru.

Hamma yoonaatti hospitaalota 40 naannoo Amaaraatii argaman keessaa 35 miidhaman yoo ta’u hospitaalota lamaan naannoo Affaar keessati argaman keessammoo dandamatee tajaajila kan eegale tokko qofa. Dabalataan, waliigalteen waraana dhaabuu Afrikaa Kibbaatti mallattaa’e tajaajilonni fayyaa akka itti fufnu nu dandeessisas jedhaniiru.

“While some looting may have been opportunistic, health facilities in most areas appear to have been deliberately vandalized to render them nonfunctional. In many health centers, such as in Debre Abay and May Kuhli in northwestern Tigray, teams found destroyed equipment, smashed doors and windows, and medicine and patient files scattered across floors,” the report said.

Gabaasni Dooktoorota daangaa malee (Doctors without Border) Caamsaa 2021 baase meeshaalee fayyaa 106 gareen Médecins Sans Frontières (MSF) Tigraayitti Muddee 2020 hamma Caamsaa 2021 daawwate keessaa harka 70 ta’an yoo saamaman harki 30 immoo barbadaa’eera.  

Saamichi biraa  akka carraa  kan ta’e ta’us buufataaleen fayyaa garuu hojiin ala akka ta’an yaadameee kan barbadeeffaaman fakkaata. Buufataalee fayyaa akka Dabra Abbaayii fi Maay Kunhlii faa kaaba lixa Tigraayitti argaman meeshaalee barbadeeffaman, balbalaa fi foddaan kan caccbsamanii fi  qoorichi fi guci dhukkubsattootaa lafarratti bittinfamee argameera,” Gabaasi UN jedheera.  

Waliigaltee waraana dhaabutti aansuun, torban darbee eegalee qorichaa dabalatee meeshaaleen gargaarsa namoomaa gara naannoo Tigraay galaa jiru. Akka Dr Liyaan jetteetti ministeerri fayyaa dhaabbile gargaarsa namoomaa wajjiin ta’uun qoricha gara naannoo Tigraay ergaa jira.

Ji’a darbe, hospitaalli Aydar, hospitaalli guddaan Tigraay Maqaleetti argamu rakkina meeshaalee fayyaarraa kan ka’e hojii dhaabuuf akka jiru doktoorooni Tigraay akeekkachiisanii turan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.