Oduu: Injinarri Makaanikaalaa lammii Itoophiyaa badhaasa beekamaa Afrikaa Akkaadaamii Injinariingii Rooyaali Ingilizii 2023f kaadhimame

Fiqruu Gabree Dinkumbaab, Suuraa Amaanu’eel Silashii Akkaadaamiin Injinariingii Rooyaali Igiliiziitiif

Finfinnee, Sadaasa 23/2022 – Akkaadaamiin Injinariingii Rooyaali Igiliizii, Injinara Makaanikaalaa fi abbaa kalaqaa lammii Itoophiyaa Fiqruu Gabree Dinkumbaab badhaasa ogummaa Injinarii Afrikaa bara 2023f hojii uumtoota Afrikaa 15 filannoof dhiyaatan keessaa tokko ta’uusaa beeksise.

Fiqruun maashinii xuubii faayidaa hedduuf oolu hojjateen filatame. Maashiniin kunis harkaan to’atamaa hojii hojjechu kan danda’u yoo ta’u, biyyee dhibbeentaa 90 hanga 95 fi simintoo dhibbeentaa 5 hanga 10 fayyadamuun xuubii kan hojjetu ta’uu ibsi akkaadaamichi Addis Standardiif erge ni mul’isa.

Akkaadaamiin Injinariingii Rooyaali Ingliliiz kalaqoonni tarreeffama furmaata injinariingii Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, bu’uuraan qormaata bishaan, eegumsa fayyaa, qonna, barnoota, wabii nyaataa, qisaasama, fi anniisaa kan ilaaluuf murteessaa ta’e kan kennan ta’uu ibseera. 

Kan injifate £25,000 argata, namootni sadii kanneen sadarkaa itti aanu argatan ammoo tokkoon tokkoon isaanii £10,000 kan injifatu yoo ta’u, dorgommii kana irratti kalaqa abdachiisaa itti aanu ammoo £5,000 ni kennamaaf.

Badhaasni Kalaqa Injinariingii Afrikaa, dhaabbata Akkaadaamii Injinariingii Rooyaali Ingliziin bara 2014 kan eegale yoo ta’u, kalaqxoota Afrikaa hawwii guddaa qaban kanneen qormaata guutuu Afrikaa fi idil-addunyaatiif furmaata uumuu danda’an badhaasaa tureera.

Badhaasa guddaa Afrikaa jedhamee kan waamamu badhaasni kun waggaa 9ffaa isaaf hojii uumtoota dandeettii qabanii fi qormaata ardiilee furuuf gumaachan 15 Angoolaa, Kaameeruun, Itoophiyaa, Gaanaa, Naayijeeriyaa, Seeraaliyoon, Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Yugaandaa fi Zimbaabuwee irraa badhaasaaf dhiyaachuu ifa godheera.

Akkaadaamichi akka jedhetti, kalaqtoonni badhaasa kanaaf dhiyaatan, kuufama deeggarsa addaa kanneen akka daldala guddisuu, gorsa, maallaqa walitti qabuu fi qunnamtii akkasumas neetworkii addunyaa Akaadaamichaa kan injinaroota fi ogeeyyii daldalaa beekamoo fi muuxannoo olaanaa qaban biyya Ingiliizii fi Afrikaa keessatti argaman irraa fayyadamoo ta’u.

Gumii injifattoota Badhaasa Afrikaa duraanii waggoota shanan dhufan keessatti gama kanaan namoota miliyoona sadii ol irratti dhiibbaa taasisuuf karoorfateera. Hnaga ammaattis carraa hojii 3,585 kan uume yoo ta’u, kana keessaa 1,766 dubartootaaf, 211 ammoo qaama miidhamtootaaf uumame. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.