Oduu: Kolleejjiin Poolisii Naannoo Beenishaangul Gumuz miseensota farra riphee loltootaa leenjise eebbise

Sirna Eebbaa miseensota farra finciltootaa,
Suuraa Biiroo Kominikeeshinii Beenishaangul Gumuz


Finfinnee, Sadaasa 24/2022- Kolleejjiin Poolisii Naannoo Beenishaangul Gumuz miseensota farra finciltootaa marsaa 4ffaaf leenji’an har’a bakka bulchaan naannichaa Ashaadli Hasan argamanitti eebbisuu biiroon kominikeeshinii naannichaa beeksise.

Onkoloolessa darbe mootummaan naannoo Benishaangul Gumuz fi gareen finciltootaa naannicha keessatti waraanaan socho’u Sochii Dimookiraatawaa Ummata Gumuz garaagarummaa isaanii “mariidhaan” furuuf  waliigaltee nagaa mallatteessuun isaanii ni yaadatama.

Naannoon Beenishaangul Gumuz naannolee biyyattii hidhattootaa fi humnoota mootummaa jidduutti walitti bu’iinsi keessatti adeemaa jiru keessaa tokko. Waxabajjii darbe walitti bu’iinsa hidhattootaa fi humna addaa naannichaa jidduutti godina Kamaashii keessatti taasifameen yoo xiqqaate namootni 19 ajjeefamuu Addis Standard gabaasee ture.

Turtii kolleejjicha keessatti eebbifamtoonni kunneen leenjii qabatamaa fi ti’oorii bu’uuraa farra finciltootaa fi mata dureewwan adda addaa irratti leenji’aniiru.

Eebba kanarratti pirezidaantii naannichaa Ashaadli Hasan, Itti Aanaa Pirezidaantii Geetaahuun Abdiisaa, Itti Aanaa Af-yaa’ii Mana Maree Naannichaa Alamnash Yabas, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Ishaaq Abdulkad argamaniiru. AS


No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.