Oduu: Weerara Koleeraa godina Baalee, naannoo Somaaleetti muudateen namoonni 491 dhukkubichaan qabaman, namoota 20 lubbuun darbe

Finfinee, Sadaasa 24/2022 –  Gandoota 41 aanaalee afur goodina Baalee fi aanaalee naannoo Somaalee lama keessatti namoonni 491 Kooleeran qabamanii  20  du’aniiru. Kana malees namoonnii 555,000 ta’an immoo weerarichaaf kan saaxilaman ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindeesssaan gargaarsa namoomaa (OCHA) Sadaasa 23, 2022 baaseen beeksiseera. 

Akka gabaasa OCHAtti, weerarri dhukkubichaa saffisaan dabalaa jira. Torban lamaan darban keessa weerarri dhukkubichaa saffisaan dabalaa waan jiruuf dabalataan aanaalee Barbarree, Gurradhaamolee, Qu’aarsaaduulaa keessatti namoonni guyyaa guyyaan dhukkubichaan qabamaa kan jiran yoo ta’u baay’inni namoota dhukkubichaa qabamanii harka 28 tiin akka dabalu taasiseera. Namoota dhukkubichaan qabaman keessaa harka 60 kan ta’an buufata  buqqaatootaa keessa kan jiraataniidha.

Akkasumas, namoota dhukkubichaan qabaman umrii duwwaa hamma 14 gidduutti argaman keessaa harka 50 kan ta’an dubartoota ta’uu gabaasichi addeesseera. Namoota kanneen keessaa harka 52 kan ta’an mallattoo hir’ina dhangala’aa (dehydration) hammaataa kan muli’san yoo ta’u harki 31 mallattoolee baay’ee hammaataa hin taane mul’isaniiru. 

Hir’ina maallaqaa fi qaamolee naannichatti hojii gargaarsaa raawwachaa jiran lakkoofsaan xiqqoo ta’uun raakkoolee hojii  gargaarasa hatattamaa kana mudachaa jiraniidha. Akkasumas, hongee fi walitti bu’iinsi naannoolee kanneen keessatti mudatee dandeettii dandamachuu hawaasichaa daran gadi buuseera.

Kooleeraan yeroo duraatif Kibbba Oromiyaa godina Baalee aanaa Harannaa Bulluq keessatti Hagayya 27 kan gabaafame yoo ta’u,  boodarra aanaa Barbarree keessatti  argame. Sababni madda dhukkubichaa bishaan qulqullina hin qabne fayyadamuu ta’uus dhaabbatichi ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.