Xiinxala: Waliigalteen nageenyaa Piritooriyaa waraana Tigraay furuun nageenyaa waraa fidaa?

Beekaa Atoomaatiin @bek_boru

Finfinnee, Waliigalteen nagaa hin eegamne Mootummaa Federaalaa fi aanga’oota Tigraay gidduutti Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti gaggeeffame yaada wal faallessu keessummeessuun isaa ni yaadatama.

Waliigalteen nagaa erga mallattaa’ee as walii galteen kun xiyyeeffannoo dhalattoota Tigraay dabalatee lammiilee Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane kan hawaasa addunyaas argateera. Qondaaltonni, namoonni idilee, hayyoonniifi dhaabbileen siyaasaa yaada  isaanii ibsaniiru.

Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterez waliigalteen kun waraana dhiigaa dhangalasaa biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru xumuruuf jalqabbii abdachiisaa ta’uu akka amanan ibsuun, hawaasni addunyaa tarkaanfii ija jabinaa qaamoleen lamaan fudhatan akka deeggaru gaafataniiru.

Waliigalteen nagaa kun namoota tajaajila yaalaa dabalatee gargaarsa namoomaa baay’ee barbaachisu dhabuu irraa kan ka’e haala hamaa keessa jiraniif akkasumas maatii sababa addaan cituu kominikeeshinii fi baankii akkasumas tajaajila bu’uuraan waggaa tokkoo oliif addaan bahanii turaniif abdii fideera.

“Eeyyee yeroo gabaabaaf, waliigaltichi nagaa fiduu danda’a, garuu osoo haqa hin qabaatin nagaa akkamii ta’a?” jedhe. “Furmaanni Abiy fi ABUT barbaadaa turan kana yoo ta’ee, kun maaliif waggaa lama dura hin raawwatamne? Maaliif namoonni miliyoona tokko du’uun isaan barbaachise? Haqni eessa jira? Itti gaafatamummaan eessa jira?”

Yohaannis Waldamariyam (PhD), Qorataa siyaasa Gaanfa Afrikaa

Madaanit  Shumiyyee, dubartii ganna 40, haadha ijoollee sadii fi jiraattuu magaalaa Finfinneeti. Erga waraanni ka’ee as firoottan ishee eessa akka jiranii fi lubbuun jiraachuu isaanii hin beektu. Guyyaa gaarii dhufuuf abdii qabaattus, waggoota lamaaf warra, firootaa fi hiriyyoota ishee irraa adda baatee abdii kutattee turte.

Waliigalteen nagaa kun namoota akka isheef, jiraachuu maatii isaanii beekuuf, isaan waliin wal arguu fi walumaa galatti haala hamaa Kaabaa Itoophiyaa guutuutti fooyyessuuf akka carraa gaaritti ilaalti.

Waraanni kun Tigraay guutummaatti haal jechuun danda’amuun, akkasumas kutaalee Naannoo Affaarii fi Amaaraa barbadeessera. Namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman du’anii miliyoonaan  kan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’anii sarbama mirgaa jibbisiisaa fi hammeenyi adda addaa irratti raawwatameera jedhamee amanama. Amma, miirrii namoota hedduu bira jiru walii galteen nagaa kun jireenya idileetti deebisuuf tarkaanfii ta’a kan  jedhudha.

Waligalteen nagaa kuni ni waaraa?

Mootummaan Itoophiyaa fi ABUT tumaalee waliigaltee Piriitooriyaa waliin wal-simsiisuun tarkaanfii fudhachuu itti fufuu fi kabajuuf waadaa galuun isaanii, milkaa’ina waliigaltee paartilee lamaaniin mallattaa’e agarsiisuuf baay’ee murteessaadha jechuun, Barakat Dirribaa, barataan Chavening fi xiinxalaa siyaasaa fi nageenyaa, Addis Standarditti himeera.

“Mufannaa waraanni kun uume, kasaaraa guddaan gama baasii meeshaa fi lubbuu namaatiin, dhiibbaan dinagdee guddaan waraanni kun uume akkasumas dhiibbaan hawaasa idil-addunyaa, keessattuu kan Ameerikaa, qaamoleen waliigaltee kanaaf akka bitaman dirqisiisuu danda’a” jedhe.

“Miidiyaalee mootummaan to’atamaniifi ABUT waliin hidhata qaban irratti dubbii fi jechoota tasgabbeessan akka fayyadaman taasisuun, mallattoo waliigalteen kun turuu akka danda’u agarsiisanidha,” jechuun Barakat dabaleera.

“Mufannaa waraanni kun uume, kasaaraa guddaan gama baasii meeshaa fi lubbuu namaatiin, dhiibbaan dinagdee guddaan waraanni kun uume akkasumas dhiibbaan hawaasa idil-addunyaa, keessattuu kan Ameerikaa, qaamoleen waliigaltee kanaaf akka bitaman dirqisiisuu danda’a”.

Barakat Dirribaa, Barataa Chavening, xiinxalaa siyaasaa fi nageenyaa

Yohaannis Waldamariyam (PhD), jiraataa Ameerikaa fi qorataa siyaasa Gaanfa Afrikaati. Innis   sababoota hedduudhaan waliigalteen kun nagaa waaraa fiduu isaa irratti mamii qabaatus, waliigaltichi  nagaa yeroo gabaabaaf fiduu danda’a jedhe.

Dhiibbaan Ameerikaa irraa dhufu humna guddaa qaamoleen lamaan waliigaltee kanaa akka kabajan taasisuu danda’u ta’uu Yohaannis Addis Standard’tti himeera. ”Waliigalteen  nagaa kun dhiibbaa guddaa Ameerikaa  irraa dhufeen raawwatame. Harka micciirraa baay’eetu deemaa ture” jedhe.

Ameerikaan walta’iinsi  Itoophiyaa waliin jiru deebisuuf  AGOA deebisuuf akkasumas Itoophiyaan liqii  IMF, Baankii Addunyaa irraa argachuuf  waliigaltee Waraana Dhaabuu  Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti mootummaa Itoophiyaa fi hoggansa Tigraay gidduutti mallattaa’e guutummaatti hojiirra ooluu akka qabu ibsitee jirti.

Yohaannis baasiin diinagdee waraana kanaa fi sadarkaan rakkoo namoomaa Tigraay keessatti muudate qaamoleen waliigaltee nagaa akka kabajan gochuuf sababa ta’uu ibseera.

”Waliigalteen  nagaa kun dhiibbaa guddaa Ameerikaa  irraa dhufeen raawwatame. Harka micciirraa baay’eetu deemaa ture”

Yohaannis Waldamariyam (PhD), Qorataa siyaasa Gaanfa Afrikaa

“Uggurri Tigraay irratti godhame namoota beelaafi hanqina qorichaatiin du’aniif  gara laafina kan hin qabne ture” kan jedhe yoo ta’u, “Diinagdeenis tapha keessa seena sababiin isaas waraanni kun  baay’ee qaala’aa waan tureef. Dirooniin sun maallaqa baasu,” jechuun dabaleera.

Wantootni armaan olitti ibsamanii fi waliigaltee waraana dhaabuf waadaa qaamolee waraanaa lamaan irra deebi’anii mirkanaa’an jiraatanis dhimmoonni gaaffii bu’uuraa fi  waliigalteen kun nagaa waaraa fiduu akka danda’u  mirkanaa’uu dhabuun jiru.

“Sababni kufaatii waliigalteewwan nagaa yeroo baay’ee hojiirra oolmaa isaanii addaan cituu wajjin wal qabata. Waliigaltichi ifaafi bal’aa ta’uu qofa osoo hin taane gareewwan haalawwan isaa fi maalummaa dirqamaa kabajuu qaban irratti hubannoo walfakkaataa qabaachuun isaanii baay’ee barbaachisaadha” jedha Yohaannis. Qaamoleen lamaan haala waliigaltee kanaa irratti hubannoo walqixa qabaachuu isaanii irratti shakkii qaba.

“Ija Tigraayiin yoo ilaalle, waliigaltee kanaan gama keewwata bu’uura heeraa jedhu kanaan waan tokko argatan natti fakkaata. Sababni isaas bu’uura heera mootummaatiin yoo xiqqaate ti’ooriidhaan Tigraay keessaa Wolkaayitii fi naannoo Raayaa argachuu danda’u” jedha.

“Uggurri Tigraay irratti godhame namoota beelaafi hanqina qorichaatiin du’aniif  gara laafina kan hin qabne ture” kan jedhe yoo ta’u, “Diinagdeenis tapha keessa seena sababiin isaas waraanni kun  baay’ee qaala’aa waan tureef. Dirooniin sun maallaqa baasu”

Yohaannis Waldamariyam (PhD), Qorataa siyaasa Gaanfa Afrikaa

Itti dabaluunis mormii mooraa siyaasaa Amaaraa irraa ka’u yoo ilaalle, “inni boombii yerooti” jedheera. Pireezidantiin naannoo Amaaraa kanaan dura mootummaan naannichaa dhimma Walqaayitii fi naannolee mormisiiso biroo irratti akka hin mari’anne dubbatanii turan.

Barakatis waliigaltee nagaa humnoota siyaasaa sabboonummaa Amaaraa birattis qubsaa ta’uu dhabuu hubachiisera. ”Isaan [Amaaroonni] waliigaltee nagaa irraa akka moggaatti dhiibamantu itti dhagahama. Gariin illee waligaltee nagaa akka balaa naannoo falmisiisaa dhiheenya kana too’atanii, kan akka Walqaayit, Raayyaa fi kkf,  ilaalu” jedhan.

Isaayyas: Rakkoo Ijoo”

Waligaltee nageenyaa Piritooriyaa keewwata 6 jalatti loltoonni Tigraay erga waliigalticha mallatteeffamee guyyoota 30 keessatti hidhannoo hiikkachuu fi caasaa seera qabeessaan walitti makamuu akka qaban ibsa.

Itti aansuunis ajajoonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaas ta’e hidhattota Tigraay malawwan sirnaa fi milkaa’inaan hojiirra oolchuuf Naayirobitti walii galaniiru kunis qabsaa’ota Tigraay hidhannoo hiikkachuu kan hammate ta’uu ibsameera.

Akka  Yohaannis jedhutti dhimmi hidhannoo hiikkachuu keessumaa diyaaspooraa Tigraay kan yeroo waraanaa, “madda maallaaqaa fi sabqunnamtii Tigraay” turan irraa diddaa guddaan mudateera. Dabaluunis “Hiriira gurguddaan Siyaatil, DC fi magaalota Awurooppaa hunda keessatti argine, xiqqeessuu hin dandeenyu. Ololli miidiyaa Hawaasaa, kan diyaaspooraan Tigraay gaggeeffamaa ture garmalee dhiibbaa guddaa geessiseera. Yeroo sun dhabamee, hoggansa Tigraayitti garagalan sun waan baay’ee guddaadha”.

”Loltoonni Tigraay meeshaa waraanaa gurguddaa meeqa kennuuf deemu? Sun akkamitti hordofamuufi? Tigraay keessatti nageenyi akka jiru eenyutu murteessuuf deema? Kanarratti wal amantaa dhabuun qaamolee lamaan jidduu jirus cimaadha,”

Yohaannis Waldamariyam (PhD), Qorataa siyaasa Gaanfa Afrikaa


Dhimmi hidhannoo hiikkachuu amaluma isaatiin “walxaxaa” ta’uu fi Tigraay keessatti nageenyai mirkanaa’uu irratti haal-duree ta’uun isaa, daran walxaxaa akka ta’u taasisa jechuun falma.  ”Loltoonni Tigraay meeshaa waraanaa gurguddaa meeqa kennuuf deemu? Sun akkamitti hordofamuufi? Tigraay keessatti nageenyi akka jiru eenyutu murteessuuf deema? Kanarratti wal amantaa dhabuun qaamolee lamaan jidduu jirus cimaadha,” jedha.

Barakatis akkasuma mootummaan Federaalaa fi humnoonni nageenyaa isaa “Tigraay keessatti hanqina amantaa keessa jiru” jedha. “Miidiyaan gocha hammeenyaa naannoo Tigraay keessatti raawwatame jedhame akkaataan gabaasaa ture Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa mirga Tigraay mirkaneessuu fi kabajuuf amanamuu dhiisuun sodaa uumeera” jedhe.

Dabalataanis hoggansi Tigraay loltoonni Eertiraa fi humni Amaaraa Tigraay keessaa bahuu akka haal-duree hidhannoo hiikkachuutti kaa’un isaanii, Isaayyaas hogganaa Eertiraa “Rakkoo ijoo” taasisa  akka  Yohaannis jedhutti. ”Waliigalteen Nagaa ija Isaayyaasiin kan hin eegamne waan ta’eef, itti aansee wanti inni hojjetu dhiibbaa qaba” jedhan Yohaannis.
Mooraa Tigraay keessatti garaagarummaa?

Wanti waliigaltee nagaa kana miidhuu danda’u kan biraan, itti bahiinsi waraannichaa maal ta’uu qaba ture irratti gargar ba’iinsa namoota Tigraay gidduu jirudha.

“Itti bahiinsi waraana kana maal akka ta’uu qabu ABUT keessatti sadarkaa ol’aanaattillee walii galteen tokko waan ture natti hin fakkaatu. Gariin Itoophiyaa keessa turuukan  barbaadan jiru, dargaggoonni caalaatti hidhannootti amanan, kanneen diyaaspooraa keessa jiran dabalatee birmadummaa barbaadu” jedhe Yohaannis. “Namootni marii irratti hirmaatan tokko tokko, guyyoota muraasa dura gootota turan amma akka gantuutti ilaalamu” jedhe.

Akka Barakat jedhutti hawaasni diyaaspooraa Tigraay fi Tigroonni sabboontota ta’an tokko tokko waliigaltee nagaa “akka kufaatii fi salphina Tigraayitti” ilaalu. Kanarraa kan ka’e, “Deeggarsa diyaaspooraa irratti hundaa’anii miseensonni hidhattootaa qabsoo hidhannoo itti fufuu filachuu danda’u”.

“Deeggarsa diyaaspooraa irratti hundaa’anii miseensonni hidhattootaa qabsoo hidhannoo itti fufuu filachuu danda’u”.

Barakat Dirribaa, Barataa Chavening, xiinxalaa siyaasaa fi nageenyaa

Kanas ta’e sana, “qooda fudhattoonni gurguddoon waliigalticha kabajuu yoo itti fufan wantootni kun waliigalticha karaa irraa maqsuuf gahaa hin ta’an” jedha Barakat dabaluunis “hawaasni naannoo waldhabdeen miidhame cina jiranii fi ummanni waliigalaa Itoophiyaa fi Ertiraa waraana kana itti fufsiisuuf fedhii xiqqaa waan qaban fakkaata, waliigaltichis duruu fudhatamee jira”.


Haa ta’u malee “waliigaltichi tasgabbii guutuu fi fayyina biyyattii akka argamsiisuuf, naannolee yeroo ammaa guutuu Itoophiyaatti walitti bu’iinsaan rakkachaa jiran keessatti jalqabbii marii walfakkaataan irra deebi’amee hojjetamuu qaba”. Yohaannisiif garuu wanti murteessaan biraa waliigaltee nagaa itti fufiinsa isaa kan murteessu haqaa fi itti gaafatamummaadha.

“Eeyyee yeroo gabaabaaf, waliigaltichi nagaa fiduu danda’a, garuu osoo haqa hin qabaatin nagaa akkamii ta’a?” jedhe. “Furmaanni Abiy fi ABUT barbaadaa turan kana yoo ta’ee, kun maaliif waggaa lama dura hin raawwatamne? Maaliif namoonni miliyoona tokko du’uun isaan barbaachise? Haqni eessa jira? Itti gaafatamummaan eessa jira?” jedhee gaafata. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.