Xiinxala: Hongee Itoophiyaa Muudateef Sababni Jijjiirama Haala Qilleensaa Qofa Miti

Kadir Ibraahim fi Faaxumaa Siraaj Ijoollee isaanii waliin

Bileh Jeelan tiin

Finfinnee– Baale Bahaa “Asitti namoonni rakkoo keessa jiru, karaa Darakoo irraa kaasee hanga Sawwenaatti, marga dheedichaa loonii  fi madda bishaanii barbaacha  qe’ee isaanii gadhiisaniiru,” jechuun Aliyyii Sheek Osmaan Addis Standarditti hime.

Jiraataan godina  Baale Bahaa , aanaa  Raayituu  Aliyyiin, “ Omtuu hin jiru, wanti mootummaan hojjachaa jiru gahaa miti. Bishaan barbaadanii liitira 10 gadi argachuun ni ulfaata. Nyaatni isaan dhiyeessanis  gahaa miti maatii guddaa ji’aan gahuu  hin danda’u.”

Aliyyiin jiraattota Addis Standard imala gara Godina Baale Bahaa taasisee  dubbise  keessaa isa  tokko.

Haa ta’uu malee, hongeen qilleensaatiin dhufu qofa miti kan hawaasa naannichaa miidhaa jiru. Odeeffannoon Addis staandard jiraattota irraa argate heddu akka mul’isutti, dhiibamuun, bulchiinsa gaarii dhabuu  fi malaammaltummaan rakko cimaa kana hammeessaa jira.

“ Omtuu hin jiru, wanti mootummaan hojjachaa jiru gahaa miti. Bishaan barbaadanii liitira 10 gadi argachuun ni ulfaata. Nyaatni isaan dhiyeessanis  gahaa miti maatii guddaa ji’aan gahuu  hin danda’u.”

Aliyyii, Jiraataa aanaa  Raayituu

Namoota  Addis Standard dubbise keessaa seenaan Faaxumaa Siraaj, umurii 28, fi haati ijoollee lamaa, hangam akka mootummaan rakkoo kanaaf xiyyeeffannoo hin kennine mul’isa. Faaximaan dhalootni ishee Egloo dha. Abbaan Warra ishee ajjeechaa artisti Hacaaluu Hundeessaa,  Waxabajji  29, 2020 raawwatame hordofee  tarkaanfii mootummaan guutuu Oromiyaa  keessaatti fudhateen hidhamee jira.

Rakkoo ishee qofaa osoo hin ilaalin,  Faaxumaan akkuma dubartoota naannoo sanaa hedduu, daa’imman abbaa fi haadha hin qabne kanneen warri isaanii sababa hongeen irra dhuman ykn sababa hanqina qabeenyatiin walitti bu’iinsa hawaasa horsiise bultoota gidduutti uumamuun du’an fudhattee  kunuunsuufi guddisuu  itti gaafatamummaa ishee fudhatte.

Faaxumaan haala gara Sawweenaatti ishee fide yaadachuun akkas jette:”Lafa xiqqoo anii fi abbaan manaakoo qotannee  ittiin jiraannu qabna.Garuu erga abbaan manaa koo waggaa lama dura hidhamee fi roobni suuta suutaan gadi bu’uu jalqabee,hojii qonnaa kana kophaa koo itti fufsiisuun waan baay’ee hojjechuu hin dandeenye,akkasumas erga  maddootni bishaanii akka laggeenii fi haroowwan gogu erga jalqabanii booda bishaan argachuu hin dandeenye.”jetti.

“Roobni nuuf deebi’ee nutis gara qe’ee keenyatti deebinee waan tokkoyyuu akka  isaan (Mootummaa Naannoo Oromiyaa) hin gaafanne Rabbiin kadhanna.Waggoota kana hunda keessattu waan tokko nuuf hin goone. Amma maaliif waa nuuf godhu jennee isaan eegna?”

Faaxumaa

Faaxumaan ijoollee ishee lamaa fi ijoollee kunuunsitu afur naannoo ishee irraa fudhattee lafa km 30 miilaan gara Sawweenaatti deemte. “Mee yaadi ijoollee ja’a waliin, karaa duwwaa  fi gammoojji dhukkeen guutame irra lubbuu keetiif sodaachaa yoo deemtu, galatasaa booda irra namni konkolaataa fe’umsaa qabu tokko na argee gara Sawwenaatti na fide.” jechuun imala ishee ulfaataa yaadatti. 

Sababa gara Sawweenaa deemtefis wayita himtu Faaxumaan, “”Sababni ijoollee kana waliin gara kanatti dhufneef naannawa kanatti  akka  gargaarsi  raabsamu dhageenye. Ani baheen jira garuu namootni baay’een haala hamaa sana keessa jiru.” jette.

Gargaarsa mootummaan naannichaa godherratti Faaxumaan “mee waan kana natti hin kaasin,Roobni nuuf deebi’ee nutis gara qe’ee keenyatti deebinee waan tokkoyyuu akka  isaan (Mootummaa Naannoo Oromiyaa) hin gaafanne Rabbiin kadhanna.Waggoota kana hunda keessattu waan tokko nuuf hin goone. Amma maaliif waa nuuf godhu jennee isaan eegna?” jette. 

Hongee  Waggoota kurnan darban keessatti isa hamaadha

Gaanfa Afrikaatti waggoota kurnan darbaniif, keessumaa waqtiin gogiinsaa dhiibbaa hanqina nyaataa cimaatu mul’ata, keessuma bakka gogiinsi waggaa waggaadhaan itti mul’atutti,hanqinni  nyaataa fi bishaanii namoota miliyoonaan lakkaa’aman irratti gaaga’ama guddaa geessiseera.

Naannichi  badii weerara awwaannisaa Ebla 2020 irraa eegalee irraa utuu hin bayyanatin, hongeen  bara 2021 gaanfa Afrikaatti muudate, gogiinsa hamaa waggoota kurnan darban keessatti naannicha muudate jedhamee. Hongeen kunis namoota miiliyoonaan lakkaa’aman kutaalee Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa jiraatan  jireenya  fi du’a gidduutti hambise.

Akka Neetworkiin Sirna Akeekkachiisa Beelaa  (FEWS NET) jedhutti, naannoo Gaanfa Afrikaatti, dhuma bara 2020 irraa eegalee yeroo roobaa giddu galeessaa gadi ta’e yeroo sadaffaaf walitti aansuun mudachaa jira,kunis yoo xiqqaate walakkeessa bara 2022tti gogiinsa amma jiru cimsuu fi wabii nyaataa haalaan dhabamsiisa jedhamee eegama.

Akka Moodeelota tilmaamaa raaga naannoo fi addunyaa hedduutti roobni baatii Onkoloolessa hanga Muddee 2022tti roobu giddu galeessaa gadi akka ta’u mul’isu , kunis adda durummaan sababa haalli qilleensaa Galaana Hindii Diyipoolii negativaa fi Laa Niinaati. 

Odeeffannoon dabalataa  FEWS NET irraa argame akka agarsiisutti qorannoon haala qilleensaa irratti gaggeeffame carraan yeroo rooba giddu galeessaa gadi ta’e afraffaaf walitti aansuun Amajjii hanga Caamsaa 2022tti guddaa ta’uu agarsiisa.Naannichatti  yeroo xumuraaf  bara 2016/2017tti gogiinsa waqtii afuriif kan mudate yoo ta’u, kunis hanqinni nyaataa cimaan Gaanfa Afrikaatti akka uumamu taasiseera.

Yeroo ammaa kana,  Itoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa fi Yugaandaa keessatti sababa hongeetiin qofa osoo hin taane, walitti bu’iinsa, rakkoo nageenya , fi rakkoo dinagdeetiin akkasumas gaaga’ama gargaarsa namoomaa kaabaa Itoophiyyatti mudate dabalatee,namootni  miliyoona 20 ta’an hanga walakkeessa bara 2022tti gargaarsa nyaataa barbaadu.

Haaluma walfakkaatuun, akka gabaasni Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii (FAO) eerutti  hongee gaanfa Afrikaa keessatti mul’ate hammaataa fi baay’inaan dabalaa kan dhufe sababa jijjiirama qilleensaa, gammoojjummaa fi manca’iinsa lafaatiin hammaataa dhufe.

“Hongee gaanfa Afrikaa keessatti mul’ate hammaataa fi baay’inaan dabalaa kan dhufe sababa jijjiirama qilleensaa, gammoojjummaa fi manca’iinsa lafaatiin hammaataa dhufe.”

FAO

Gogiinsi yeroo dheeraaf turee dhiibbaan isaa Itoophiyaa keessatti geessise xiyyeeffannoo mootummaa dhabuu, rakkoo nageenyaa fi diinagdee amma mudateen daran hammaate.

Naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti keessumaan iddoowwan hanqina roobaatiin miidhaman keessatti rakkoo kana daran kan hammaasse, tarsiimoo qonnaa hin milkoofne kan hanga ammaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf ykn dhiyeessii bishaanii fooyya’aa ta’e argamsiisuu hin dandeenye hordofamuu isaati. 

Hongeen Itoophiyaa Muudate Hangam Hamaadha ?

Gabaasni dhiheenya kana ba’e akka mul’isutti, naannolee biyyattii haala hamaadhaan miidhaman keessaa tokko bulchiinsa naannoo Somaalee qofa keessatti beeyladni miliyoona tokkoo ol ta’an dhumuun hedd nama rifachiisa. (Akka gabaasa DHMG tti naannolee Oromiyaa, Somaalee, Kibba Lixaa fi saboota,sablammoota fi ummatoota kibbaa Itoophiyaa keessatti gaaga’amni guddaan gaheera.)

Akka ragaan jalqabaa agarsiisutti, baha Itoophiyaa qofatti beeyladootni 70, 000 ol kan du’an yoo ta’u, bineensonni bosonaa lubbuun hafan ammoo margaa fi bishaan barbaaduuf godaansi isaanii dabalaa dhufeera.

Addis Standard naannoo Oromiyaa fi Somaalee keessatti bakkeewwan hongeen miidhaman  irratti gabaasaa tureera. Jiraattotni naannolee lamaanii, mootummaan tarkaanfii fudhachuun rakkicha furuu dhabuun isaatiin komatu. Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa keessatti ammoo, mootummaan naannichaa miidhaa hongee  daran akka hammeesse himatu. Kanas aanga’ootni mootummaa  naannoo Oromiyaa amanuun fudhataniiru.

Amma immoo, miidhaan hongee  hammaataa dhufeera. Akka  UNOCHA’n  Fulbaana 07 /2022  gabaasa baaseetti: “Hongeen kun jireenya namoota dadhaboo beeylada irratti hundaa’anii balaadhaaf saaxilaa jiraachuu fi hanqina wabii nyaataa hammeessuun, tooftaalee dandeetti dandamachuu namoota miidhaa  jira.” Lakkoofsi beeyladoota hanqina nyaataa fi bishaaniin du’aa jiranii haala nama ajaa’ibsiisuun guyyaa guyyaan dabalaa jira.

“Hongeen kun jireenya namoota dadhaboo beeylada irratti hundaa’anii balaadhaaf saaxilaa jiraachuu fi hanqina wabii nyaataa hammeessuun, tooftaalee dandeetti dandamachuu namoota miidhaa  jira.”

UNOCHA

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, lakkoofsi beeyladoota du’anii  ol’aanaa ta’uun isaa haala sodaachisaa kanaaf ”agarsiiftuu guddaa ” ta’uu hima.  Lakkoofsi beeyladoota du’anii hanga Guraandhala 2022tti gabaafame kan  tilmaama bara 2021, irraa heddu caala. Akka  tilmaamni  Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, agarsiisutti beeyladootni dabalataa miliyoona lama ta’an naannoolee rakkoo hongee kanaan miidhaman keessatti balaaf saaxilamaniiru.

Dhiibbaa hongeen geessise dhumaatii beeyladootaa Somaalee,Oromiyaa fi Sabaa, sablammoota fi ummattoota kibbaa keessatti muudataa jiruun  gaaga’ama hongeen  geessisaa jiru hubachuun ni danda’ama. Ragaan  dhaabbilee U.N. fi FEWS NET irraa argame akka agarsiisutti Itoophiyaa, naannolee hongeen  miidhaman hunda keessatti namoonni miliyoona 6.8 ol ta’an gargaarsa namoomaa hatattamaa barbaadu.

Hongee jijjirama qilleensaatiin qofa dhufe miti

Mootummaan naannoo fi kan federaalaa dhiibbaa hongeen geessisu salphisuuf  qindoominaan deebii gahaa kennaa  akka jiran himu. Haa ta’uu malee,  jiraattonni naannolee rakkoo kanaan miidhaman hedduun Addis Standard dubbise,  deeggarsa barbaachisu argachaa hin jirru jedhan.

Godina  Baale Bahaa keessatti hongeen bara kanaa kan waggoota kurnan darban keessatti mudate caalaa miidhaa geessise, kunis hanqina  roobaa waqtii roobaa 3 keessatti muudate. Sababa kanaan  namootni kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru ykn sodaa beelaa yaaddessaa keessa jiru, beeyladootni kumaatamaan lakkaa’amanis dhumaniiru.

Godinni  Baale Bahaa naannoo Somaaleetin kan wal daangessuu fi  daandiin Ginnir-Imiin tin wal qunnamu. Aanaa Gindhiir irraa kan hafe aanaaleen godinicha keessa jiran hundi hongee kanaan miidhamaniiru. Kunis sababa teessuma lafaa dakeetti argamuu fi naannoo Somaaleetti dhihoo ta’uu isaaniti. 

Laga guddaa Waabii dabalatee laggeen waqtii bonaa hin gognee goganiiru(laga Wabee wajjin akka wal hin dhoofne), akkasumas lafti qonnaa bishaan dhabuun  gogeera.

Aliyyi, namni jalqaba gabaasa  kanaa irratti caqasame, waan qabu hunda dhabee jira. Isa qofas utuu hin taane Kadir Ibraahim kan  ganna 48 tis  akkasuma ta’eera.”Ani Katta irraan dhufe, sababa hongeen cimeef,  Sawweenaa keessatti carraan fooyya’aan akka jiru waan nutti himaniif gara kan dhufe ture,” jedha Kedir.  Dabaluunis “Horii koo hundumaa, digdamii Shananuu dhabeera. Akkuma waqtiin roobaa lama darbeen, Mootummaan pirojektoota bishaanii dhaabuun akka nu gargaaru gaafannee turre,Akkuma baay’een keenya tilmaamne hongeen itti fufe garuu nu hin dhageenye”  jedhe.

Amma mootummaan daakuu qamadii kiiloo tokko, kan xaafii  kiiloo tokkoo fi bishaan “litira 20 hin guutne nuuf  raabsee, akka nuti jireenya idilee jiraannu nu eega. Ani abbaa maatii afuritiif kun mee akkamitti danada’ama?” jedhe.

Jamaal Mohaammad fi Kadir Adam umriin isaanii wagga 40 fi 41, lamaan isaanii iyyuu baadiyyaa aanaa Raayituu irraa, gara Baalee-Roobee deemuuf dhamaatii heeddu booda, bakka roobni  xiqqaan itti roobe fi carraan hojii qonnaa ammallee jiru Sawweena gahuu danda’aniiru. 

Lamaanuu gargaarsi kan qaqqabaa hin turre ta’uu akkasumas waggoota darban keessa mootummaan yaaddoo jiraattota godina kanaa xiqqeessee ilaaluu isaatiin komataniiru.

“Gargaarsi biyyoota addunyaa fi keessattuu biyyoota Musliimaa irraa dhufaa jiru baajata isaan hongeef deebii kennuuf ramadan maddiitti gahaadha garuu bakka tokkotti namootni caasaa sana keessa jiran hatuudhaan, hanga warra rakkataniif wanti tokkollee hin hafnetti dhuma”

Jamaal

“Gargaarsi biyyoota addunyaa fi keessattuu biyyoota Musliimaa irraa dhufaa jiru baajata isaan hongeef deebii kennuuf ramadan maddiitti gahaadha garuu bakka tokkotti namootni caasaa sana keessa jiran hatuudhaan, hanga warra rakkataniif wanti tokkollee hin hafnetti dhuma” jedhe Jamaal.

“Naannoon kun, lafti ati irra dhaabbattu lafa Aannanii fi Damma jedhamuun beekama. Garuu wanti amma ta’e uumamuu kan danda’u yoo mootummaan si hin dhageenye qofa.” jechuun imimmaaniin hudhamaa dubbate. “Pirojektii bishaanii kan rooba cimmisu, boolla qotanii bishaan baasuu  fi hidha bishaani akka nuuf  ijaaran gaafanneerra.”

Osoo hongeen isa, maatii isaa, fi hawaasa naannoo sana hin hubin dura, Jamaal namoota dureeyyii Raayituu horii 120 ol qaban keessaa tokko ture. Amma garuu,“hanqina bishaanii waliin rakkoon itti fufee jiru horii koo hunda akkan gurguru na dirqisiise” jedhe. Waan qabu hunda dhiisee, haadha warraa fi ijoollee isaa waliin Baalee-Roobee qubachuuf karoorfateera. 

Jamaal fi kanneen biroo dhibbaan lakkaa’aman bara 2022tti rakkina keessa turu. Hongeen waggoota hedduudhaaf,  ammas bara 2021/2022tti mudate hanqina nyaataa fi galii, hanqina dhiyeessii midhaanii fi du’a beeyladoota  garmalee qaqqabsiisuu akka hin oolle FEWS NET akeekkachiise ture.

Rakkoo kanaa maatiin Abdulnaasir Abdullaahii kan umuriin 37 fi  jalqaba magaalaa Lakkoo irraa dhufe caalaa namni hubatu hin jiru. Addis Standard Oyiruu qonna isaa daawwateei, sababa bishaan argachuu hin dandeenyeef,  amma lafa goggogaa ta’eera. Abdulnaasir garuu achirraa hin godaanne, “Kun bakkan itti dhaladhe, fuudhee fi jireenya koo guutuu jiraadhedha, yoomiyyuu hin deemu.” jedha.

Rakkinni isaa akkuma warra biroo hundaa ,mootummaa naannichaa irraa deebii sirrii ta’e dhabuu fi gorsa jaarsolii pirojektii bishaanii ijaaruun bishaan  rooba kuusuu itti himame  tuffachuu isaatiin daran miidhame. “haadha manaa fi ijoollee 10 qaba akkuma argitan lafti qonnaa koo dhumee waan jiruuf bara dhufuuf irratti oomishuu waanan danda’u natti hin fakkaatu. Bishaan as Lakkootti nu bira hin geenye magaalaa Sawwenaa, kan as irraa km 27 fagaatu, qofa ga’aa jira.” jedha. 

 Hawaasa Waliif Birmatu

Dhabbatani Mototummaatoa Gamtoomanii,hongichi hanqina  wabii nyaataa hammeessaa jirachuu, akkasumallee  horsiisee bultootni bishaanii fi marga dheedichaa barbaaduuf fageenya dheeraa deemuuf akka dirqamanis akeekkachiiseera. “Beeyladootni naannolee hongeen  miidhaman keessatti lubbuun hafan baay’een dadhaboo fi kan  aannan xiqqoo ykn homaa hin kennine, kanaanis maddi argama  soorataa ijoo daa’immanii balaadhaaf saaxilameera” jedha gabaasni DHMG. 

Garuu Abdulnaasir yeroo madda galii hin qabnettillee, mootummaa irraa deebii gahaa argachuuf abdachuurra hawaasa isaa irratti hirkatee jiraachuu wayyaaf. “Asitti  hawaasa baayyee cimaa qabna, namootni wal gargaaru, warri warra kaan caalaa qaban warra hin qabneef qoodu.” 

“Lakkoofsi namoota buqqa’anii sirriin akkuma lakkoofsa namoota hongee kanaan daran miidhamanii hin beekamu.”

Sheek Abdulhakim Waliyyii, hoogganaa hawaasaa fi daldalaa dureessadha, aanaa Sawwenaa keessaatti dhaabbilee miti-mootummaa adda addaa waliin ta’uun hawaasa gargaaruuf carraaqaa jira. Sheek Abdulhakim  waa’ee hongee fi dhiibbaa inni hawaasa irraan geessise  yeroo ibsu: “Lakkoofsi namoota buqqa’anii [sirriin] akkuma lakkoofsa namoota hongee kanaan daran miidhamanii hin beekamu.”  Akka inni  jedhetti, “gatiin meeshaalee bu’uuraa guyyaa guyyaan ol ka’aa jira, qaala’iinsi jireenyaa to’atamaa hin jiru. Kun hundi kan ta’aa jiru wayita gatiin beeyladootaa sababa hanqina bishaanii fi marga dheedichaatiin laafaanii gadi bu’aa jiruutti.”  

Akkuma namootni biroo Addis Standarditti himan,  Sheek Abdulhakimis mootummaan deeggarsa hin goone jechuun komateera. “Bishaan gahaa hin fidan sanuu torbanitti bishaan qofa fidu.Daandiin waan hin jirreef bakkeewwan bishaan illee hin geenye heddutu jiru,”  jechuun gadde, “gargaarsa mootummaa naannichaa taasisu ija mootummaatin yoo ilaaltu  gahaa fakkaachuu danda’a, garuu akkas miti; isumayyuu magaalota gurguddoo Godinaa bakka namoonni baay’een dhaqanii gargaarsa sana fudhachuu hin dandeenye kaa’u.”

Botteewwan erga bishaan raabsanii booda magaalaa Sawweenaa bahuuf hiriiranii jiran

“Rabbi yoo gidduu seenedha” waan namootni baay’een abdatanii fi furmaata ta’uu danda’u jedhe Sheek Abdulhakim, Itti dabaluunis “Mootummaan waan gargaarsa gara naannolee hongeen miidhamanii ergamu gufachiisuu furuu qaba, sababa malaammaltummaa qondaaltota mootummaa kanaan gargaarsi ummata rakkatan bira hin gahu.”

Sawweena keessatti dura buutootni hawaasaa hedduun namoota rakkatan ni  gargaaru. Mohammed Gutoo akkuma Sheek Abdulhakim gargaarsa dhaabbilee miti mootummaa biyya keessaatiin dhiyaatu qindeessan irraa haala adda ta’ee, namoota 40 aanaa  Sawwenaarraa buqqa’an keessummeessuun kiisa ofiirraa waan barbaachisu isaaniif dhiheessaa jira.Akka yaada Mohammed kennetti  kun sababa  gargaarsi  mootummaa naannichaa gufatuu fi gargaarsa sirrii ta’e dhabuu fi  kanneen biroo hunda ni dabalata.

Mohaammad “Kun gamtaa ummata Baale Bahaa cabsuuf yaaliin godhamedha” jedhee amana. “Yeroo itti Baale Bahaa, Booranaa fi Oromiyaa Godina  Harargee keessatti namoonni beelaan du’aa jiranitti qondaaltonni naannoo keenyaa akkamitti maallaqaa fi loon naannoo Amaaraa fi Somaaleef arjooman mee naaf ibsaa? Akkamitti akkasitti jireenya keenyaan siyaasa taphachuu danda’u?” jedhee gaafata.

“Kun gamtaa ummata Baale Bahaa cabsuuf yaaliin godhamedha. Yeroo itti Baale Bahaa, Booranaa fi Oromiyaa Godina  Harargee keessatti namoonni beelaan du’aa jiranitti qondaaltonni naannoo keenyaa akkamitti maallaqaa fi loon naannoo Amaaraa fi Somaaleef arjooman mee naaf ibsaa? Akkamitti akkasitti jireenya keenyaan siyaasa taphachuu danda’u?”

Mohaammad

Mootummaan Faallaa Dubbata 

Garuu ragaan kun hundi jiraatus, itti gaafatamaa koree hongee ittisuu bulchiinsa aanaa Sawweenaa  Aliyyii Kadir, Sheek Abdulhakim, Mohammed Gutoo, fi namoota dachaa malaammaltummaa fi mootummaa naannichaa himatanitti kenniinsa gargaarsaa jeeqa jedhan akka hin fudhanne ibse. 

Haalli kun hammaataa dhufes hanqina qabeenya mootummaa naannichaa akkasumas bulchiinsi aanaatiin  akka ta’e falme; namootni hedduun gargaarsa gahaa akka hin arganne sababa kan ta’ees kana. “Yoo xiqqaate maatiin 102 guyyaa guyyaan gargaarsa nu gaafatu, gargaarsa barbaachisu isaaniif kennuu hin dandeenyu,  gargaarsi gahaan waan hin jirreef.”

“Guyyaa guyyaan bishaan isaaniif kennaa jirra, gargaarsi nyaataa torban torbaniin dhufaa jira, nyaatni looniis torban torbaniin raabsamaa jira”

Aliyyii Kadir,

Ragaa namoota kan faallessuun “Guyyaa guyyaan bishaan isaaniif kennaa jirra, gargaarsi nyaataa torban torbaniin dhufaa jira, nyaatni looniis torban torbaniin raabsamaa jira” jedhe.

Garuu Aliyyii “Muddee bara darbee kaasee hanga ammaatti aanaa Sawweenaa qofatti loon kuma 30 du’uu” amanee jira. Akka Godina Baalee Bahaatti beeyladootni meeqa akka du’an mee yaadi?” jedhee xiinxala. Miidhaan namaa jiraachuu isaa yeroo gaafatamettis, “kan ani quba qabu miti” jedhee deebisee.

Karoora mootummaan naannichaa rakkoon akkanaa gara fuula duraatti akka hin uumamneef qabu yeroo gaafataman, “Hawaasni pirojektoota bishaanii gaafachaa tureera, kanarratti hojjachaa jirra” jedhe. “Pirojektoota bishaanii ijaaruun roobarraa bishaan kuusuuf karoorfatnee jirra.”

Sawweenaa fi aanaalee godina Baalee Bahaa hafe keessatti daandiin, buufataaleen eegumsa fayyaa, fi tajaajilootni a bu’uuraa kanneen biroo dhabamuun haalicha daranuuhammeessera.

Komii jiraattota godinichaa furuuf mootummaan naannichaa irra deddeebiin waadaa seenus, mootummaan dhufaa darbaa kufaatii malee jijjirama agarsiisan hin qaban jechuun jiraattonni godinichaa yeroo dheeraaf kophaa isaanii hafuu isaanii komataniiru.

Qondaaltonni bulchiinsa Godina  Baalee Bahaa fi waajjira sodaa balaa bulchiinsa godinichaa dhimma kana irratti Addis Standard deebii kennuu didan, akkasumas lammanuu  diduu isaaniif ibsa hin kennine. AS


Hubachiisa Gulaalaa: Xiinxalli kun jalqaba Barruu Addis Standard maxxansa Bitootessaa irratti maxxanfame.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.