Oduu: Humnoota Tigraay, Eertiraa giddu walitti bu’iinsi haaraan uumame; Mootummaan Federaalaa walitti bu’iinsa kakaasuun humnoota Tigraay himate

Finfinnee, Caamsaa 31/2022- Aanga’ooni Tigraay humnootni Eertiraa dhuma torban darbe keessatti haleellaa waraanaa haaraa gaggeessaniiru jechuun himatan. Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa ibsa isaatiin jalqaba waa’ee dhimma aanga’ootni Tigraay jedhan quba akka hin qabne ibse, haata’u malee haleellicha jalqabaniiru jechuun humnoota Tigraay himateera. 

Gorsaan Pirezidaantii  naannoo Tigraay fi miseensi koree hoji raawwachiistuu ABUT Getaachoo Raddaa Caamsaa 30 Tiwiitara isaarratti, “haleellaan Caamsaa 24 kutaa waraanaa 57ffaa fi 21ffaa Eertiraatin baname fashalaa’eera, akkasumas haleellaa deebii humnootni keenya naannoo Addi Awwalaa jiran fudhataniin kutaa waraanaa mootummaan Isaayyaas bobbaase faayidaa ala ta’eera.” Kana malees humnootni Eertiraa “Caamsaa 28 fi 29 Shiraaroo irratti dhukaasaniiru” jechuun himateera.  

Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa, Laggasaa Tulluu (PHD) yaada BBC Afaan Amaaraaf laateen waa’ee kana odeeffannoo akka hin qabne himuun “gama Eertiraatii waraanni ni jiraata jenne hin amannu” jedheera. Dabalataan, humnootni Tigraay haleellicha kakaasanii gama humnoota Eertiraa irraa deebii akka laatamu gochu malu jechuun isaan himateera. Gabaasichis himannaa ABUT ofiisaa erga haleellaa kakaasee booda kan baasee ta’u mala jedhe.  

Haata’u malee, Laggasaan ibsa addaa boodarra ‘Al Ain’f laateen ABUT walitti bu’iinsicha akka jalqabsiisee fi milishootni isaas miidhaan guddaa akka irra gahe dubbateera. 

Ministirichi humnootni Tigraay Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu walitti bu’iinsa uumuuf socho’aa akka turan himeera. Kunis sababa TPLF “biyyootni lamaan gara walitti bu’iinsaatti seensisuuf barbaaduunii” jedhe. Laggasaan “kun gonkumaa hin ta’u” jechuun mootummaan federaalaa waa’ee haala yeroo bakkichatti jiru odeeffannoo akka qabu hime. 

Bifa faallaa ta’een, ibsi Getaachoo ammoo Eertiraatin “naannicha gara wal waraansaa hin dhaabbannee galchuuf waan hunda gooti. yaalii nageenyaa isa dhugaa yookiin kan itti yaadame” jechuun himateera.  

Dhimmicha ilaalchisee hanga ammaa gama Eertiraa irraa ibsa laatame hin jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.