Poolisiin Oromiyaa Gaazexeessituu Sabboontuu Himata Malee Hiike

Finfinnee, Caamsaa 30/2022- Gaazexeessituun FiB TV (Finfinne Integrated Broadcasting) Sabboontuu Ahmad sababa hin beekamneen hidhamuun ishee gabaafame jira. Sabboontuun kamisa Caamsaa 26/2022 galgala osoo hojiirraa baatee gara mana isheetti galaa jirtuu Poolisoota lamaan qabamtee gara waajjira Poolisii Magaalaa Finfinnee, Labuu naannoo addaa Muuziqaa Safar jedhamuutti hidhamte. Caamsaa 27/2022 gara buufata poolisii bulchiinsa magaalaa Bishooftuu geeffamtee. 

Daayirektarri Olaanaa Miidiyaa FiB Lammii Taayyee, Gaazexeessituu Sabboontuun hiikamuu Addis Standardiif mirkaneessuun, “Ani kaleessa Komishinara Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa waliin dhimma Sabboontuu ilaalchisee bilbilaan haasa’een ture. Komishinarichis dhimma ishee ilaalaa akka jiran natti hime ture. Sana booda har’a ganama waan haaraa eegaa turre. Poolisiinis yeroo barbaadamtu si waamna jedhanii har’a ganama naannoo sa’aa 4:30 wabii maatiitin gadi lakkisan” jedhe.

Sabboontuun gaazexeessituu kutaa sagantaa bashannanaa FIB yoo taatu, kamisa darbe iddoo ooltee galgala gara mana deemaa osoo jirtuu Poolisoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee lamaan erga qabamte guyyaa afur booda gadi lakkifamteetti. 

Waldaan Gaazexeessitoota Oromiyaa gama isaatiin dhimma hidhamuu Gaazexeessituu Sabboontuu Ahimad ilaalchisee ibsa baaseen, gaazexeessituun sababa hin beekamneen ajaja mana murtii tokko malee qabamtee hidhamte hatattamaan akka gadi lakkifamtu gaafateera. 

Sanbata Caamsaa 28/2022  Ma’aaza Mohaammad hidhaamuu fi hiikamuun Sabboontuu lakkoofsa gaazexeessitoota fi ogeeyyii miidiyaa hidhaa jiranii 18 taasiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.