Dhaabbileen Jimaa Gara Biyya Alaa Ergan 800 ol Eeyyamni Daldalaa Isaani Haqame

Finfinnee –  Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhiinsa Naannawaa, dhaabbilee oomisha Jimaa gara biyya alaatti ergan 830 eeyyama daldalaa hin haaromsine fi tajaajila karaa hin malleen fayyadaman dabalatee “gocha seeraan alaa irratti bobba’aniiru” jedhe eeyyama daldalaa isaani haquu beeksise. 

Ministeerichi biyyattiin galii al ergii oomisha Jimaatin argattu guddisuun sirna gabaa seera qabeessa ta’e diriirsuuf yaaliin heddu godhamaa akka jiru ibseera. Kanaafis daldala seeraan alaa fi kontrobaandii oomisha Jimaa irratti raawwatamu ittisuuf garee to’annoo hundeessuun karaawwan oomishichi itti bahuu irratti to’annoo fi hordoffii cimaa gochuun kanneen gocha seeraan ala irratti hirmaatan irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.  

Baalli Jimaa baay’inaan Itoophiyaa, Keeniyaa fi Yaman keessatti kan biqilu yoo ta’u, oomishicha gara biyyoota alaatti erguun Itoophiyaan adda dureedha. Akka qorannoon gabaa Jimaa fi hojiirrra olmaa gabaa alaa diinagdee Itoophiyaa keessatti qabu ilaalchisee bara 2020 bahe mul’isutti, “Indaastiriin Jimaa dameewwan qonnaa adda durummaan eeraman keessa isa tokkooti. Indaastirichi galii gabaa alaa biyyattii keessaa dhibbeentaa 4 kan qabu yoo ta’u, gabaa alaa waliigalaa irraa gahee dhibbeentaa 9.4 qaba.”    

“Gatiin Jimaa adeemsa yerootin jijjiiramaadha. Galiin Jimaa gara alaa ergame irraa argame bara 1985 kan ture birrii miiliyoona 15.9 irraa bara 2000 gara dolaara miiliyoona 618.8 guddachuun bara 2017tti dolaara biiliyoona 6.1 gaheera. Jimaan gara alaa ergamu bara 1985 toonii 138 ture irraa bara 2000 gara toonii 156 guddachuun, bara 2017 irratti toonii 488 gaheera. Kunis fedhii olaanaa Somaalilaand waliin walqabata. Somaalilaand biyya Jimaa gara biyya keessa galchuun kan beekamtu Jibuutii bakka bu’uun biyya oomisha Jimaa olaanaa galchitu ta’aa jirti,” jedha qorannichi.  

Ibsi Miniteerichi baase damee gabaa alaa Jimaa irratti gocha seeraan ala babal’achuun isaa Itoophiyaan galii sharafa alaa akka dhabdu taasisaa jira jechuun ibseera. Dabalataan qabeenyawwan Itoophiyaa gara biyyoota ollaatti dabarfamaa diinagdee biyyattii irratti miidhaan gahaa jira jechuun qeeqeera. 

Hordoffii Ministeerichi taasiseen dhaabbilee Jimaa ergan 830 irratti tarkaanfii eeyyama haquu fudhateera. Tarkaanfichi dhaabbilee eeyyama daldalaa gabaa alaa oomisha Jimaa osoo hin haaromsiin hojii oomisha Jimaa gara alaatti ergu irratti bobba’anii argamanii fi kanneen eeyyama daldalaa al-ergii oomisha Jimaa isaanii karaa seeraan ala qaama sadaffaaf dabarsanii laatan dabalata. 

Kana keessa dhaabbileen 14 eeyyama daldalaa al-ergii oomisha Jimaa osoo hin haaromsiin hojii oomisha Jimaa gara alaatti ergu irratti bobba’anii waan argamaniif eeyyamni isaani akka haqamu taasifameera. Kana malees, kanneen eeyyama daldalaa al-ergii oomisha Jimaa qabaatanii karaa seeraan ala eeyyama isaani qaama sadaffaaf dabarsanii laatan 40 eeyyamni isaani yeroof akka dhorkamu taasifameera.

Ministeerichi  rakkoo kana hundeedhaan hiikuuf yaalii taasiseen qophii tajaajila foddaa tokko yeroosaa eeggate xumuruun eeyyama gabaa alaa kennuu ibseera. Dhaabbilee Jimaa erganis dhufanii waliigaltee daldalaa dabalatee sanada gabaa alaa akka galmeessanii fi baankiirraa eeyyama gabaa alaa argachu isaani dura seera qabeessummaa isaani Ministeericha biratti akka mirkaneessan waamicha dhiyeesseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.